Koronaavaayiras: 'Amantoonni iddoo sagadaa yeroo dheeraa turuu hin qaban'

Ogantoota Dhimma Islaamummaa

Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa dhibee Kooroonaavaayiras ilaalchisuun hawaasni musliimaa solaataan ala iddoo sagadaatti yeroo dheeraaf akka hin turre gorse.

"Xiqqaachuun lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii nu dagachiisuu hin qabu" kan jedhe ibsi mana marichaa, meeshaaleen qulqullinaaf oolan akka saamunaa, alkoolii fi kunnen biroo seensa masjiidotaarra akka kaa'aman himeera.

"Dhibeen kun badii hojjenneef adabbii dhufedha. Kanaaf hawaasni uumaasaa dhiifama gaafachuu qabas" jedhameera.

Haa ta'u malee hawaasni sodaa hin malle fi jeeqamuu irraa akka of qusatu fi odeeffannoos maddoota amanamoo irraa fudhachuu akka qabu dhaame.

Baay'atanii kadhachuun gaarii ta'us dirqama miti kan jedhe manni marichaa baay'atanii kadhachuun mataasaatiin rakkoo qaba kanaaf namni kamiyyuu iddoo jiruu, manasaatii kadhaa gochuu qaba jedheera.

Solaata Jumaas lakkoofsi namootaa akka xiqqaatu fi masjiida keessatti walitti siiqanii sagaduun akka dhaabbatus dhaamameera.

Gama biraatin hawaasni musliimaa harka walfuudhuurraa akka of qusatu, nagaa fageenyarraa wal gaafachuu akka qabu fi iddoo namni walitti qabamurraa fagaachuu akka qabu dhaamameera.

Dhibee Kooroonaavaayiras ilaalchisuunis masjiidotatti hawaasaaf barumsi akka laatamu himameera.

Namootnis mallattoolee dhibee Kooroonaavaayiras ijooo sadeen hoo'aa qaamaa, qufaa fi rakkoo hargansuu yeroo mudatu hatattamaan gara dhaabbilee fayyaa akka deeman himameera.

Waldaaleen manneen amantaa warra wangeelaa hedduus sagantaawwan waaqeffannaafi kadhannaa gurguddaa yeroof haqaa jiru.

Waldaaleen kunneen hordoftoonni isaanii manaa akkaa kadhatan dhaamaniiru.