Koronaavaayiras: COVID19 to'achuuf murteewwan haaraa Itoophiyaan dabarsite maal fa'i?

Madda suuraa, EBC/screenshot
Mootummaan Itoophiyaa weerara koronaavaayirasii ittisuuf tarkaanfiiwwan haaraa fudhachuu isaa MM Abiy Ahimad ibsa har'a kennaniin beeksisaniiru.
Murteewwan kunneen maal fa'i?
- Balaliisa xiyyaaraa
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa sababa weerara koronaa vaayirasiin balalii biyyoota 30 akka adda kute MM Abiy Ahimad ibsa har'a kennaniin beeksisan
Biyyootni 30 kunneen kam akka ta'an hin ibsamne.
Namoonni biyyoota 30 balaliin akka adda citu murtaa'een alaa dhufan kamiyyuu guyyoota 14'f adda baafamanii tursiifamuun dirqamas jedhan.
Namootni kunneen hoteelota dhimma kanaaf qophaa'an keessatti adda of baasanii kan turan yoo ta'u baasii isaanii guyyoota 14 ofiin akka of danda'anis himaniiru.
Amma dura sababni Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa balalii adda hin kutiin tureef, balalii adda kutuun qorichaafi meeshaalee ittiin qorannoon koronaavaayirasii gaggeessan dabalate wantoota kaan gara biyyaa galchuuf rakkisaa waan ta'uufi jedhan.
Weerarri vaayirasichaa gamanumaan diinagdee biyyattii miidhaa jiraachu eeruun, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa doolaara miiliyoona 190 kasaaree jira jedhan.
Indaastriiwwan abaaboo fi huccuus miidhamanii jiru jedhan.
- Manneen amantaa
Manneen amantaa tatamsa'ina vaayirasichaaf haala mijataa uumuu waan danda'aniif manneen amantaa murtee mataa isaanii akka murteessan waliigalteerra gahamuu MM Abiy himaniiru.
"Abbootii amantaa Ortodoksii walin mari'anneerra, isaanis irratti mari'atanii murtee isaanii ni beeksisu" jedhan.
Hordoftootni amantaa piroteestaantis tajaajila gama miidiyaan akka fayyadaman dhaamaniiru.
"Gama amantaa Islaamaatinis kadhannaawwan gareedhaan taasifaman irratti murtee akka murteessan mootummaan waamicha dhiyeessee jira" jedhan.
- Manneen hidhaa
Manneen hidhaa keessatti vaayirasichi yoo mudate to'achuun rakkisaa waan ta'uuf kaneen daa'imman waliin hidhaman, kanneen yeroo itti murtaa'e xumurataa jiran akkasumas himatni isaanii salphaa ta'e akka gadi dhiifaman murtaa'uu himaniiru.
Dabalataan manneen hidhaa namoonni hedduun keessatti hidhaman iddoon isaanii akka bal'atu gochuuf murtaa'uu himan.
Sirreeffamtootni haaraan dhibicharraa bilisa ta'uun isaanii osoo hin mirkanaa'in gara mana sirreessaa akka hin seenne ni taasifama jedhan.
Kana malees maatiin hidhamtoota gaafachuuf dhaquun yeroof akka adda citu murtaa'era jedhaniiru.
- Dhimmoota kaan
Tatamsa'ina vaayirasichaa hanga to'achuun danda'amutti manneen dhugaatii fi sirbaa (night club) magaala Finfinnee keessa jiran yeroo hin murtoofneef hojii saanii akka dhaaban murtaa'era jedhan MM Abiy.
Gama biraan ogeeyyiin fayyaa barumsarras ta'e hojiirra jiran bifa dirqama lamummaatiin tumsa taasisaa jiran akka itti fufan dhaamaniiru.
Dargaggoonni magaalaa Finfinnee keessatti hojii tola ooltummaa hojjetan wayita hojii kanaaf bahan ofis ta'e namoota kaan haala vaayirasichaaf hin saaxilleen ta'uu qaba jedhan.Magaalaa Finfinnee iddoowwan tokko tokkotti haleellaan lammilee biyyoota alaarrati raawwatamaa jiraachuu quba qabaachuu kan himan MM Abiy, lammileen gocha akkasii irraa akka of qusatan dhaamanii jiru.
Mootummaan magaala Finfinnneen alatti naannolee keessatti vaayirasicha qorachuun akka danda'amu hojjetamaa jira jedhan.
Hospitaala mootummaa dabalatee hospitaalonni dhuunfaa gahee isaanii akka bahataniif dhaamanii kanaafis deeggarsi barbaachisaan ni taasifamaaf jedhan.
Dhukkuba kana ittisuuf dureeyyii Eezhiyaa fi Ameerikaa Jaak Maa fi Biil Geets akkasumas Baankii Addunyaa irraa deeggarsi maallaqaa doolaara Ameerikaa miliyoona 80 argamuus dubbataniiru.
Meeshaan ittii qoratan, maaskiifi barruuleen qajeelfamaa Jaak Maa arjoome fe'umsi jalqabaa Dilbata Bitootessaa 22 Finfinnee gaha jedhaniiru.
Filannoo ilaalchisee Boordiin Filannoo Biyyaalessaa qorannoo mataasaa adeemsisaa jiraachuu dubbatan.
"Akka Chaayinaatti vaayirasicha yeroo gabaabaatti kan to'annu yoo ta'e yeroo karoorfametti yoo adeemsifame gaariidha," jedhan.
Yoo yeroo gabaabaatti hin to'atamne garuu qorannoo boordichi adeemsisu irratti hundaa'uun filannoon dheerachuu akka malu akeekaniiru.














