Xayyaara pirezidantii Ameerikaa 'Air Force One' keessoosaa maaltu jira?

Xayyaara Air Force One

Madda suuraa, Getty Images

Xayyaarri kun Air Force One jedhamun beekama. Pirezidantii Ameerikaa qofatu ittiin imala. Tarii fiilmii Air Force One jedhun argitaniittu ta'a.

Fiilmicharratti Harisan Foord akka pirezidaantii Ameerikaatti dhiyaachun Air Force One irra osoo jiruu shororkeessitoonni xayyaaricha ugguruuf yeroo yaalaniifi pirezidantichaa fi maatiisaa oolchuf waldhaansoo jiru agarsiisa.

Xayyaarri pirezidaantin Ameerikaa qofti ittiin imalu kun Waayit Haawus Samiirra Jiru (the flying white House) jedhama.

Biiroo pirezidaantii Waayit Haawus keessa wanti jiru hunduu xayyaara Air Force One keessas jira.

Dhimmi xiyyaara kanaatis erga torban darbe wayita Tiraamp Baha Gidduu Galeessaatti dawwanitti Kaataar xiyyaara qaqanii guddaa akka isaaf kennite himameen booda dhimmi xiyyaara pirezidantii Ameerikaa kun ijoo dubbii ta'erra.

Biiroo sadarkaasaa eeggate, kutaalee addaa pirezidantiin gorsitootaafi qondaalota waraanaa olaanoo wajjin itti wal-gahu, kutaalee ciisaa, kutaalee waldhaansaa, mana nyaata itti bilcheessaniifi heddu of keessaa qaba.

Pirezidaantii US wajjin xayyaara Air Force One kan yaabatu garee eegdotaafi gorsitoota akkasumas kanneen nyaata bilcheessan, paayileetotaafi hojjattoota xiyyaaraatiin alatti gaazexeessitoonni 13 qofatu filamu.

Pirezidaantiin US xayyaara kanaan bakka tokkotti imaluun dura gaazexeessitoonni waliin imalan sakatta'iinsa cimaa gulantaa garaa garaa keessa darbu.

Jalqabarratti saroonni sakattaaf leenji'aniin sakattamu; ittaansun gareen Sekreet Sarvisii waan isaan qabatan hunda sakatta'a.

Ittaansun maashina sakatta'u keessa erga darbanii xayyaara Air Force One seenuun hayyamamaaf.

Xayyaara pirezidaantin Ameerikaa qofti ittiin imalu xayyaarota aviyeeshinii kaan irraa maaltu adda taasisa?

Qilleensarratti boba'aa guuttachuu danda'a

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Marsariitii The White House irratti akka ibsametti yeroo ammaa xayyaaronni Air Force One pirezaantii US qofaaf adda bahanii jiran lama.

Xayyaarri kun dhabbata US xayyaarota aviyeeshiniifi waraanaa omishuun beekamu Booyingidhaan omishama.

Air Force One gosa xayyaara geejjiba namaaf oolu ta'us xayyoota geejjiba namaa idilee irraa wantoota adda isa godhan heddu qaba.

Wantoota xayyaara kana adda godhan keessaa tokko qilleensarra osoo jiruu boba'aa guuttachuu danda'a.

Waayit Haawus akka beeksisetti, xayyaarri kun qilleensarra osoo jiruu boba'aa guuttachuun pirezidaantii US addunyaa bakka kamiyyuu geessuu danda'a.

Xayyaaronni aviyeeshinii ykn geejjiba namaa kamuu boba'aa yeroo fixan buufata xayyaaraa isaanitti dhiyoo jiru qubachuun boba'aa guuttatanii imala itti fufu.

Air Force One garuu akka xayyaarota waraanaa qilleensarratti boba'aa guuttachuu danda'a.

Xayyaaronni waraanaa ykn basaasaa yeroo heddu ergama fageenya dheeraaf qilleensarra yeroo turan xayyaarri kan biraa boba'aa fidee qilleensarratti boba'aa guuttatu.

Xayaarri pirezidaantin Ameerikaa ittiin imalus xayyaara geejjiba namaa ta'ee osoo jiruu, yeroo rakkinaaf akka ta'utti qilleensarratti boba'aa akka guuttatu ta'ee omishame.

Xiyyaara Pirezidatnii Ameerikaa ittiin imalan

Madda suuraa, Getty Images

Sirna elektirooniksii farra misaa'elaa kan hidhateedha

Xayyaarri Air Force One gosa xayyaarota Booying 747 dhaabanni Booying omishuu ta'us, nageenya pirezidaantii US eeguf jedhamee teeknolojii ammaayyaan dabaalamee kan omishameedha.

Xayyaarri amma pirezidaantin Ameerikaa ittiin imalu hojiitti kan seene bara 1990oota keessa yoo ta'u, xayyaarri kun yeroo qilleensarra jirutti haleellaan misaa'elaas haa ta'u elektrooniksii pirezidaantii biyyattiirratti akka hin aggaamamneef jedhamee meeshaalee elektirooniksii farra misaa'elaa ta'an kan ammayyaa qaba.

Osoo pirezidaantin US xayyaara Air Force Onedhaan balali'aa jiruu akka tasaa misaa'elli lafarraa ykn qilleensarraa yoo itti dhukaafame, misaa'elli sun xayyaaricharraa akka maqu kan taasisu sirna elektirooniksii farra misaa'elaa gadi lakkisa.

Xayyaarri Air Force One gosa xayyaarota Booying 747 dhaabanni Booying omishuu ta'us, nageenya pirezidaantii US eeguf jedhamee teeknolojii ammaayyaan dabalaamee kan omishameedha.

Dhaabbanni Booying fuula marsariitii isaarratti akka ibsetti, waggoota 50 oliif xayyaara pirezidaantin Ameerikaa ittiin imalu omishaa akka tureefi xayyaarri Air Force One amma tajaajila kennaa jiru teknolojii ammaayyaan kan dabaalameefi nageenya pirezidaantifi maatiisaatii egumsa cimaa gochuuf akka ta'utti kan hojjatameedha.

Sirna ekelektirooniksii farra misaa'elaa qofa osoo hin taane sirna qunnamtii ammaayyaa kan qabuudha.

Pirezidaantin US qilleensarra osoo jiruu qondaalota siyaasafi waraanaa biyyattii wajjin rakkoo tokko malee wal-qunnamuu danda'a.

Yeroo rakkinaatti pirezidaantin qilleensarra Air Force One keessa taa'ee biyyattii bulchuu danda'a

Baarak Obaamaa xayyaara Air Force One keessaa yeroo bahu

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantin US yeroo rakkinaa ykn balaan biyyaalessaa mudatetti xayyaara Air Force One keessa taa'un qilleensarraa ajaja kennaa biyyattii gaggeessuu danda'a.

Yeroo rakkoo cimaan biyyattii mudatu, nageenyi pirezidaantichaafi maatiisaa yaaddoo keessa jira jedhamee yoo yaadame, Air Force One kaasun pirezidaanticha yeroof qilleensa keessa akka turu ykn bakka mijataa biraa akka deemu godhama.

Xayyaarri kun qilleensarratti boba'aa kan guuttatu ta'uunsaa osoo hin qubatin fageenya dheeraa akka imalu taasisa.

Gama biraan ammoo wantoonni biiroo pirezidaantii Waayit Haawus keessa jiran hundi xayyaara Air Force One kessa jiru waan ta'eef, pirezidaantichi qilleensarra osoo jiruu biyyattiitti ajaja waraanas ta'ee murteewwan siyaasaa biroo dabarsuu ni danda'a.

Kanumaaf jecha, Air Force One Waayit Haawus Balali'u jedhamee waamama.

Gama biraan ammoo Wiirtuu Ajajaa (Command Centre) jedhamuunis ni waamama.

Pirezidaantin US qilleensarra osoo jiruu ajajoota waraanafi tikaa biyyattii qunnamuun murteewwan ykn ajaja waraanaa dabarsuu danda'a.

Guyyaa itti pirezidaantin xayyaara Air Force One keessatti sirna kakuu raawwate

Yeroonsaa bara 1963 yoo ta'u, pirezidaantin ajjeefame Kenediin xayyaara Air Force One fayyadamuun Jarman, Barlin deemee erga deebi'ee booda duula filannoo gaggeessaa osoo jiruu Teeksas Daalasitti ajjeefame.

Reeffi Joon F Kenedii Daalas keessaa baafamee gara iddoo itti awwaalamuu geeffamuuf Air Force One keessa seensifame.

Yeroo pirezidaantin biyyattii lubbuun hin jirretti ykn haala biyya bulchuu hin daneenye keessa jirutti, pirezidaantii ta'uun biyyattii kan gaggeessu ittaanaa pirezidaantiiti.

Pirezidaant Joon F Keneediin waan ajjeefameef, battalatti namni bakkasaa bu'uu qabu yeroo sana ittaanaasaa kan ture Lindan B Joonsan ture.

Osoo reeffi Keneedii xayyaara Air Force Onedhaan hin ka'in dura Lindan Joonsan achuma xayyaaricha keessatti kakuu akka seenu godhame.

Xayyaarri Air Force One pirezidaantin Ameerikaa yeroo lubbuun jiru qofa osoo hin taane, yeroo du'us reeffasaa gaggeessufis kan oolufi mallattoo guddina Ameerikaa ta'ee kan tajaajiluudha.

Haleellaa 911: Guyyaa itti Joorj Buush Air Force One keessa taa'ee Ameetrikaa bulche

Haleellan Fulbaana 1, 2001 kan 911 jedhamuun beekamu Ameerikaarratti raawwate guyyaa itti fayidaan xayyaara Air Force One qabu itti barameedha.

Guyyaa al-Qaayidaan gamoo Giddu Gala Daldala Addunyaa magaala Niwu Yoorkitti argamu haleelu sana pirezidaantin US yeroo sanaa Joorj W Buush mana baruumsaa magaala Washington DC dhaan ala jiru daawwachaa ture.

Bara bulchiinsa Joorj Buush gorsituu Nageenya Biyyaalessaa US kan taate Kondoliizaa Raayis waggootan dura BBCtti akka himtetti, odeeffannoo haleellaa shorkoossummaa Ameerikaa irratti raawwate akka dhageessen Pirezidaant Buushitti bilbiluun akka itti himuu dubbatti.

Osoo baay'ee hin turin xayyaarri lammaffaan gamoo Giddi Gala Gabaa Addunyaa haleele. Yeroo kana Gaggeessaa Waayit Haawus kan ta'e Andii Kaard daree barattootaa bakka Joorj Buush taa'ee barattoota dhaggeeffatu seenee gurrasaatti jechuun, "Xayyaarri lammaffaan gamoo Daldala Addunyaa rukuteera. Ameerikaan haleellaa jala jirti" gurratti hasaasee bahe.

Joorj Buush waggoota muraasa turtii BBC waliin taasisaniin taatee sana yoo yaadatan: "Yeroo rakkoon akkasii mudatu waan qabatan wallaaluu osoo hin taane miira ofii akkaan to'achuun murteessadha. Daree barattootaa keessaa utaalee bahuu hin barbaanne" jechuun of tasgabbeessee bahuu dubbata.

Gaggeessaa Waayit Haawus yeroo sanaa kan ta'e Andii Kaard Ameerikaan haleelamuu Joorj Buushitti erga himee booda, xayyaarri Air Force One hatattamaan qophii akka ta'u ajaja dabarse.

"Pirezidaantin [xayyaaricha seenee] osoo taa'ee hin tasgabbaa'in xayyaarri ka'uuf sochii eegale.

"Xayyaarichi yeroo lafaa ka'i mataa ol qabee saffisaan gara samiitti akka bahu godhame," jechuun tarii haleellan misaa'elaa ykn dhukaasaa lafarraa yoo itti aggaamame salphaatti argachuu akka hin dandeenyef akkas gochuu hima.

Pirezidaant Baayidaniifi namoota isa waliin turan

Madda suuraa, Getty Images

Maark Tilman balaliisaa xayyaara Air Force One yoo ta'u, guyyaa haleellan 911 mudate balaliisaa xayyaarichaa kan ture isa.

Xayyaara erga kaasee booda, "Garam deemna jedhee gaafata. Yeroo kana Joorj Buush, gara Washingtan DC deemna kaa! jedhee deebisaaf. Kabajamoo pirezidaantii, murtee akkasii amma murteessuu hin dandeessan," jechuun nageenyaf jecha gara Washingtan DC deemuu akka hin dandeenye itti himuu dubbata Andii Kaard.

Haleellaa 911 Niwu Yoorkitti mudate booda, qilleensa Ameerikaa guutummaan akka cufamu godhame.

Xayyaara Air Force One dhaan alatti balaliin kamiyyuu qilleensa Ameerikaa keessa akka hin sochoone uggurri kaa'ame.

Pirezidaant Buush qilleensarraa ajaja kennuu eegale. Balaliin gara Washingtan ta'uuf ture adda cituun buufata waraanaa bakka biraa jiru qubachuun erga haalli tasgabbaa'ee booda gara Waashingtan DCtti deebi'an.

Wantoota xayyaara Air Force One adda godhan keessaa tokko kutaa waldhaansa baqaqsanii yaaluu qabaachuu isaati. Pirezidaantin Ameerikaa osoo balaliirra jiruu rakkoon fayyaa yoo isa mudate, achuma keessatti tajaajila waldhaansa fayyaa hanga baqaqsanii yaalutti argachuu danda'a.

Ogeeyyii fayyaa filaman, qorichoota, wantoota waldhaansaf barbaachisan, gosa dhiigaa pirezidaantichaaf ta'u hundi guutamee taa'a.

Kan biraa xayyyaara kana adda godhu keessaa, kutaa nyaata itti bilcheessaniifi itti nyaatan qabaachuusaati.

Xayyaarichi si'a tokkotti nama 100 teessisuu kan danda'u kutaa itti nyaatan qaba. Hojii xayyaara Air Force One dhaan wal-qabatu hunda kan hojjatu garee qaama nageenyaa Presidential Airlift Group akka ta'e ragaan marsariitii Waayit Haawus ni ibsa.

Gareen kun qaama Biiroo Waraanaa Waayit Haawus ta'ee bara 1944tti kan hundaa'edha. Nageenya, fayyummaafi sochii pirezidaantifi maatiisaa akkasumas kanneen isa waliin socho'anii kan itti gaafatamummaan eeganiidha.

Pirezidaantii Ameerikaaf xayyaarri qophaatti adda bahee kan hojjatame bara 1962tti yoo ta'u, jalqaba kan xayyaara Air Force One dhaan imale Pirezidaant Joon F Kenediidha.

Bara 1990 Joorj Buush yeroo pirezidaantii ta'u, xayyaarri Air Force One bifa ammayyaa amma jiru kanaan akka hojjatamu ajaje.

Ergasii ammoo mala qunnamtii, sirna elektirooniksiifi teeknolojii ammayyaa fa'arratti jijjiiramoonni heddu taasifamaniiru.