Aanga'oonni kudhan ijoon Tiraampiin muudaman eenyu fa'i?

Doonaald Tiraamp

Doonaald Tiraamp Amajji 20, 2025 guyyaa itti gara Waayit Haawusitti deebi'urraa kaasee jijjiirama ariifataafi bu'ura irraa ta'e akka fidan dhaadatan.

Namoonni 10 inni hojiiwwan aangoo ijoo ta'aniif kaadhimmates mata-duree wal fakkaatu qooddachuun isaaf amanamoodha.

Haata'u malee, tokkoon tokkoo kaadhimamtoota Tiraamp kunneenis akkaataa imaammata Tiraamp tuman irrattis yaada mataa isaanii fidu.

Aanga'oonni muudaman kunneen eenyuudha? Hojiinsaanii hoo maalidha?

Godaansaa: Dhimma daangaarratti warra ejjennoo cimaa qaban

Tiraamp yeroo a duula filannootti irra deddebiin dhimmoota kaasaa turan keessaa tokko dhimma godaantoota seeraan alaati.

Namoota karaa seeraan alaatiin gara US seenan baasuufi eegumsa daangaa biyyasaanii akka cimsan dubbataa turan.

Yeroo duula filannootti haala kanaan dura baramee hin beekneen godaantoota biyyasaanii keessaa ari'udhaaf waadaa galaniiru. Kun attamiin ta'a kan jedhu dhimma yeroon hiikuu ta'uu mala.

Kiristiin No'em, Barreesseetuu dhimma biyya keessaa

Kiriistii Noom - Ministira dhimma nageenya biyya keessaa

''Tokkoon tokkoo godaantoota seeraan alaa akkuma Ameerikaa seenanii hojiinsaanii jalqabaa seera cabsuudha.''

Yeroo afuriif miseensa kongrasii ta'uun kan tajaajilan Kirsitiin, bara 2018tti ammoo bulchiituu bulchiinsa Daakootaa ta'un muudamanii ture.

Tibba Covid-19tti ammoo seeroota maasiikii kaawwachuufi kaan mormuudhaan beekamu ture.

Tibba weeraraa sanatti gidduuttis Noom guyyaa yaadannoo biyyoolessaa kutaa biyyaa isheen bulchiitu Mount Rushmore keessatti Doanaald Tiraamp waliin guyyaa afraffaan ji'a Adooleessaa kabaje.

Imaammata daangaa Pirezidaantii Ameerikaa ammaa Joo Baayiden baay'ee ni qeeqxi.

Noom baqattoota Afgaanistaan ofitti ​​fudhachuu kan didde yoo ta'u, bulchaa jalqabaa miseensota eegduu biyyaalessaa kutaashee gara Teeksaas erguun daangaa kabachiisuuf gargaaran turte.

Muudamni ishee senaataroota Ameerikaatiin mirkanaa'uu qabaata.

Toom Hoom

Toom Homaan - Dursaa eeguumsa daangaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Kunis saaxilam nageenya biyyaaleessaa erga haleellaa bara 9/11 biyyattii mudateen boodaa waan ta'eef sirreessuu qabna.''

Waggoota kudhanii oliif dhimma eegumsa daangaarratti hojjataniiru. Miseensi qondaala poolisii turanii kun yeroo ta'e ammoo Immigireeshinii fi Gumuruukaa (Ice) geggeessaa ture kunis hojiiwwan Tiraamp olaanoo keessaa tokkoof filannoo gaarii fakkaata.

Tiraamp bara aangoosaa jalqabaa keessatti daa'imman kolugaltummaan Ameerikaa seena warrasaanii ykn kunuunsitoota isaanii kanneen sanada malee daangaa qaxxaamuran irraa adda baasuuf komatamaa ture.

Toom garuu tarkaanfii kanaan Tiraamp kan leellisu yoo ta'u, kunis imaammata immigireeshinii Tiraamp yeroo pirezidaantummaa isaanii isa jalqabaa keessatti caalaatti falmisiisaa ture.

Homaan yeroo baayyee chaanaalii oduu televijiinii kan warra konsarvaatiivii jedhamurratti dhiyaachuun yaada kan kennu. Imaammata mootummaan federaalaa gaggeessu irrattis ilaalcha faalaa qaba.

Imaammata alaa: Dhimma Chaayinaa

Warri Konsarvaativii hedduun Chaayinaan akka waan karaa dinagdee fi waraanaatiin olaantummaa addunyaa Ameerikaa itti fufuuf qabuutti balaa guddaa taateetuutti amanu.

Tiraamp caalaatti of eeggannoo kan taasisan yoo ta'u, qeeqa Chaayinaa irra caalaan isaanii damee daldalaa qofa irratti kan daangessan yoo ta'u, garee imaammata alaa isaanii qeeqxoota Chaayinaa sagalee guddaa qaban kanneen waadaa Tiraamp taarifa olaanaaf gale dhiibuuf gargaaruu hin oolan guutaa jiru.

Tiraamp garuu yeroo baayyee waa'ee Chaayinaa ilaalchisee yaada yoo kannan dhimma daldalaa qofarratti xiyyeeffata. Haata'u malee namoonni dhimma alaatiif filatan dhimma Chaayinaa irratti kan ejjannoo cimaa qabaniidha.

Daballii taariifii Tiraamp raawwachiisuu ni danda'u jedhamee eegama.

Maakroo Buubiyoo

Maarkoo Ruubiiyoo-Ministira Dhimma Alaa

"Jaaraa kana keessa rakkoo kan taatuu Chaayinaadha. Kana dandamachuuf ammoo carraaqii mootummaa qofa osoo hin taane carraaqqii hawaasa guutuu nu barbaachisa."

lammii Kuubaa-Ameerikaa Ruubiyoon senetera ta'uudhaan bara 2011 irraa eegalee Filooriidaa bakka bu'uun kan hojjetaniiru. Tibba tokkootti ammoo Tiraampiin haalaa kan qeeqan turan.

Waajjiraalee mootummaa keessatti waggoota dheeraaf hojjataniiru.

Ruubiyoon bara 2016tti paartii riippablikaanootaa bakka bu'uudhaan kaadhimamaa pirezidaantii ta'un wayita dorgamaniitti Ruubiyoo fi Tiraamp jidduutti falmii cimaan umamee ture.

Haata'u malee Tiraamp eeddoo kaadhimummaa argachuun mirkannoofnaan Ruubiyoon deeggarsa isaanii ibsaniif.

Dhiiheenya keessa ammoo, karaa duula filannoo fi miidiyaa irratti mul'achuun Tiraampiin cimsanii deeggaraa turan.

Innis qaama koreewwan basaasaa fi hariiroo alaa Seenetii keessaa tokko yoo ta'u, Iraan fi waldhabdee Raashiyaa fi Yukireen akkasumas Chaayinaa irratti ejjennoo cimaa qabaachuun beekama.

Gaheessi umuriin waggaa 53 kunis ammallee hawwii Waayit Haawus qabachuu danda'a. Kanaafu aangoo Ministeera Dhimma Alaa kanatti fayyadamuun beekamtii biyyaalessaa isaa ol kaasuu danda'a.

Maayiik Waaltiiz
Ibsa waa'ee suuraa, Maayiik Waaltiiz

Maayiik Waaltiiz- Gorsaa nageenya biyyaaleessaa

"Sirnoonni abbaa irree yaaddoo itti dhaga'amuu irraa jajjabina argatu, haqa qabeessa ta'us ta'uu baatus ilaalchi isaanii kanadha. Ejjannoo cimaan isaan sodaachiisa."

Miseensi waraana humna addaa duraanii ta'e Waaaltz, miseensa kongireesii kan akka Ruubiyoon Filoriidaa bakka bu'uu turan.

Innis akkuma warra kaanii, Chaayinaa irratti waan cimaa dubbateera. Akka dura taa'aa koree xiqqaa mana maree ta'uun, US waldhabdee Paasifikii keessatti uumamuuf caalaatti akka qophooftu falmaniiru.

Bara 2022tti miseensota Kongiresii Ameerikaan Olompikii Gammaa Beejiingitti gaggeeffamu irraa akka haftuuf kanneen waamicha dhiyeessan keessaa tokko ture.

Waa'ee loltoonni Afgaanistaan ​​keessaa bahuu dabalatee, ejjennoo bulchiinsa aangoo gadhiisaa jiru ni qeeqe.

Waraanni US kanneen walqixummaa sanyiifi saalaa irratti xiyyeeffateen namoota gahumsa qaban qacaruu wayyas jechuun yaada kennanii beeku.

Gahumsa: Baasii hir'isan

Tiraamp akka baasii hir'isaniif abdachuudhaan namoota damee teknolojiin beekama lama mudeera. Isaanis Elan Maaskii fi Viisheek Raamaaswaamiiti.

Waajirrii haawaan moggaasa Kutaa Gahumsaaa (Department of Govermnet Efficiency (Doge)) jedhamun hundeefame kan birookiraasii ''ciruuf hundeeffameedha'' jedhameera.

Elan baasii mootummaa keessaa dolaara tiriliyoonii lama nan qusadha jechuun waadaa seeneera. Veeshiik ammoo eejansii gibira sassaabu IRS f Qajeelcha Barnootaa diiguudhaaf dhaadateera.

Waajirri haaraan ifatti kan mootummaa hin taane "Department of Government Efficiency"n attamiin haalli kun milkaa'uuf danda'a kan jedhu kan adeemsa keessa ilaalamu ta'a.

Eelan Maask

Elon Maask- Gahumsa mootummaa

''Farra diimookiraasii? Lakkii. Jibbaa birookiraasiiti malee.''

Afriikaa Kibbaatti dhalachuun abbaa qabeenyaa miidiyaa hawaasaa X, teslaa fi SpaceX kan ta'e Elan Maask, sooreessa addunyaa kanaati.

Erga Tiwitar biruudhaan X jechuun moggaaseen booda hojjattoota hedduu hojiirraa ari'ateera.

Ejjannoo siyaasaa isaa ifa gochuurraa of qusataa kan ture Maask, bara darbe (2024) keessa garuu ifatti Tiraamp deeggaruudhaan duula filannoo gaggeessaa ture.

Kanaafis doolaara miiliyoona hedduu baasuudhaan Tiraamp deebii'ee akka filatamuuf taasisuun alattis bulchiinsoota filannoof murteessoo ta'an keessatti Tiraamp waliin dhiyaachuun tumsaafii ture.

Teeknolojiitti fayyadamuun mootummaan caalaa akka bu'a qabeessa ta'u fi baasii akka xiqqeessu gargaara jedhee amana.

Viisheek Raamsiimaan

Viisheek Raamswaamii- Qusannaa baasii mootummaa

''FBI jijjiramu hin dana'u. Deebii sirrii kan ta'u cufuu qofaadhaan. Eeyyeen kanas pirezidantichi raawwachu dana'u. Anis nan godha.''

Veeshiik Raamswaamiin lammii Indiyaa-Ameerikaa sooreessa damee teknoolojiitiin qabeenyaa horataniidha. Bara 2024tti kaadhimamaa pirezidantii ta'udhaaf dorgomanii kan turan ta'ulleen, hin milkoofne. Isaan booda ture kan deeggartoota Tiraampiitti makame.

Ji'oota hedduudhaaf jaalatamummaansaa dhaabicha keessatti ol ka'uun yeroo falmii pirezidaantummaa (kan Tiraamp darban) fi qorannoo miidiyaalee sadarkaa olaanaa akka qabaatu taasiseera.

Dhumarrattis pirezidaantii duraanii kana deeggaruu dhaabee ture. Haata'u malee, waltajjii duula filannoosaa aadaa hin taanee irratti xiyyeeffanoo kaa'uudhaa fi filannoo bara 2020 dabaltee "teknooloojii guddaadhaa keessatti hatamachuun" Tiraamp jalaa sagaleen hatame yaada jedhu, akkasumas jeequmsi Kaapitoolii bara 2021n "hojii keessa" ta'uu hojjataa ture.

Hojii irraa ari'uu jumlaa fi ejensiiwwanii fi kutaalee hojii guutuu dhabamsiisuu dabalatee mootummaa federaalaa irratti ciccituu cimaa leelliseera.

Baasiin mootummaa baayyinaan hir'achu qabaata jechuun aman. Kana dhugoomsuuf ammoo waajiraaleen mootummaa tokko tokoo cufamu qaabatu jedha.

Jijjirama hunda: Warra jeeqan

Muudamtoonni Tiraamp hedduunsaanii gaheen haala jiru ciminaan mormuuf kaayyeffatetu kennamaafii jira.

Pirezidaantiin filataman kunis filatamtoonni tokkoon tokkoon kallattii isaan to'atan irratti lola addaa akka taasisaniif filatan.

Roobarti Keeneedii Qajeelcha Fayyaa fi Tajaajila Namaa keessatti daayreektarri basaasa biyyaalessaa ta'uun muudaman.

Roobarti J Keeneedii

Roobart F Keeneedii Juuniyeer: Ministira Fayyaa

''Nyaanni warsaadhaan qophaan ulfaatina qaamaa dabaluudhaaf sababiidha. Adeemsa badee kana ni sirreessina. Ameerikaa deebiifnee fayya qabeettii taasiifna.''

Roobarti F Keeneediin Juuniyeer yeroo baayyee abbaa alangaa fi oggeessa eegumsa naannoo ta'un hojjataniiru.

Muxannoo fayyaa qabaachuu baaan illeen, ministira fayyaa ta'uun akka tajaajilaniif filatamaniiru. Kanaan booda dhimma nyaataafi qorichaa irratti murteessoo ta'u jechuudha.

Yaadni isaanii tokko tokkos oggeessotaan jalaa kuffiifamaa jira. Dhimmoota kaan irratti garuu, kan ummataan fudhatama argatan fakkaatu.

Keessattuu imaammata nyaata warshaan saamsamanii bahan irratti gaggeessaniin kan fuhatama argatan fakkaatu.

Jalqaba filannoo pirezidantii bara 2024 irratti dimokiraatoota bakka bu'uun, booda ammoo dhunfaasaanitiin dorgomanii hin milkoofne.

Erga filannoo keessaa of baasanii booda ammoo Tiraampiif deeggarasa saanii kan ibsan aanga'aan kun mudamni isaanii ammaa kunis seeneetiin mirkanneeffamu qabaata.

Tuulsii Gaabaard
Ibsa waa'ee suuraa, Tuulsii Gaabaard

Tuulsii Gaabaard: Nageenya Biyyaaleessaa

''Tiraamp ciminsa ajajaa waraanaa tokkoorraa eegamu agarsiiseera. Nagaa barbaadu. Waraanaa akka filmaataa dhumaatti fayyadamu.''

Raayyaa waraanaa keessa kan tataajilan Gaabaard, imaammata dhimma alaa Ameerikaa qeequun beekamu.

Bara 2017tti Paartii Dimokiraatii bakka bu'uudhaan miseensa kongirasii wayita turaniitti, pirezidantii Sooroyaa duraanii Baashar al Asaad waliin wal arganiiru.

Waajjirri Nageenya Ameerikaa mootummaan Asaad meeshaalee waraanaa keemikaalaatti fayyadama jechuun ishee shakkisiisuu dubbattee ture.

Raashiyan Yukireen wayita weerarteettis Nato balaaleeffattee turte. Ameerikaan Yukireen hidhachiisaa jirti jedhu.

Yeroo gabaabaa keessatti ture kan paartii dimokiraatootaa keessa bahuun Tiraamp deeggaruu eegalan. Haata'u malee Ameerikaan waraana biyyoota biraa keessa gahuu hin qabaattu ejjannoo jedhu hin jijjirre.

Diinagdee: Warra taarifa kabachiisan

Filannoon ijoo ajandaa daldalaa fi taarifaa kan Tiraamp Ameerikaanooti akka hojiisaanii eegu dhaadatan dursuuf gargaara.

Isaanis michoota daldalaa olaanoo Chaayinaa, Kaanaadaa fi Meksikoo dabalatee, meeshaalee Ameerikaa galan irratti gibira alaa-galuu (imported taxes) kan Tiraamp ittiin doorsisan raawwachiisuuf gaafatamuu danda'u.

Howaard Lutniik, Ministira Daldalaa
Ibsa waa'ee suuraa, Howaard Lutniik, Ministira Daldalaa

Howaard Lutniik: Ministira Daldalaa

''Dhimma taariifaatiin nutis maallaqa ni arganna. Dabaltaan ammoo, biyyoonni biraa nu waliin mari'achu eegalu.''

Sooreessi kun duula filannoo Tiraamp maallaqaan deeggaruun beekamu. Hojii kumaatamaan lakka'amu uumuudhaaf itti gaafatamummaan itti kennameera.

Karoora diinagdee Tiraamp ni deeggaru. Itti gaafatamummaan dhimma taariifa dabalataa raawwachiisuus kan Ministeera Daldalaati. Kiriptokaransii to'achuu fi dhimmi gibisa galiirraa kutamu kaasuu, hojii aangaa kanaa ta'a.

Iskoot Beesent

Iskoot Beesent: Ministira Maallaqaa

"Akkuma Aleeksaandar Haamiiltan, humna taarifaatti fayyadamuun jireenyaa fi dhaabbilee daldalaa Ameerikaanotaa fooyyessuuf sodaachuu hin qabnu".

Iskooti Beessentiin oggeessa faayinaansii durii yoo ta'an, muudamni isaas namoota hedduun biratti akka waan gaariitti ilaalamera.

Bessent ammaan tanas mooraa cichaa konsarvaatiivii keessa jirudhaa, haata'u malee, baajata hir'isuu fi invastimantii oomisha boba'aa Ameerikaa akka dabaluu ni deeggara.

Waamicha Tiraamp meeshaalee alaa galan irratti taarifa haaraa akka kaa'amuuf taasisan yoo deeggaran, akkuma Lutniik taarifa adda durummaan akka meeshaa marii malee akka madda galii dhaabbataa Ameerikaatti akka hin ilaalle yaada dhiyeessan.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.