Filannoon Ameerikaa addunyaa jijjiiruu danda'a, akkamitti?

Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden Guraandhala bara 2023 daawwannaa tasaa Kiiv keessatti taasisuun gita isaanii Yukireen Volodymyr Zelenskii waliin wal arguun wayita tumsa isaanii agarsiisafi turanitti, saayireniin qilleensaa ykn meeshan of eggannoo balaan duraa iyyaa ture.
“Waan tokko... kan yeroo kamiyyuu caalaa cimaa ta'e wayiitu natti dhaga’ame,” jechuun boodarra Pirezdaantichi yaadateera. “Ameerikaan addunyaaf Abdiidha.”
Filannoo pirezidaantii torban dhufu gaggeeffamu irratti lammiileen Ameerikaa erga sagalee isaanii kennanii booda, amma eenyu akka abdii addunyaati ofiin jedhu kana ilaaluuf eegaa jirti.
Kamaalaa Harris kan "yeroo tasgabbii hin qabne kana keessatti Ameerikaan duubatti deebi'uu akka hin dandeenye ifaadha" jettee amanuun faana Baayiden hordoftu? Moo Doonaald Tiraampi “Giloobaalizimii utuu hin taane Ameerikaanizimii” jedhanii abdatantu daandicha qabata ?
Addunyaa gatiin dhiibbaa Ameerikaa gaaffii keessa galchu keessa jiraanna. Humnoonni naannoo karaa mataa isaanii deemaa jiru, sirnoonni abbaa irree tumsa mataa isaanii ijaarrataa jiru, waraanni hamaa Gaazaa, Yukireen fi bakka birootti gaggeeffamu murteesummaa Waashingitan irratti gaaffii kaasa jira.
Garuu Ameerikaan humna dinagdee fi waraanaa isheetiin, akkasumas gahee guddaa gamtaa hedduu keessatti qabduun murteessituudha.
Filannoon kun addunyaa irratti dhiibbaa akkamii akka geessisu namoota itti dhiyeenyaan dhimmicha hordofan irraa odeeffannoo argachuun barbaachisaa ta'a.
Humna waraanaa
Itti aantuun barreessaa olaanaa NATO duraanii Rooz Gottemoheller, ''Akeekkachiisa kana dhaadhessu hin danda'u,'' jedhan. "Doonaald Tiraamp Awurooppanota kan abjuu keessaa wareersu yoo ta'u, keessumaa doorsisni NATO keessaa ba'uu isaa gurra nama hunda keessatti dhaga'ama."
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baasiin ittisaa Waashingitan baajata waraanaa miseensota NATO 31 biroo keessaa harka sadii keessaa harka lama ta’a.
NATO bira darbee Ameerikaan, Chaayinaa fi Raashiyaa dabalatee baasii biyyootni 10 walitti qabamanii baasan caalaa waraanichaaf baasti.
Tiraamp biyyoonni miseensota NATO biroo baasii isaanii akka galma ga’an dirqisiisuufi akka hojirra oolchan dhiibbaa taasisu, kunis GDP biyyootaa keessaa 2% ta’a, karoora kanas biyyoota miseensa ta’an keessaa 23 qofatu bara 2024tti galmaan ga’a.
Yoo Haaris injifatan, Gottemoheller ''Waashingitan NATO keessaa carraa gaarii akka qabdu shakkiin hin jiru'' jedhanii amanu.
Garuu asirrattis sodaa qabdi. Ameerikaan "Yukireen keessatti injifannoo galmeessisuuf NATO fi Gamtaa Awurooppaa waliin hojjechuuf qophii ta’us Awurooppaa irratti dhiibbaa uumuu irraa duubatti hin deebitu."
Garuu gareen Haaris Waayit Haawus keessa jiru Seenetii ykn mana maree waliin bulchuu qaba, lamaan isaanii yeroo dhiyootti harka Rippabilikaanotaa keessa jiraachuu fi gita isaanii Dimookiraatotaa caalaa waraana biyya alaa deeggaruuf fedhii gad aanaa qabaachuu danda’u.
Eenyullee haa mo'atu garuu seera baastonni Ameerikaa sagantaa gargaarsaa guddaa dabarsuu irraa duubatti jechuu isaaniitiin, namni pirezidaantii ta’u Kiyeev irratti dhiibbaa akka dabalu gochuun waraana kana keessaa karaa itti ba’an miijessuu miirri jedhu guddachaa jira.
Haa ta'u malee, Gottemoller, "NATO'n addaan cituu qaba jedhee hin amanu" jetti. Awurooppaan "dursuuf gara fuulduraatti tarkaanfachuu qabdi."
Nagaa buusuu?
Pirezidaantiin Ameerikaa itti aanu erga Waraana Addunyaa 3ffaa(waraana qabbanaa'aa) as yeroo itti addunyaa keessatti waldhabdee aangoo fi wal gaarreffaannan guddaan mudate keessatti hojjata.
“US dhimma nagaa fi nageenyaa irratti qooda fudhattuu idil-addunyaa bu’aa guddaa geessistu taatee jirti”,jechuun Pirezidaantii fi hoji gaggeessaan garee 'International Crisis Group' Komfort Ero BBC tti himan.
"Garuu dandeettiin isheen waldhabdee furuu irratti qabdu hir'achaa dhufeera," jechuun ittidabaluun dubbatte. Waraanni xumuramuun isaa daran ulfaataa dhufeera.
“Waldhabdeen lubbuu namaa galaafatu caalaatti furmaata kan hin arganne ta’aa jira, dorgommiin humnoota gurguddoo saffisaa dhufuu fi humnoonni giddu galeessaallee dabalaa jira” jechuun Eroo haala qabatamaa amma jiru kana ibsite.
Waraanni akka Yukireen humnoota biroo kan harkisu yoo ta’u, waldhabdeen akka Sudaan qooddattoota naannoo dantaan wal dorgoman walirratti kaasa,gariin immoo nagaa caalaa waraana irratti invast godha.
Ameerikaan olaantummaa naamusaa dhabaa jirti jechuun Eroo akeekaniiru.
''Qooda fudhattootni addunyaa ulaagaa tokko, gocha Raashiyaan Yukireen keessatti raawwattu, kan biraa immoo Israa'el Gaazaa keessatti raawwattu irratti akka hojiirra oolchu hubatu.
Waraanni Sudaan keessatti raawwatame hammeenya hamaa kan arge ta’us akka dhimma lammaffaatti ilaalameera."
Injifannoon Kamaalaa Haaris,“bulchiinsa amma jiru itti fufsiisuu bakka bu’a.”jette.
Yoo Tiraampis ta'ee ''Israa'el Gaazaa fi bakka biraatti akka feete akka gootu eeyyamuu fi waliigaltee Yukireen Moskoo waliin qabdu mataa Kiyeev irratti kutuu yaaluu mala''
Bayidan dhimma Baha Giddu Galeessaa ilaalchisee Israa’el “mirga ofirraa ittisuu” isheef deeggarsa cimaa akka taasisan irra deddeebi’anii dubbataniiru.Garuu “ajjeechaan lammilee Paalastaayi qulqulluu dhaabbachuu qaba” jechuun ibsiti.
Tiraamp yeroon “nagaatti deebi’uu fi namoota ajjeesuu dhiisuu” jedhus labsaniiru.
Garuu hogganaa Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun ''waan gochuu qabdu hojjedhu'' jechuun akka itti himemetu eerame. himameera.
Morkataan paartii Rippabilikaan kun nama nagaa buusu ta’uu isaatiin ittiin boona.Dilbata galgala gaaffiifi deebii TV Al-Arabia Sa’uudii Arabiyaa waliin taasisaniin, “Baha jiddugaleessaa keessatti yeroo dhiyootti nagaan ni bu'a” jechuun waadaa galaniiru.
Waliigaltee Abrahaam bara 2020 babal’isuuf waadaa galeera. Waliigalteewwan biyyoota lamaanii kun hariiroo Israa’elii fi biyyoota Arabaa muraasa gidduu jiru idileessaniiru, garuu Falasxiinota cinaatti akka dhiisanii fi dhumarratti rakkoo amma kanaan dura hin argamne kanaaf gumaacha akka taasisan bal’inaan mul’ataniiru.
Yukireen irratti Tiraamp dinqisiifannaa namoota ciccimoo akka Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin qaban gonkumaa hin dhoksu. Waraana Yukireen xumuruu akka barbaadu ifa godheera, kana waliinis US deeggarsa waraanaa fi maallaqaa guddaa gooti.
“Ni baana, ba'uu qabna'' jechuun hiriira dhiheenya kana geggeesse irratti cichee dubbataniiru. Faallaa kanaatiin Haaris: “Yukreen waliin dhaabbachuu kootti nan boona." jette. "Yukireen waliin dhaabbachuu koo itti fufa. Akkasumas Yukireen waraana kana irratti akka mo’attu nan hojjedha.”
Garuu Eroon, eenyullee haa filatamu, addunyaa kana irratti haalotni hammaachuu akka danda’u yaaddoo qabdi.
Daldala Beejiing waliini
'Waggoota kurnaniif dinagdee addunyaa irratti rifaatu guddaatu ta'e. Tiraamp meeshaalee Chaayinaa biyya alaatii galfaman hunda irratti taarifa dhibbeentaa 60 kaa’uuf yaada dhiyeessan ilaalchisee yaadni hayyuu Chaayinaa adda duree ta'e Raanaa Mitter kunooti.
Chaayinaa, fi michoota daldalaa biroo hedduu irratti baasii guddaa fe’uun, mala “Ameerika dursi” jedhu keessatti doorsisa itti fufiinsa qabu keessaa tokko ta’ee jira.
Garuu Mr Mitter, hayyuun seenaa Biriteen kan hariiroo US fi Eeshiyaa mana barumsaa Harvard’s Kennedy School keessatti dura taa’aa ST Lee qabate, garaagarummaa tokko tokko ni arga.
Aadde Haaris waliin akka jedhutti, “hariiroon bakka amma jiru irraa haala sararaan guddachuu hin oolu.”
Yoo Tiraamp injifate, caalaatti “scenario dhangala’aa” ta’a. Fakkeenyaaf, Taayiwaan irratti, Mr Mitter Traamp odola Ameerikaa irraa fagaatte ittisuuf dhufuu fi dhiisuu isaanii irratti wal-xaxaa qabaachuu isaanii akeeka.
Hoggantoonni Chaayinaa Aadde Haariis fi Tiraamp lamaan isaanii iyyuu ciccimoo ta’u jedhanii amanu. Mr Mitter akka “garee xiqqaan gosoota dhaabbataa Harris akka ‘mormituu beektu fooyya’aa’ jedhee deggeru.
Namoonni xiqqaan guddaan Tiraampiin akka daldalaa tilmaamamuu dhabuun isaa Chaayinaa waliin waliigaltee guddaa qofa jechuu danda’utti ilaalu, haa ta’u malee sun waan hin fakkaanne fakkaata.”
Rakkoo haala qilleensaa
“Filannoon Ameerikaa lammiilee ishee qofaaf osoo hin taane addunyaa guutuuf bu’aa guddaa qaba sababa dhiibbaa cimaa rakkoo qilleensaa fi uumamaatiin,” jetti Meerii Roobinsan, dura teessuu garee hoggantoota addunyaa kan Nelson Maandeellaan hundeeffame fi pirezidaantii Ayerlaandi duraanii akkasumas Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii turan.
Itti dabaluudhaanis, “Dhiibbaa hamaa jijjiirama qilleensaa irraan gahu hambisuuf fi egeree obomboleettiin hamaa akka Miltoon baramaa ta’e ittisuuf hangi xiqqoon tokkoo hundi gatii qaba,” jetteetti.
Garuu yeroo obomboleettiin itti baay’atutti, Tiraamp karooraa fi imaammata naannoo haala qilleensaa hatattamaa kana fudhachuuf qophaa’etti “gowwoomsaa yeroo hundumaa keessaa isa guddaa” jechuun itti qoosaniiru.
Namoonni hedduun akkuma marsaa jalqabaa isaanii waliigaltee haala qilleensaa Paaris bara 2015 keessaa akka bahu eegu.
Haa ta'u malee, Aadde Roobinsan Tiraamp sochii amma walitti qabaa jiru dhaabuu hin danda'u jedhanii amanu.
“Ce’umsa anniisaa Ameerikaa dhaabuu fi deeggarsa magariisaa doolaara biliyoonaan lakkaa’amu duubatti deebisuu hin danda’u... sochii qilleensaa federaalaa hin taane kan hin dadhabne dhaabuus hin danda’u.”
Akkasumas, ammallee ejjennoo mataa ishee kan hin ibsin Aadde Haaris, “hoggansa agarsiisuuf, sochii waggoota dhiyoo asitti mul’ate irratti ijaaruuf, fi warri gurguddoon gadi lakkisan biroo saffisa kana akka fudhatan kakaasuuf” tarkaanfii akka fudhattu gaafatteetti.

Gaggeessummaa gargaarsa namoomaa
“Dhiibbaa qixxee hin qabne Yunaayitid Isteet gama humna waraanaafi dinagdeetiin qabdu qofaan osoo hin taane sadarkaa idil-addunyaarratti humna gargaarsa taasisuu qabduun adda duree waan taateef bu’aan filannoo US hiika guddaa qaba,” jedha Maartiin Giriifiits.
Maartiin dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti hanga dhiyeenya kanaatti Qindeessaa Dhimmoota Gargaarsa Namoomaati.
Qondaalli duraanii UN kun Aadde Kaamalaa Hariis carraa mo’achuu qabdi jedhu. “Pirezidantummaan Kaamalaa Hariis abdii kan bakka bu’udha,” jedhu.
Faallaa kanaan ammoo, “ bara moggeeffamuufi ilaalcha tokkeen kan beekamu pirezidaantummaa Tiraampitti deebiyuun ammoo waan guddoo abdatamu dhabuu qofa osoo hin taane tasgabbii dhabuufi abdii kutannaan addunyaarratti daran dabala.”
Dhimma sisteema UN ilaallatuun ammoo biyyi arjoomuun UStti qixxaatu hin jiru. Bara 2022 keessa gargaarsa dolaara biliyoona 18.1 arjoomteetti.
Haata’u malee, Tiraamp bara bulchiinsa isaa kanaan dura ture keessa ejensiiwwan UN baayyeerraa gargaarsa maallaqaa dhaabuun Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa ammoo bahee ture.
Yeroo sanatti arjoomtonni kaan qaawwa uumame duuchuudhaaf rakkachaa turan. Kun ammoo waan Tiraamp akka uumamu barbaadudha.












