Filannoo US 2024: Adeemsa filannoo keessatti 'Electoral College' maali?

Namoonni sagalee huksaa yoo kennan

Filannoon pirezidantummaa US Sadaasa 05, 2024 gaggeeffame. Garuu carraan kaadhimamtoonni baayyina sagalee ummataa argataniif filannicha mo'achuu dhabuu jiraachuu danda'a.

Sababni isaa US keessatti pirezidantiin kallattiin sagalee ummanni kenneen miti kan filatamu. Waan 'electoral college' jedhamu qabu. Warra pirezidantii filatantu as jiru.

Ofii adeemsi kun akkamiin hojjeta?

Sarara filannoo Ameerikaa

Akkas taanaan lammiileen Ameerikaa eenyuun filaturee?

Lammiileen Ameerikaa Sadaasa dhufu wayita filannoof bahan, irra jireessi isaanii kaadhimamtuu Dimokiraat- Kaamalaa Haarii yookiin kaadhimamaa Rippaabilikaanotaa- Doonaald Tiraamp'f sagaleesaanii kennu.

Sagaleen kenname garuu gurmuu qondaaltotaa 'electoral college' keessatti Haarii fi Tiraamp bakka bu'an ijaaruuf oola.

As keessatti jechi ''college'' jedhu garee namootaa hoj-manee tokko qaban kan bakka bu'uudha.

Namoonni kunneen filattoota, hojiinsaanii pirezidantii fi pirezidantii ittaanaa filachuudha.

'Electoral college' waggaa afur afuriin walgahii gaggeessa, filannoon erga gaggeeffamee booda torbanoota muraasa keessatti wal-arguun hojiisaa raawwata.

Sarara filannoo

'Electoral college' akkamiin hojjeta?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lakkoofsi filattootaa (electors) tokko tokkoo bulchiinsotaa baayyina uummataasaanii waliin deema. Kan uummata hedduu qabu filattoota (electors) hedduu qaba akka jechuuti.

Baayyina filattootaa (eletors) bulchiinsi (kutaan biyyaa) tokko qabaachuu danda'u, seera tumtoota Kongiresii Ameerikaa (Mana Maree Bakka Bu'ootaa fi Seeneetii) keessaa baayyina bakka bu'ootaa qabuun walqixa ta'a.

Haala kanaan bulchiinsi Kaalifoorniyaa lakkoofsa filattootaa guddaa qabaata. Innis 54 ta'a.

Faallaa kanaan bulchiinsonni baayyina uummataa muraasa qaban kanneen akka Wiyooming, Alaskaa, Kaaba Dakotaa (fi Washingitan DC) ammoo filattoota lakkoofsaan xiqqoo ta'an qabu. Inni baayyee xiqqaan sadi.

Waliigalatti lakkoofsi filattootaa 538.

Tokko tokkoon filattootaa sagalee kaadhimamaaf kennamu tokko bakka bu'u. Kaadhimamaan (kaadhimamtuun) tokko pirezidantii ta'uuf sagalee 270 yookiin kanaa ol argachuu qaba yookiin qabdi.

Bulchiinsonni (kutaaleen biyyaa) qaama filannoo uummataan caalmaa argateef sagalee 'elctoral college' of harkaa qaban hunda kennuuf.

Kaadhimamaa paartii Rippabilikaan Joorji W Buush filannoo bara 2000 irratti Dimookiraat Al Goor waliin injifate

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kaadhimamaa paartii Rippabilikaan Joorji W Buush filannoo bara 2000 irratti Dimookiraat Al Goor injifate

Fakkeenyaaf kaadhimamaan paartii tokkoo bulchiinsa Teeksas keessatti yoo sagalee uummataa dhibbeentaa 50.1 argate, sagalee 'electoral college' bulchiinsi kun qabu 40 guutummaatti argata.

Yoo kaadhimamaa morkataa irraa baayyee fagaatee mo'ates kanuma argata (40).

Kanaafuu kaadhimamaan tokko bulchiinsota hedduu keessatti sagalee muraasa argatee, bulchiinsota 'electoral college (votes)' danuu qabanitti yoo garaagarummaa muraasaan mo'ate, carraa pirezidantii ta'uu qaba.

Sarara filannoo US

Miidhaa fi faayidaa 'electoral college' maal fa'i?

Faayidaa:

  • Bulchiinsota muraasa keessatti mo'achuun kaadhimamtootaaf yeroo ga'aa ta'utu jira.
  • Kaadhimamtoonni biyya hundarra naanna'uun irraa eegamuu dhiisuu mala
  • Irra deebiin sagalee lakkaa'anii adda baasuun ni salphata, sababni isaa qondaaltonni sagalee bulchiinsa tokko qofaa lakkaa'anii adda baasuu danda'u

Miidhaa:

  • Filattoonni hedduun sagaleensaanii akka bu'aa hin qabnetti itti dhagahama
  • Bulchiinsota murteessootu bu'aa filannoo biyyattiif ijoodha. Dimokiraatonni fi Ripaablikaanonni bulchiinsota yeroo filannoof abdatan qabu. Aangoo kan murteessan bulchiinsota kunneeni. Bulchiinsonni akkasii 'Swing States' jedhamu
  • Kan sagalee uummataa caalmaa argate filannocha mo'amuu danda'a
  • Warri pirezidantii fi itti aanaa filatan gowwoomsaa raawwachuu danda'u, balaan akkasiis jira
Sarara filannoo

Filannoo US keessatti 'swing states' maali?

Bulchiinsonni hedduun yeroo filannoon ga'u mara paartiima walfakkaataa filatu. Paartiima tokkoof amanamoo ta'anii jiraatu, sagaleesaanii kennuuf.

Qondaaltonni siyaasaa pirezidantii ta'uuf kaadhimaman kanaaf bulchiinsota itti of abdatan kunneen (swing states) irratti xiyyeeffatu.

Dimokiraatonni fi Rippaabilikaanonni bulchiinsota US hundarra naanna'uurra, bulchiinsota bu'uura isaanii ta'an irratti fuulleffatu.

Haala kanaan bara 2024 keessa bulchiinsonni akkaan murteessoo ta'an Arizoonaa, Joorjiyaa, Michigaan, Nevaadaa, Pensalveeniyaa fi Wiskansiin.

Kaadhimamtoonni sagalee uummanni kenneen erga mo'amanii booda pirezidantii ta'uu danda'uu?

Kan raajii namatti ta'uyyuu isa kana, sagalee uummanni kenneen mo'atamanii wayita pirezidantii ta'an argamu.

Filannoowwan ja'an darban keessaa lama irratti kaadhimamtoota sagalee uummataa xiqqoo argatantu pireezidantii ta'an.

Bara 2016 Doonaald Tiraamp morkattuu isaa Hilarii Kilintan irraa sagalee miiliyoona sadiin boodatti hafee ture, garuu pirezidantii ta'e.

Bara 2000 Joorj W Buush kaadhimamaa warra Dimokiraatotaa Al Gore, kan sagalee uummataa miiliyoona walakkaa oliin mo'ate, bira darbuun pirezidantii ta'e.

Sagalee uummataa bal'aa osoo hin argatin pirezidantii kan ta'an biroon sadi qofa, isaanis hundisaaniiyyuu jaarraa 19ffaa keessa kan pirezidantii ta'aniidha.

US sirna akkasii maaliif filatte?

Bara 1787 yeroo heerri US bocamu sagalee uummataan pirezidantiin filachuun waan danda'amu hin turre.

Bal'ina biyyaa fi haalli quunnamtii kanaaf danqaa ture.

Kana bu'uureffachuun warri heera bocan 'electoral college' waan jedhamu uuman. Bulchiinsonni hundinuu filattoota of keessaa filatu jechuudha.

Sirnichi bulchiinsota xixiqqoo sagalee uummataa bal'aa hin qabne fayyada, kanaaf baayyee deeggaran.

'Electoral college' heera biyyattii keessa galuusaa bulchiinsonni kibbaa kanneen garboonni itti baayyatanis akkaan deeggaran.

US keessatti garboonni hin filatan, garuu ni lakkaa'amu (sadi-shanaffaa nama tokkooti).

Lakkoofsi filattootaa (electoral votes) baayyina uummataa bulchiinsi tokko qabuun murtaa'a.

Bulchiinsonni kibbaa gama kanaan dhiibbaa guddaa uumu.

Filattoonni 'electoral college' kaadhimamaa sagalee uummataan mo'ate filatuu?

Bulchiinsota garii keessatti filattoonni kaadhimamaa fedhan filachuu danda'u, uummatni kan filate dhiisanii jechuudha.

Garuu akka qajeeltoo isa sirriitti yoo ta'e filattoonni kaadhimamaa bulchiinsa isaanii keessatti sagalee uummataa caalmaa argate filachuu qabu.

Filattoonni yoo kaadhimamaa uummanni filateen alatti kaadhimamaa biraa filatan, adeemsi kun ''faithless'' jedhama.

Bara 2016 'electoral college' torbatti taateen akkanaan mudateera, filattoonni ''faithless'' ta'anis bu'aa filannoo haala kanaan argame geeddaruu hin dandeenye.

Bulchiinsota garii keessatti filattoonni akkanaa (faithless) filannoo gosa akkasii waan gaggeessaniif yookiin waan filachuu dhiisaniif himatamuun maallaqaan yookiin adabbii biraan adabamuu danda'u.

Filataan sobaa (fake elector) maaliidha?

Bara 2020 keessa filattoonni Ameerikaa yaad-rimee "filattoota sobaa" jedhu kan beekan yoo ta'u, paartiin Rippabilikaanonni Tiraamp deggeran kutaalee Ameerikaa torba keessatti bu'aa filannoo kanaa kuffisuuf jecha filattota mataa isaanii erga uumuun booda.

Yeroo tokko tokko sanadoota ofiisaanii fakkaatu uumuu fi mallatteessanii ykn Mudde 14 magaalota gurguddoo kutaalee biyyattii gahan - yeroo filattootni guutuu biyyattii walga'anii sagalee isaanii ofiisaanii kennan.

Namoota dhimmicha keessatti hirmaatan muraasnis himannaan kan isaan mudate yoo ta’u, qorannoon ammallee itti fufee jira.

Kaadhimamaan sagalee caalmaa argate yoo dhibe maaltu ta'a?

Yoo kaadhimamaan pirezidantii sagalee caalmaa argate dhibe (yoo morkattoonni sagalee qixa argatan) Mana Maree Bakka Bu'ootaatu pirezidantii filata.

Kun seenaa filannoo US keessatti altakkaa mudate. Bara 1824 kaadhimamtoonni afur sagalee filattootaa walqixa qooddatan.

Kan olaantummaan mo'ate hin turre.

Biyya yeroo ammaa paartileen lama qofti keessatti olaantummaa keessatti qaban (US har'aa keessatti) carraan haalli kun mudachuusaa baayyee dhiphaadha.