Tiraamp baqattoota ''saree fi adurree soorataa jiru'' jedheen jumlaan ari'uuf dhaadate

Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Doonaald Tiraamp Ohaayoo keessatti baqattoonni saree fi adurree nama jalaa qabanii soorataa jiru jedhee dubbachuun falmisiisaa ta'eera

Doonaald Tiraamp baqattoota magaalaa xiqqoo Ohaayoo keessatti bineensota manaa kanneen akka saree fi adurree soorataa jiru jedheen, jumlaan ari'uuf dhaadate.

Tiraamp torbee kana keessa wayita duula filannoo gaggeesseetti baqattoonni karaa Heeyitii gara US seenan bineesnota paarkii keessatti kunuunfamaa jiranii fi bineensota xixiqqoo mana jiraatan namoota jalaa qabanii soorataa jiru jechuunsaa falmii guddaa kaasee ture.

''Ispiriingfiildi irraa eegalla,'' jedhe Tiraamp. Godaantonni magaalaa kana ''balleessaa jiru'' jechuunis himate.

Magaalaan bulchiinsa Ohaayoo kan guddinaan lammaffaarra jirtu kun harka wanbadeewwan Venezuweelaa jirti jechuun himata hin mirkanoofne dhiyeesse Tiraamp.

Aanga'oonni magaalaa Ispiriingfiild dubbiin hin mirkanoofnee fi himannaan sobaa Tiraamp dhiheesse hawaasa keessatti rifaatuu guddaa uumeera jedhan.

Dubbiin Tiraamp kun miira sodaa fi doorsisaa babal'isuun inumaa manneen barnootaa hedduun akka cufamanillee taasiseera jedhan.

Pirezidantiin Ameeriikaa, Joo Baayidan qeequumsii fi himanni lammiilee Heeyitii magaalaa Ispiriingfiildi keessa jiraatan irratti ka'e kun ''dogoggoraa fi hundee kan hin qabnedha,'' jechuun uummanni akka tasgabbaa'u dhaaman.

''Wanti kun dhaabachuu qaba, wanti inni hojjetaa jiru kun dhaabachuu qaba,'' jechuun dubbii Tiraamp dubbataa jiru irratti yaada kennan Pirezidant Baayidan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiraamp erga magaalaa Ispiriingfiild keessatti baqattoonni bineensota manaa xixiqqoo kanneen akka saree fi bineensota paarkii keessa jiran akkasumas daa'imman ajjeesaa jiraachuu dubbatee torbee guutuuf jedha.

Kana gidduutti amma ammoo godaantota akkas godhan jedheen jumlaan akka ari'u waadaa seene.

Tiraamp wayita Kibxata darbe falmii duula filannoo morkattuusaa Kaamalaa Haariis waliin gaggeesserratti waa'ee bineensota nyaachuu kaase.

Poolisiifi kantiiban magaalaa Ispiriingfiildi akkasumas bulchaan Ohaayoo Maayik Diwaayin dubbii Tiraamp hundee hin qabne kana balaaleffataniiru.

Jimaata kaleessaa sodaa dubbiin Tiraamp uumerraa kan ka'e manneen barnootaa sadi Ispiriingfiild keessatti cufamaniiru.

Kantiibaan magaalaa Ispiriingfiild Boob Ruuw akka jedhanitti sodaa guddaa kan uume dubbii dhimma baqattoota Heeyitii irratti Tiraamp dubbateedha.

Kana malees gamoowwan fi manni barnootaa tokkos dursanii namni akka hin seenne dhorkaniiru.

Tiraamp waa'ee godaantota kunneenii fi dubbii taasiserratti wayita gaafatamu akkas jedhe: ''Ohaayoo magaalaa Ispiriingfiild keessaa namoota jumlaan ari'uuf jirra, kanan jechuu danda'u kana. Namoota kunneen baasuuf deemna. Venezuweelaatti isaan deebisna.''