Bu'aa Filannoo US yeroo raggaasifamutti eegumsi nageenyaa sadarkaa Olompikii gitu akka jiraatu ibsame, Maaliif?

Waayiti Hawuus

Madda suuraa, EPA

Kongireessiin Ameerikaa filannoo pirezidaantii baatii Amajji dhufaa keessa gaggeeffamu irratti, nama injifateef yeroo waraqaa ragaa kennamu tikka nageenya kanaan dura hin baramneefi kan sadarkaa tapha Olompikii fi walga’ii hoggantoota addunyaa akka yaa'ii Naatoo fakkaatu qabaachuu danda'a jedhame.

Tajaajilli Iccitii Ameerikaas, erga kantiibaa Waashingitan dabalatee namoota siyasaa hedduurraa bilbilameefiin booda, adeemsa Kaapitooliitti raawwatamu akka ''qophii nageenya addaa biyyaalessaatti'' ilaaluuf murteen kun taasifamu beeksiise.

Ejensichi ramaddiin kunis sadarkaa naannoo, isteetii fi federaalaatti ''qabeenya guddaa'' fi ''karoora nageenyaa bal'aa'' kan hayyamu ta'uu ibseera.

Erga jeequmsa Kaappitoolii USn booda, kan yeroo deeggartoonni Pirezidaantii duraanii Doonaald Tiraamp Guraandhala 6, 2021'tti gamiicha humnaan cabsuun seenanii booda, miseensonni mana maree bakka bu'ootaa filannoo yoo mirkaneessan kun kan yeroo jalqabaatiif ta’a.

Tiraamp ammas filannoo Amerikaa ta'udhaaf ittaanaa pirezidaantii kan taatee Kaamalaa Haaris waliin dorgommii walitti dhiyaataa ta'e dorgomaa jiru.

Dorgommaa Tiraamp waliin filatamuuf dorgoman JD Vaans, dhiheenya kana osoo bara 2021'tti ittaanaa pirezidaantii Ameerikaa ta’uun filatamanii ta'ee bu’aa filannichaa hin mirkaneessuu ture jedhan.

Yaaliin ajjeechaa ji’a Adooleessaa keessa Tiraamp irratti taasifame tures sodaa nageenyaa filannoo kanaan walqabatee jiru kaaseera.

Qophiiwwan kanaan dura eegumsi nageenya sadarkaa olaanaa taasifameef keessaayis, eebba pirezidaantii, Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, yaa'ii Naatoo fi tapha Olompikii Gannaa bara 2002 Yuutaatti gaggeeffame fa'i turan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haleellaa Fulbaana 9/11n booda, Super Bowl jalqabaa kan Guraandhala bara 2002 New Orleans keessatti gaggeeffame maqaa walfakkaatuu kennameef.

Tajaajilli Iccitii Kibxata darbe, miseensota koree mana maree bakka bu’oota uummataa kanneen jeequmsa Kaapitoolii qoratan irraa dabalatee, gaaffiin eegumsa nageenyaa fooyya’aa hedduun akka isaan qaqqabe ibseera.

Falmii pirezidaantummaa Kibxata darbe gaggeeffame irratti, Tiraamp jeequmsa tureef Af-yaa’ii mana maree yeroo sanaa kan ta'an Naansii Peelosii fi kantiibaa Waashingitan Murii'eel Bowser komachuun, Bowser guyyaa sana Eegdota Biyyaalessaa Kaapitool keessatti akka qabaatan yaada dhiyeessan hin fudhannee jedhan.

Bowser gamasaanitii pirezidaantichi waan jedhan kana gonkumaa akka hin kaafneef dubbachuun, akka pirezidaantiitti loltoonni to'annoosaa jala akka turankaasan.

Gama biraatiin ammoo, Abbaan Alangaa Waliigalaa Ameerikaa Meerick Gaarlaand haasawa Kamisa darbe taasisaniin, ''haleellaan dubbii hammeessuu kana'' kutaa haqaa irratti balaaleffataniiru.

Qondaalli seera olaanaa Ameerikaa "yaadota shiraa, soba balaafamaa...fi doorsisa jeequmsaa" hojjettoota biirichaa balaadhaaf saaxilan irratti hin fudhanne.

Ministeerri haqaa qorannoowwan siyaasaan himataman adda addaa Tiraamp fi Baayiden lamaan irratti gaggeeffaman haala itti qabatuun Rippabilikaanotaa fi Dimookiraatota irraa qeequmsi isa mudateera.

Sarara filannoo US 2024