Wal dhabdeen Somaaliyaa fi michuushee UAE gidduutti uumame maali?

Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohamud fi Pirezidantii UAE Mohaammad Bin Zaayid Al Nahyan

Madda suuraa, MoFA UAE

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohamud fi Pirezidantii UAE Mohaammad Bin Zaayid Al Nahyan

Somaaliyaan beekamtii Israa'el Somaalilaandif kennite hordofee deeggarsa idil-addunyaa argachuuf tibbana carraaqqii hedduu gochaa turte.

Mootummaan Somaaliyaa tattaaffii dippilomaasii taasise hordofuun biyyoota Afrikaa fi Baha Giddu Galeessaa hedduu irraa deeggarsa argateera, garuu hariiroon biyya tokko waliin qabu yeroo kamuu caalaa walxaxaa ta'eera.

Somaaliyaa fi michuu Moqaadishoo yeroo dheeraa kan turte Gamtaan Immireetota Arabaa -UAE wal dhabdee keessa galaniiru.

Biyyi Galoo Galaana boba'aan badhaate kun nageenya, diinagdee fi siyaasa Somaaliyaa keessatti gahee guddaa taphachuun beekamti.

Galoo Galaana Aden fi Galaana Hindii irratti qarqara galaanaa kiiloo meetira kuma 3 dheeratu kan qabdu Somaaliyaan, sababa saamicha galaanaa fi daldala meeshaa waraanaa seeraan alaatiin Afrikaa fi Baha Giddu Galeessaa keessatti madda tasgabbii dhabuu taate.

UAE buufata doonii Bosasoo, Kismaayoo fi Berbera waliigaltee mootummaa giddugaleessaa fi mootummoota naannoo waliin taasifteen misoomsaa jirti.

Garuu Wixata darbe mootummaan federaalaa Somaaliyaa waliigaltee misooma buufata doonii fi nageenyaa UAE waliin mallatteesse guutummaatti addaan kutuu isaa beeksise. Somaaliyaan kana kan taasiftees sababa UAE birmadummaa koo sarbite jedhuuni.

"UAE waliin hariiroo gaarii qabna turre. Kan nama dhibu garuu akka biyya walabaa fi abbaa biyyaa tokkotti nu ilaaluu hin dandeenye. Dhimma kana erga of eeggannoo cimaan ilaallee booda murtee kanarra geenyee " jechuun preezdaantiin Somaaliyaa Sheek Mahaammad haasawa televijiinii biyyattii waliin taasisaniin dubbataniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

UAE murtee Somaaliyaa kana ilaalchisee hanga ammaatti yaada hin kennine.

Qorataan olaanaa garee rakkoo idil-addunyaa Omar Mahmud BBC'tti akka himanitti, Israa'el Somaalilaandiif beekamtii kennuu ishee murtee kanaaf ka'uumsa ta'uu ibsaniiru.

"Soomaaliyaan beekamtii kun akka walabummaa daangaa ishee mancaasutti ilaalti. UAE'n dhima kana keessatti gahee guddaa akka taphattetti amanti," jedhan Mahmuud.

Baatii Muddee darbe Israa'eel biyya addunyaa irratti Somaalilaandiif beekamtii kennite ishee jalqabaa ta'uun ishee ni yaadatama.

Oduun kun magaalaa guddoo Somaalilandi, Heergesaatti gammachuu guddaa kaase. Kun Somaaleelaandii kan waggoota 30 oliif Somaaliyaa irraa walaba taatee mootummaa, paaspoortii fi maallaqa mataa ishee qabduuf injifannoo guddaadha.

Somaalilandi bakka sanaa waliigaltee Abrahaam kan bara 2020 hojiirra oole labsite.

UAE, Baahireen fi Morookoon qaamolee waliigaltee kanaa yoo ta'an Israa'el waliin hariiroo dippilomaasii gaarii qabu.

Kun ammoo MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu, kan waraana Gaazaa irratti dhiibbaan itti hmmaateef boqonnaa tokko ture.

"Naannichi humnoota alaa adda addaatiin adda adda qoodameera. Gama tokkoon UAE fi Israa'el, gama biraatiin ammoo Sa'udii, Turkii fi kanneen biroo qbaniiru," jedha Mahmuud.

Sababa Itoophiyaa

Pirezidantii UAE Mohaammad Bin Zaayid fi MM Itoophiyaa Abiy Ahimed waliin

Madda suuraa, PMOE

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantii UAE Mohaammad Bin Zaayid fi MM Itoophiyaa Abiy Ahimed waliin

Waldhabdeen dippilomaasii biyyoota lamaanii gidduutti uumameen, UAE'n loltoota ishee fi meeshaalee waraanaa gurguddaa hedduu buufata xiyyaaraa Boosaasoo keessaa baasuu ishee gabaasni Middle East Eye wixata darbe baase ni mul'isa.

Mahmuud akka jedhanitti, erga michuu dhihoo UAE Itoophiyaan Somaalilaandi waliin waligaltee wal hubannoo mallatteessitee as hariiroon Somaaliyaa Gamtaa Emiraat waliin qabdu walxaxaa ta'uu ibsaniiru.

"Somaaliyaan UAE waliin wal dhabde kan eegalte erga Finfinnee Somaliland waliin waliigaltee wal hubannoo mallatteessiteen booda. Somaaliyaan waliigalticha cimsitee mormite, UAE garuu akka deeggartutti ilaalama. Itoophiyaan beekamtii Somaaliilaandiif kennuuf waadaa galte malee waadicha hin eegne. Israa'el garuu ni raawwatte."

Akka xiinxalaan kun akka jedhanitti, UAE'n hogganaa garee adda Yaman Ayidaros al-Zubahidi karaa daangaa Somaaliyaa biyyattii keessaa baasuu isheetiin waldhabdee biyyoota lamaan gidduu jiru daran hammeessee jira.

Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Alii Omar Aljeziiraatti akka himanitti, ''nama barbaadamaa ture naannoo qilleensaa fi buufata xiyyaaraa Somaaliyaa fayyadamuun biyyaa baasuun miliksuun waan Somaaliyaan fudhattu miti,'' jedhan.

Saawudi Arabiyaanis torbee darbe himannaa walfakkaatu dhiheessiteetti.

Qondaaltonni UAE hogganaa garee hidhattoota Yaman, al-Zubahidi, kan dooniidhaan gara Berbera, achiis karaa Moqaadishoo gara Abu Daabii imale ''tokkeessuun'' himate. UAE hidhattoota Yaman keessa jiran deeggaruu ishee ni haalte.

Hariiroon dippilomaasii Somaaliyaa fi UAE gidduu jiru hammachuun yeroo jalqabaaf miti. Bara 2018 Prezidaantiin Somaaliyaa yeroo sanaa Mohaammad Farmaajoo UAE siyaasa keessoo Moqaadishoo keessa seentee jirti jechuun himataniiru.

Sheek Mahmuud hogganaa paartii mormituu duraanii kan turan yoo ta'u, UAE'n Somaaliyaa keessatti hirmaachuu ishee deeggaran.

Kaan pirezidaantiin Somaaliyaa sababa waraana Yaman keessatti geggeeffamaa jiruun garaagarummaa UAE fi Sa'udii Arabiyaa gidduu jiru faayidaa dhuunfaa isaatiif fayyadamaa jira jechuun himatu.

Hogganaan garee adda Yaman Ahidarus al-Zubidii akka madda ka'umsa waldhabdee kanatti ibsama jira

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Hogganaan garee adda Yaman Ahidarus al-Zubidii akka madda ka'umsa waldhabdee kanatti ibsama jira.

Garuu mootummaan federaalaa Somaaliyaa murtee kana hojiirra oolchuuf humna hin qabu jechuun Mahmud falma. Kunis mootummaan giddu galeessaa Somaaleelandi keessatti aangoo isaa hojiirra oolchuuf dandeettii waan hin qabneef ta'uu hima.

Mootummaan giddugaleessaa naannolee gariin ofiin of bulchan Puuntlandi fi Jubalandi irrattis aangoo hin qabu.

''Mootummaan giddu galeessaa Somaaliyaa naannolee kanneen irratti aangoo hin qabu. Bulchitoota naannolee waliin illee waldhabdee keessa jira,'' jedha Mahmud.

Dhaabbanni loojistikii teessoo isaa Dubaayi godhate 'DP World' kan buufata doonii Berbera keessatti hojii isaa oitti fufee jiru murtee mootummaa Somaalaatiin waan jeeqame hin fakkaatu.

Xiyyeeffannaan dhabbatichaa faayidaa daldalaa fi diinagdee Somaaleelaandii fi guutummaa Gaanfa Afrikaa mijeessuudha. Gaaffileen murtii siyaasaa, marii mootummaa fi hariiroo dippilomaasii ilaallatan qaamolee dhimmi ilaallatuuf dhiyaachuun gaariidha,'' jechuun ibsa Rooyitarsiif kennen kan ibse.

Somaalilaand waliigalteewwan UAE waliin qabdu hundi ''seera qabeessaa fi kan raawwataman''ta'ee akka itti fufu ibsiteetti.

Jubalaandi ammoo murtee mootummaa federaalaa kana ''hiika kan hin qabne'' jedhe.

Puuntlandis gama isaan ''seera bu'uuraa bulchiinsa heera mootummaa waliin kan wal hin simne'' jechuun balaaleffate.

Haa ta'u malee, Somaaliyaan ammallee dhiibbaa ishee fayyadamtee UAE fi michoota ishee irratti dhiibbaa gochuu dandeessi jedhan Mahmud.

"Moqaadishoo naannoo qilleensaa to'atti. Dhiibbaa dippilomaasii kanaa fi kanneen biroo fayyadamuun UAE fi biyyoota naannoo irratti dhiibbaa gochuu dandeessi."

"Tarii michoota ishee Turkii fi Sa'udii Arabiyaa waliin qindoomina uumuu dandeessi" jedhu.

Mahmuud waldhabdeen dippilomaasii UAE fi Somaaliyaa gidduu jiru yeroo dhiyootti ni fooyya'a jedhee hin eegu.

"Waldhibdee dippilomaasii akka kanaa tasgabbeessuuf tarkaanfii guddaa barbaadaa" jedhee amana.