Ambaasaaddarri Itoophiyaa waa'ee Somaalilaand, TPLF, Masrii maal jedhu?

Madda suuraa, Ethiopian Embassy in Mogadishu, Somalia
- Barreessaa, Ameyu Etana
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo
Murtee Israa'el Somaalilaandiif beekamtii kenniteerratti Itoophiyaan dhimmicha itti dhiheenyaan akka hordofaa jirtu dippilomaatiin Itoophiyaa BBCtti himan.
Israa'el osoo hin eegamiin bulchiinsa Somaalilaand kan Somaaliyaan qaama kiyya jettuuf beekamtii kennuun muddama haaraa Gaanfa Afrikaatti uumeera.
Biyyoonni yeroo ejjennoo isaanii ibsaa jiranitti Itoophiyaan dhimma kana irratti ammatti ejjennoo ishee hin beeksisne.
Somaaliyaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa Amb. Suleemaan Daddafoo addatti BBC Afaan Oromoo waliin turtii taasisaniin dhimma kana gaafatamaniiru.
''Ejjennoo Israa'el fudhatte kana waan beeknu hin qabnu, numa argine,'' jechuun himan.
Dorgommiin olaantummaa biyyoota jajjaboo Gaanfa Afrikaatti cime jedhan nagaafi birmadummaa biyyootaaf dursa akka kennus gaafataniiru.
Israa'el bulchiinsa Somaalilaandiif beekamtii kennuu Somaaliyaa dabalatee dhaabbileen, biyyoonni baay'ee mormuun balaaaleffataniiru.
Israa'el gama isheen murtee isheetti akka cichitu beeksisteetti.
Gaaffiin ulaa galaanaa eessa gahe?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggaa lama dura Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa bulchiinsa Somaalilaand waliin mallatteessite gama Itoophiyaan guddoo abdatamee ture.
Gama Somaaliyaan garuu mufii jabaa kaasee Somaaliyaan biyyoota Itoophiyaan "diinota koo" jettuun kanneen akka Masriifi Ertiraa waliin hariiroo akka cimsattu taasiseera.
Akkaataa waliigaltee Itoophiyaan Somaalilaand waliin taasisteen Somaalilaand qarqara galaanaa 20km dheeratu biyya ulaa galaanaa hin qabne Itoophiyaaf buufata dooniifi waraanaaf oolu kenniti.
Gama biraan ammoo, Itoophiyaan Somaalilaandiif beekamtii ni kenniti.
Ta'us, kuni ifatti Itoophiyaadhaan hin mirkanoofne. Waliigalteen guutuus ummataaf ifa hin taane.
Somaalilaand akka qaama ishiitti kan ilaaltu Somaaliyaan waliigaltee kana akka weeraraattin ilaala, birmadummaa kiyyas sarba jettee mormite.
Muddama waggaaf turee booda jaarsummaa Turkiin hanga araaramanitti biyyoonni lamaan waraana seenu jedhamee sodaatamaas ture.
Eegasiiti Itoophiyaafi Somaaliyaan hariiroo dippilomasii isaanii deebisanii yeroo eegalan ture Ambaasaaddar Suleyimaan Daddafoo Moqadishuutti kan muudaman.
''Amma homaa rakkoo hin qabnu, nagaamaan hojii hojjetaa jirra'' jedhan haala biyyoota lamaan gidduu amma jiru yoo ibsan.
Qabxiilee ijoo Mudde 2024'tti Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu Ankaaraatti malllattaa'e keessaa tokko akkana jedha:
''Birmadummaa Somaaliyaa jalatti Itoophiyaan ulaa galaanaa amansiisaa, kan nageenya qabuufi waarawaa akka argattu waliigaltee, kiraa fi tooftaawwan daldalaa dandeessisu waliin ta'un xumuruuf waliigalaniiru.''
Kana milkeessuufis mariin teknikaa akka taasifamu waliigalamee ture. Kanaaf, gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaa eessa gahe jechuun BBC'n Amb. Suleyimaan gaafateera.
''Homarra hin geenye akkuma argitu kana'' jechuun deebisan.
Itoophiyaan 'karaa nagaa' ulaa galaanatti bahuuf sosso'aa jiraachuu yeroo ibsitu kanatti, keessumaa mormiin jabaa Ertiraarraa dhagahamaa jira.
Itoophiyaan bara bulchiinsa ADWUI ture ulaa galaanaa kan dhabde.
Amb. Suleeyimaan ''Nullee Galaana Diimaa keessaa qabna. Galaanni Diimaa keenya, waggoota 30'n darban shiratu harkaa nu baase,'' jechuun dubbatu.
''Itoophiyaa ukkaamsuun hin danda'amu,'' kan jedhan ambaasaaddar ''olaantummaa biyyoonni naannoo kanatti qabachuuf godhan hin fudhannu'' jechuunis himu.
Mootummaan 'karaa nagaan'' ulaa galaanatti baasu argachuuf yaalaa jira.
''Yoo karaa nagayaatiin dhabne ammoo filmaata bahaafi gala itti argannu fudhachuuf mirga qabna. Gaaffiin keenya gaaffii mirgaati.''
Amma gaaffiin guddaa gaaffii guddaa akkamiin argattiiidha.
''Nuu karaa nagayaatiin hin arganna, karaa seera qabeessaan hin arganna jenna. Ayi seeratti hin bullu, nagayaa hin barbaannu kan jedhu yoo jiraate humnaan nu dhowwa jechuudha.
''Kan humnaan dhufu, kan seera hin fudhu jedhe mirga Itoophiyaa hin beeku jedhe consequence isaa tilmaamuu dandeetta.''
Ejjennoon Itoophiyaa maali?
Murtee Israa'el hordofee biyyi guddoo Gaanfa Afrikaa, Itoophiyaan, callifteetti.
Mootummaan Itoophiyaa ifatti dhimma kanarratti wanti dubbate hin jiru.
Kuni Itoophiyaaf maal akeeka? Itoophiyaan itti aantee Somaalilaandiif beekamtii kennuu dandeessii? Jechuun Amb. Suleeyimaan gaafanne.
''Kuni waan ofdura ilaallu,'' jechuun deebisan.
Ejjennoon ishee Israa'eel waliin waliigaluudhaa?
''Ejjennoo Israa'el fudhatte kana waan beeknu hin qabnu, numa argine. Biyyoonni dhimma kanarratti adabatanii callisanii taa'aa jiranis nu qofaa miti.
''Biyya hedduun addunyaan guutuun hanga ammaa sochii guddaa kan godhan agarre.
''Maaliif gaafatan nu qofa addatti? Biyyoonni ollaallee nu qofaa miti, biyyoota hedduutu jira.
''Kanaafuu wanti gaaffii kaasu hin jiru. Kanaafuu waan hundaafuu afoo [fuuldura] ilaalla.''
Kanaaf ejjennoon Itoophiyaa yoom baramuu dandeenya?
''Beellama hin qabnu, guyyaa murtaa'e hin qabnu. Ejjennoo qabanneerra, kunuu ejjennoodha. Waan ta'u ilaalaa jirra,'' jechuun himan.
Itoophiyaaf ni ta'aa?
Xinxaltoonni BBC'n dubbise dhimma adeemaa jiruurratti Itoophiyaan callisuun akka waan gaarii ta'etti kaasu.
Dhimma Gaanfa Afrikaa kan xiinxalan Dr Nagaraa Guddataa ''Jalqaba waan ta'ef garamitti akka inni deemu callisanii hubachuun baay'ee barbaachisaadha.
''Ejjennoon Itoophiyaan yeroo ammaa ibsitu wanta fedhii biyyaalessaa, fedhii siyaasaafi dinagdee waliin waan wal dhiibu ta'udhaa hin qabu ,'' jechuun himu.
Xiinxalaan kuni keessumaa sochii Masrii Gaanfa Afrikaatti cimaa dhufe danquuf qooda qaba, kunimmoo gaarii akka ta'etti ibsu.

Madda suuraa, Getty Images
Ambaasaaddar. Suleyimaan yaada kanatti ittiin waliigaltuu?
''Nuyi wanti jennu maali, biyyi Somaalee kunis naannoleen Somaaleetis somaalelaandillee haa ta'u biyyoonni kunneen hundinuu waan fedhan waan barbaadan karaa nagayaatiin, karaa seera qabeessaan akka guuttatan kan jedhu ejjennoon keenya.
''Nu karaa keenyaan proxy [bakka bu'umsa] waan ta'e hin barbaannu, itti hin amannu.
''Tokkotti ibidda qabaa fedhii keenya guuttachuu biyya tokko jeeqaa fedhi keenya guuttachuu kaayyoo akkasii hin qabnu, imaammata akkasiillee hin qabnu.
''Nu biyyoonni hundinuu hawaasni hundinuu fedhii isaanii karaa nagaafi karaa seera qabeessa qofaan akka guuttatan barbaanna, nullee karaa san deemna.
''Kanaaf, wanti naannoo kanatti fedhii keenyaaf to'annaa keenyaan alatti deddeemamaa jiru kuni gaafa fedhiifi faayidaa keenya xuqutti gale gaafas yaada itti kennina.
''Amma wanta ta'aa jiru kana to'annaa keenyaan ala waan ta'ef qooda fudhattoonni dhimma kana keessa jiran akka gad taa'anii nagaan fixan'' barbaanna jedhan.
Dippilomaatiin Itoophiyaa kuni wanti amma Gaanfa Afrikaatti adeemaa jiru walitti bu'iinsatti geessuu mala jechuun yaadda'u.
''Nuu nagaa barbaanna. Waan naannoo kanatti adeemsifamu humnaa ol ta'ee jira, nu ijibbaachisee jira.
''Biyyoonni hundinuu, qooda fudhattoonni hundinuu karaa nagaa hordofuu, imaammata nagaa hordofuu birmadummaa biyyootaa kabajuu, kabachiisuu karaa kanaan yoo ta'e malee eenyuyyuu hin fayyadu.
''Miidhaa fidutu caala. Kanaaf ejjennoon qabanne ebeluu kan haa godhu waan jedhu miti.''
Kana jechuun beekamtiin Israa'el kennite fedhii biyyaalessaa Itoophyaatti hin bu'uu? Kanaaf callistanii?
Kuni dhimma Israa'eel fi Somaalilaandidha jedhu.
''Yoo karaa malee deeme, nu qofaa miti akkuma waliigalaatti biyyoota Bahaa Afrikaa kana hunda hin miidha.
''Beekamtiin kenname kuni karaan deemuu qaba, mariin deemuu qaba. Ka miidhuufii ka fayyadu addatti jiraachuu hin qabu. Karaa seera qabeessaan deemuu qaba.
''Ammattii nuu wanti kuni karaa malee deemee gara fedhii, faayidaa keenya miidhutti akka akka hin galle xiyyeeffannaa guddaan ilaalaa jirra. Nageenyi dursuu qaba,'' jedhan.
'Abadan hin ta'u'
Itoophiyaafi Masriin dhibdee waggoota dheeraaf bubbule qabu.
Addatti ijaarsa Itoophiyaan Hidha Abbayyaarratti ijaarte mormituus, 'diinummaan' isaanii wagga 150 tara jedhu hayyuuleen seenaa.
Itoophiyaan Galaana Diimaatti bahuun barbaada isa jettees Masriin cimsitee mormiti.
Ambaasaaddar Masrin Gaanfa Afrikaa ''jeequuf sochii guddaa gooti'' jechuun himatu.
''Humnoota diina Itoophiyaa ta'an hunda walitti ijaaraa, hidhachiisaa, leenjisaa bobbaasaa wanta danda'an godhaa jiran ta'uufi didde malee.
''Pirojektiii jeequmsaa malee pirojektii biraa hin qaban.''
Yeroo ammaa keessumaa Masriin biyyoota ollaa Itoophiyaa kanneen akka Sudaan, Ertiraa, Jibuutii fa'i waliin hariiroo cimaa ijaaraa jirti.
Kanas, hidha Abbayyaarratti waliigalteen akka gahamu Itoophiyaa dhiibbaa jala galchuuf kana gooti jedhu xinxaltoonni.
Itoophiyaafi Masriin waggoota 13'f hidha Abbayyaarratti marii taasisaniis waliigaluu hin dandeenye.
Milkaa'uu dhabuu isaaf tokko isa kaaniin himata.
Itoophiyaan hidha kana ifatti erga eebbisiiste boodas wal himannaafi wal akeekkachiisuun itti fufeera.
Ambaasaaddar Suleeyimaan ''faayidaa keenya ittifachuuf ga'umsa gaarii qabna'' jechuun himu.

Madda suuraa, Getty Images
Dhimmi Abbayyaa dhimma biyya 11'ti jechuun Masriin rakkoo bishaanii hin qabdu jedhu.
''Bishaan laga Abbayyaaf biyyi hin gumaachine Masrii qofa. Odoo litirii bishaan sanitti hin daballe, 100% bishaan guutuu to'achu barbaadan,'' jedhan.
''Rakkoon rakkoo bishaaniiti miti rakkoon rakkoo siyaasaati. Siyaasaa isaanii, imaammata isaanii haa sirreeffatan.''
Dabaluunis, ''Rakkinni bishaanii rakkina sobaati, rakkina hin jirre,'' jedhu.
''Encirclment [Marsuu] isaanii kuni wanti hojjetu hin jiru. Fedhiifi faayidaa isaanii siyaasa. Rakkina bishaanii kan jedhan maqaa malee rakkoon isaan qaban siyaasadha.
''Naannoo kanatti olaantummaa qabatanii'' sosso'uu malee fedhii biraa hin qaban jechuunis qeequ.
''Kuni waan ta'aatii miti, yoomiyyuu. Abadan waan ta'aatii miti, abadan!''
''Sodaachisuudhaan asii achi fiiguudhaan, marsuu yaaluudhaan wanti raawwatan jiru. Wanti marsaniis hin jiraatu, marsanii wanti isaanii buusu hin jiru.''
Galaanni Diimaa maaliif barbaachise?
Galaanni Diimaa Garba Guddaa Hindiifi Galaana Mediteraaniyaan wal qunnamsiisa.
Bara durii eegalee toorri Galaana Diimaa godaansa, daldalaafi duula waraanaaf ulaawwan ijoo ta'uun itti fufeera.
Keessumaa boba'aafi wantoota bu'uuraa barbaachisan biroo baay'isanii doonii meeshaa guddaa baatuun geejibsiisuuf toora galaanaa barbaachisaadha.
Keessumaa boba'aa addunyaarratti barbaadamu Giddugala Bahaafi biyyoota Galoo Galaanaarraa geejibsisuuf karaa gabaabsa waan ta'ef daldalaafi siyaasa addunyaarratti bakkee ijoo qaba.
Sababa kanarraa kan ka'e biyyoota ollaa Galaana Diimaa jiran kanneen akka Masrii, Sa'udi Arabiyaa, Ertiraa, Yaman, Jibuutiifi Somaaliyaan alatti biyyoonni fagooo jiran fedhii isaanii mirkaneessuuf naannawa galaana kanaa sosso'u.
Sochii daldalaa addunyaa keessaa 12% - 15% kan ta'u akkasumas fe'umsa konteenaraa keessaa 30% kan ta'u gama Galaana Diimaarra ce'a.
Imalli kuni baasiifi yeroo imala doonii Eeshiyaafi Awurooppaa gidduu taasifamu sadarkaa olaanaan xiqqeessa.
Sababa Kanaan daldalaafi dhiheessiii annisaa addunyaan keellaa ijoo jedhamee ibsama.












