Itoophiyaan waggaa booda Somaaliyaatti ambaasaaddara haaraa muudde

Madda suuraa, MFA Ethiopia
Itoophiyaan turtii waggaafi ji'a afur booda ambaasaaddara haaraa gara Somaaliyaa ergite.
Ambaasaaddar Suleeyimaan Daddafoo xalayaa muudama isaanii Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Maahimuditti guyyaa Kibxataa dhiheessaniiru.
Adeemsi kuni biyyoonni lamaan muddama dippilomasii gidduu isaanii ture furuuf waliigaltee Ankaaraatti raawwatan hojiitti hiikuuf tarkaanfii fudhatame akka ta'etti ilaalame.
Ambaasaaddar Suleeyimaan kan muudaman ambaasaaddarri duraanii Itoophiyaa Muktar Mohaammad Waaree sa'aatii 72 keessatti biyyattii gadhiisanii akka bahan erga ajajamanii waggaafi ji'a afur boodadha.
Itoophiyaan ambaasaaddar haaraa muuduu ishee hordofee Somaaliyaan ambaasaaddara haaraa muuduu ishee yookiin kan duraanii bakkatti deebisuu ishee wanti ibsame hin jiru.
Itoophiyaan ulaa galaanaa barbaacha bulchiinsa Somaalilaand kan Somaaliyaan qaama kiyya jettu waliin waliigaltee raawwatte Somaaliyaa akkaan mufachiise.
Akka labsii waraanaattis nan ilaala jechuun tarkaanfii dippilomasii, siyaasaafi waraana Itoophiyaa ergama Gamtaa Afrikaan ala akka ta'u sosso'aas turte.
Somaaliyaan baatii Ebla 2024 keessa ture ambaasaaddara Itoophiyaa kan ariite.
Dabalataan, Waajjiraaleen Qontsilaa Itoophiyaa Haargeessaafi Gaarowee jiran guyyoota torba keessatti akka cufaman murtaa'uu Manni Maree Ministeerotaa Somaaliyaa ibsee ture.
Akkasumas, Itoophiyaatti Ambaasaaddara Somaaliyaa kan ta'an mariif gara Moqadiisuu waamamuus Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa ibsee ture.
Tarkaanfiin kuni kan fudhatame birmadummaa, tokkummaa, walabummaafi daangaa Somaaliyaa kabachiisuuf akka ta'e ministeerichi ibseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Inumaa hariiroo ishee biyyoota naannichatti Itoophiyaa waliin hariiroo gaarii hin qabne, Masriifi Ertiraa, waliin hariiroo cimsachuun muddama jabaa uumee ture.
Itoophiyaan bulchiinsa Somaalilaand beekamtii idil-addunyaa hin qabne waliin karri galaanaa mallatteessite humna galaanaa hundeessuuf ture.
Bakka kanaa immoo Somaalilaandiif beekamtii ni kenniti jedhamuutu Somaaliyaa mufachiise.
Somaaliyaan bulchiinsa Somaalilaand akka qaama isheetti ilaalti.
Muddama dheeraa booda jaarsummaa Pirezidantii Turkii Reseeph Xayyiib Erdogaaniin biyyoonni lamaan muddama waggaa tokko booda araara buusan.
Yerooo araara buusan Ministirri Muummee Abiy Ahimad fi Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Shek Maahimud argamaniiru.
Akkaataa waliigaltee kanaan Itoophiyaan birmadummaa Somaaliyaa akka kabajju, Somaaliyaan immoo marii teknikaa karaatti Itoophiyaan ulaa galaanaa argattu akka eegalan waliigalanii turan.
Qabxii waliigaltee kana keessaa tokko, ''Tokkummaa daangaa Somaaliyaa haala kabajeen Itoophiyaan ulaa galaanaa amansiisaa argachuun ishee faayidaa garaagaraa qabu biyyoonni lamaan beekamtii kennu,'' jedha.
Haa ta'u malee, yeroo ammaa sadarkaan mariin teknikaa irra jiru hin beekamu.
Maal mari'atan?
Akka Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsetti, Pirezidant Hasan yeroo waraqaa muudama isaanii fudhatanitti ummatiifi mootummaan Itoophiyaan Somaaliyaan akka tasgabbooftuufi ijaarsa sirna mootummaa Somaaliyaa keessatti deeggarsa taasisaniif galata dhiheessaniiru jedhe.
Dabaluunis, ''biyyoonni obbolaa lamaan duudhaa waloo danuu kan qaban waan ta'ef nagaafi misoomni isaanii daran kan wal hidhate,'' ta'i dubbachuus ibse
Ambaasaaddar Suleeyimaan gama isaaniin turtii isaanii Somaaliyaan hariiroon biyyoota lamaa sadarkaa olaanaarra akka gahu cimanii akka hojjetan himaniiru.
Ambaasaaddar Suleeyimaan Daddafoo dhimmoota ijoo Pirezidantii Somaaliyaa waliin mari'atan ibsaniiru.
Pirezidant Hasan Sheek Mohaammud waliin hariiroo dippilomasii keenya cimsuuf, hariiroo dinagdee akkasumas tumsa dhimma nageenyaa cimsuuf akka dalagan dubbatani.












