Kennaan buufata waraanaafi doonii Somaaliyaa Itoophiyaa, US fi naannichaaf maal jechuudha?

Madda suuraa, Office of the Prime Minister-Ethiopia
Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohammuud xalayaa Bitootessa 16, 2025 pirezidantii US Doonald Tiraampiif erganiin Barbaraafi Bosaasoo dabalatee buufataalee dooniifi waraanaa US qophaatti to'attu kennaaf dhiyaasuu ibsan.
Rooyerisi maddi Dippiloomaatiisaa tokko xalayaan kuniifi qabiyyeen isaa dhugaa ta'uu mirkaneeffachuu gabaaseera.
US galoo galanaa Eden irraa buufata waraanaa fi doonii to'achuun faayidaa inni qabu Hasan Sheek Mohaammud xalayaa isaanii keessatti barreessaniiru.
''Iddoon tarsiimawaan dhiyaate kun hariiroo Ameerikaan naannicha waliin qabdu cimsuuf hiree bal'isa. Ulaa dhiyeessii waraanaafi loojistikii walirraa hin cinne mirkaneessa, Kooriidarii baayyee barbaachisaa ta'e kanattı morkattootni alaa biroon akka hin galles ittisa'' jedha.
Haata'u malee mootummaan Somaaliyaas ta'e, Waashingitan waayee kennaa dhiyaate kanaa odeeffannoon kennan hin jiru.
Somaalilaand kan buufata doonii Barbaraa bulchituufi Somaaliyaarraa guutummaatti of danda'uu labsitu kennaa pirezidantichaa balaaleffatteetti.
Ministirri dhimma alaa Somaalilaand Abduraahimaan Daahiin tarkaanfii qaama ''abdii kutateeti'' jechuun xalayicha kuffiisan.
Ministirichi yaada Rooyitarsiif kennaniin ''Ameerikaan gowwaa miti, Buufata Barbaraa ilaalchisee eenyu waliin mari'achu akka qabdu beekti'' jedhan.
Barbaraan buufata doonii Itoophiyaan ija irra buufattedha.
Waliigalteen walhubannoo ulaa galaa Somaalilaandiifi Itoophiyaa waggaa tokko dura mallataa'ee muddama hedduu dhales naannoo Barbaraarratti kan xiyyeefatu ture.
Ofii kennaan Hasan Sheek Mohammuud kun Somaaliyaaf, Itoophiyaaf, US fi Gaanfa Afrikaaf maal jechuu ta'a?
Buufatalee kanneen maaliif USf kennuu fedhan?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dippiloomatii olaanaan mootummaa Itoophiyaa duraanii amma Yunaayitiid Isteetsi jiraatan Iwnetuu Bilaattaa Hasan Sheek Mohaammuud kennaa dhiyeessan kanaan ''michummaa idila addunyaa qaban cimsuufi investimeentii alaa harkifachuu yaadanii'' jedhu.
''Somaaliyaan dhibdee keessoo, yaaddoo shororkeessummaa, rakkoolee diinagdeefi dhiibbaa alaarra haala jirtu keessatti yaadni kun dhiyaate'' jedhan.
Teessoon Somaaliyaa ulaa galaanaa daldaa idila addunyaa keessatti gahee olaanaa taphaturratti argama. Galoo Arabiyaafii galoo galaana Eden gidduu jirti. Ulaan kun ulaa geejiba galaanaa guddaa ta'uu danda'a.
''Keessumaa daldala boba'aafi dhimma waraanaa irratti iddoo tarsiimawaadha'' jedhu Iwnetuun.
Sababa kanaattis ''Yunaayitiid Isteets dabalatee biyyootni guguddoon biroon ulaa kanarraa fedha ni qabaatu, buufata qabaachuus ni hawwu kunimmoo barbaachisummaa Somaaliyaa dabala'' jedhan.
Dhibdee Baha giddugalaan walqabatee galaana diimaa gubbaa muddamni hammaachuun ulaan geejibaa karaa qarqara galaanaa Somaaliyaa akka darbu hiree bala'isaa jedhan.
Dabaluunis US buufataalee Somaaliyaa kanneen loojistikii waraanaaf fayyadamuun duula shororkeessumma, kan al-Shabaab irratti godhamu jabeessa'' jedhan.
Itoophiyaan hiree ulaa galaanaa dhabdii?
Buufata doonii fi buufata waraanaa galaanarraa hundeessuuf waliigalteen walhubannoo Itoophiyaafi Somaalilaand dhiibbaa hedduun irra gahuu booda Somaaliyaafi Itoophiyaa ji'oota dura jaarsummaa Turkiin furame.
Waliigaltee kanaan Somaaliyaan wanta Itoophiyaan Somaalilaandirraa argachuu feete kennuuf qophii ta'uu akka dandeessu abdatame.
Waliigaltee Ankaaraatiin duuba MM Abiy gara Moqaadishoo wayita imalan simannaa ho'aatu isaan eege.
Jilli MM Abiy pirezidant Hasan Sheek Mohaammud waliin qarqara Garba Guddaa Hindiitti suuraa ka'aniiru
Kunis yaada Somaaliyaan waan Itoophiyaan feetu kennuu heddi jedhu dabaleera.
Iwneetuun Itoophiyaan ulaa galanaa argachuuf waliigaltee akka Somaalilaand waliin galtee san keessa galuun dirqama mitii jedhu.
Waliigalteen walhubannoo sun ''kan hiika hin qabne ture'' jedhan. Itoophiyaan Somaalilaandirraa ulaa galaanaa argachuuf Somaalilaand fottoquunis dirqama mitii jedhan.
''Seerri idila addunyaa biyyootni qarqara galaanaa hin qabne haala itti buufata doonii qabaatan hayyamu jira. Tokkummaan daangaa Somaaliyaa kabajamee karaa amma pirezidantiin Somaaliyaa deemaniin buufatni doonii (Barbaraa) hammayyaa'aa ta'ee yoo hojjetame, Itoophiyaani gatii rakasaan buufata kana fayyadamuu dandeessi.''
Kanaaf waan Itoophiyaarratti miidhaa fidu hin qabu jedhu.
Fayidaan biraan Itoophiyaan dhufaatii US irraa argattu al-Shabaab kan Itoophiyaafillee balaa ta'e dhabamsiisuuf gahee taphatu ta'uu dubbatan.
Hariiroo Itoophiyaafi US ittisa shororkeessummaarratti qabanis ni jabeessa jedhan.
Somaaliyaan maal buufatti?
Somaaliyaan hiree guddachuu guddaa osoo qabduu waggoota darban hedduuf waraanaafi dhibdee keessoon rakkachaa baate. Ammas shororkeessumma al-Shabaab qolachuuf birmannaa biyyoota adda addaan waldhaansootti jirti.
Iwnetuun ''duula farra shororkeessummaa keessatti US michuu jabduu Moqaadishoo ta'uu agarsiifteetti'' jedhu.
Michuu kanaaf buufata waraanaafi doonii dhiyeessuun ammoo hariiroo waraanaafi michummaa gama diinagdee cimsuuf gargaaraa jedhan.
Dhaamsi biraan dorgommii idila addunyaa gama Raashiyaa fi Chaayinaa irraa dhufuuf Somaaliyaan deebii ifaa kennuu agarsiisa.
Gama kaaniin Somaaliyaan diinagdeeshee waraanaa barootaa darbaniin miidhame dadammaqsuu barbaaddii jedhu dippiloomatiin kun.
''Diinagdeen Somaalliyaa waraana waliinii, saamtota galaanaafi tasgabbii dhabuu yeroo dheeraan miidhameera. Buufatoota kana USf kennuun pirezidantichi daldala cimsuu, investimeentii harkisuufi bu'uura misoomaa biyya keessaa deebisanii ijaaruu yaadanii ta'a.''
US faayidaan gama kanaan Somaaliyaatiif fiduu maltus Investimeentii, deeggarsa fi muuxannoowwan gaarii bu'uura buufatalee doonii ta'uu danda'aa jedhu.
Kunis ''Somaaliyaan naannichatti biyya dhiibbaa guddoo uumtu akka taatu gargaaruu mala'' jedhu.
Hireen Somaalilaand maal ta'a?
Buufataalee pirezidant Hasan Sheek Mohaammud USf kennan keessaa tokko Barbaaraadha.
Barbaraan ammoo bulchiinsa Somaaliyaarraa fottoquun ofiin bultu Somaalilaand keessatti argama.
Somaalilaand ofiin biyya walaba agochuun ilalatuus, akka biyya walaabatti beekamtii idila addunyaa hin arganne.
Karaa maraanuu beekamtii kana argachuuf carraaqxi. Somaaliyaan ammoo sochii kamuu Somaalilaandiin birmadummaa goonfachiisu dura dhaabatti.
Yunaayitiid Isteets biyya beekmatii biyyootaa mirkaneessuu keessatti dhiibbaa guddaa uumtu ta'uusheerraa kan ka'e kennaan Somaaliyaa kun fedhii birmadummaa Somaalilaand dukkaneessuu danda'aa jedhu Iwnetuun.
Gaaffii fottoqiinsaa Somaalilaand kaastu slphaatti akka lafaa ka'e ehin haasa'amnellee gochuu danda'a. Fedhii fottoqinsaa isaan keessatti ajjeesuu danda'a.''
Dhiyeenya keessa tasgabbiin Somaalilaand keessa jiru Itoophiyaafi UAE irraa fedhiin garasaanii goruu akka jiraatu sababa ta'us kaasaniiru.
Ejjennoon mootummaa Itoophiya amma dura ture ''hunda dursinee Somaalilaandiif beekamtii hin laannu, dhumas hin taanu'' kan jedhu turee kan jedhan biyyoota ada addatti Ambaasaaddar Itoophiyaa kan turan Iwnetuun, ejjennoon mootummaa US kanarra afagoo hin ta'uu jedhu.
US biyya dhageettii guddaa qabdu waan taateef Somalailaandiif beekamtii biyyummaa kennuun ''balaa caamuu hin dandeenye keesa galti jedhee hin yaadu'' jedhan.












