Somaaliyaan bakka murteessaa US'f kennuuf dhiyeessuun 'yaada abdii kutannaati' jette Somaalilaandi

Bulchiinsi walabummaashee labsite Somaalilaand, yaada mootummaan Somaaliyaa buufata Barbaraatti argamuufi buufata doonii Ameerikaan qofaatti akka to'attuuf dhiyeessee kufaa taasifte.
Barbaraan kaaba galaanaa qarqara Somaaleelaandiin kan handaara galaana Edaniitti argamuudha.
Bara 1991tti yeroo Somaaleen wal waraansa keessa galteetti walabummaashee kan labsite Somaalilaand, dhaabbileen ishee kan Somaaliyaan gara laafummaan kennituuf akka hin taane ibsite.
Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud gitasaanii Ameerikaa Doonaald Tiraampiif xalayaa Bitooteessa 15, 2025 barreessuun maddi oduu Rooyitarsi argate irratti, tarreewwan filmaata buufata waraanaa fi buufata galaanaa Ameerikaan qofaatti to'achu dandeessu hammateera.
Akka gabaasa Rooyitarsiitti, buufataalee waraanaa Baaloodogluu fi Barbaraa akkasumas buufata galaanaa barbaraafi Bosaasoo Ameerikaan qofaatti akka to'attuuf kan Pirezidanti Hasan eeran.
Pirezidantiin Somaaliyaa filmaatiwwan arfan xalayicharratti caqasan kan hojiiwwan nageenyaa Ameerikaa cimsan ta'u ibsuun gabaafameera.
Ministirri dhimma alaa Somaalilaand Abduraahimaan Daahiin tarkaanfii qaama ''abdii kutateeti'' jechuun xalayicha kuffiisan.
Doonaald Tiraamp osoo bara aangoosaanii marsaa lammataa hin eegaliin dura himtee tureen, lammiileen Somaalilaand bulchiinsa waggaa 34'f mootummaa dimokiraatawa ta'en turteef beekkamtii kennuudhaan addunyaarratti biyya jalqabaa akka taatu abdataa turan.
Obbo Adaan deebii xaliyichaaf toora X isaanii gubbaatti kennaniin, ''beekamtii Somaaliilaandiif kennamu dhaabsiisuuf gochuu wanti dandeessan omtu hin jiru'' jedhan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Buufanni Barbaraa dhaabbata Diipp World kan qabeenyaa biyya michuu Ameerikaa taate, Gamtaa Araab Imreetsi ta'een dhiheenya kana haarofameera.
Ministirichi Rooyitarsiitti akka dubbataniitti, ''Ameerikaan gowwaa miti, Buufata Barbaraa ilaalchisee eenyu waliin mari'achu akka qabdu beekti'' jedhan.
Somaaliyaan waraana Alqaa'idaa fi hidhattoota kaa waliin gaggeessituuf Ameerikaan odeeffanno kennuu fi haleellaa qilleensaa raawwachudhaan gahee olaanaa baati.
Moqaadishoon Daanaald Tiraamp akkuma bara aangosaanii jalqabaatti ammas deeggarsa Ameerikaan Somaalliyaaf taasiftu hir'isu danda'u jechuun yaaddoo qabaachu xinxaltoonni ni kaasu.
Mootummaan Somaaliyaa baatii Muddee keessa deeggarsa Ameerikaafi walitti dhufeenya Somaaliyaa irratti deeggarsa marii gahaa argachuuf jechuudhaan dhaabbata gorsaa Waashingitan olaanaa tokko waliin waggaa tokkoof waliigaltee oolaara kuma 600 mallatteessee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek yaadni buufataaleen Ameerikaan qofaatti akka bulchiituuf dhiyeessan kunis Ameerikaadhaaf qaxanicha keessatti dorgomtootashee kan akka Chaayinaafi Raashiyaarratti olaantummaa akka qabaattuu ni taasisa jedhameera.
''Qabiyyeewwan tarsimoon kunneen Ameerikaan hirmaannaa qaxanicha keessatti gootu akka cimstuuf carraa kennaaf. Waraanaafi lojistikii addaan hin cinnee Ameerikaaf mirkanneessuudhaan dorgomtoonni alaa kaan koridarii murteessaa kaan keessatti akka hin argamne ni dhorka'' jedha Rooyitari xalaiyicha waabeefachuun.
Buufanni Baaliidoogl magaalaa guddoo Somaaliyaa-Moqaadishoo irraa gara kaaba-lixaatti fageenya km 90 irratti kan argamu yoo ta'u, buufanni Bosaasoo ammoo Putilaand kan gamtokkeen ofiin of bulchitu keessatti argama.
Kanaan kan ka'e mootummaan Somaaliyaa gaaffiin Ameerikaadhaf kennuudhaaf dhiyeesse, bulchiinsi Puutilaandis kufaa taasisuu danda'a jedhamee eegama.
Aanga'oonni Putilaand xalayichaarratti hanga ammaatti yaadni kennan omtu jiraachu baatulleen, miidiyaan Gaarowee onlaayin jedhamu tokko garuu, motummaan Somaaliyaa xalayicha Ameerikaaf kan barreesse osoo isaaniin hin mari'atiin ta'u ibseera.
Taateen kunis walitti dhufeenya Moqaadishoofi Putilaand jidduu jiru caalaa akka laaffisu malu dubbatama.
Buufanni xiyyara waraanaa lammaffaan xilayichaan kaafame kan Moqaadishoorraa gara kaaba-lixaatti argamu yoo ta'u, achittis yaalii loltoonni Somaaliyaa al-shaabaab waraanuuf taasisan deeggaruuf loltoonni Ameerikaa leenjii kennaa jiru.
Buufanni Somaalilaand ammoo madda waldhabdee yoo ta'u kun kan jalqabaa miti. Kanaan duras Somaalilaand fi Itoophiyaan Amajjii 1, 2024 waliigaltee ulaa galaanaa dheerina km 20 haguuguu erga taasisanii booda qaxanicha keessatti mudamni umamee akka ture ni yaadatama.












