Pirezidantiin Jubaalaand Somaaliyaan hidhuuf ajaja itti baafte eenyu?

Ahimad Mohaammad Islaam (Maadobee) loltoota Itoophiyaan qabamuu dura miseensa Gamtaa Manneen Murtii Islaamaa Somaaliyaa turan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ahimad Mohaammad Islaam (Maadobee) loltoota Itoophiyaan qabamuu dura miseensa Gamtaa Manneen Murtii Islaamaa Somaaliyaa turan
    • Barreessaa, Ameyu Etana
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Pirezidantiin Naannoo Jubaalaand, Ahimad Mohaammad Islaam (gara caalu Maadobeen beekamu) filannoo Sadaasa keessa taasifame injifachuun ibsamee ture.

Filannoon kuni sirni filannoo haaraa hojiirra akka oolu yaada mootummaan federaalaa Somaaliyaa dhiheesse diduun kan taasifamedha.

Filannoon taasifamuu duras hogganaan marsaa lamaa ol akka filamu heerri naannichaa fooyya’eera. Angawoonni Somaaliyaa garuu kanaan hin gammanne.

‘’Asitti ana malee namni biraa itti gaafatama qabu hin jiru,’’ jedhan Maadobeen injifachuun isaanii gaafa labsame.

Garuu, hin turre. Mootummaan federaalaa Somaaliyaa filatamuu isaanii morme.

Akkaataan paarlaamaan Jubaalaand filate ‘‘seeraan ala‘‘ jechuun labse. Marsaa lamaa oliif Jubaalaand bulchuu akka hin dandeenyes ibse.

Abbaan Alangee Somaaliyaa ‘‘atattamaan‘‘ Mana Murtii Waliigalaatti himannaa akka irratti banan ajajame.

Mootummaan Somaaliyaa loltoota isaa gara Raas Kaambonii, magaalaa buufati waraanaa keessa jiru, erge.

Kuni muddama Jubaalaandiifi Somaaliyaa hammaaterra walirra bu'e. Mootummaan federaalaa hookkara uumuuf loltoota erge jedhan Maadobeen.

Gabaasonni biroo, Somaaliyaan loltoota kan ergite ergama waraana Gamtaa Afrikaa jala ture jala jalaan ofitti fudhachuufi jedhu. Ammatti ifa miti.

Hanga yoonaa hoggantoonni Somaaliyaa kan isaan filatamaa turan hoggantoota gosaani.

Sababni kun ta'eef ammoo biyyattiin sirna siyaasaa walxaxaafi al kallattii ta'e waan hordoftuufi. Paartileen siyaasaa filannoo kana irratti hin dorgoman.

Namni tokko bahee kaadhimamaa barbaadu tokkoofis sagalee kennuu hin danda'u.

Biyyi walitti bu’iinsa waggootaaf itti fufe keessaa bahuuf yaalaa kan jirtu Somaaliyaan, sirna filannoo ummanni hoggantoota isaa filatu hojiirra oolchuu barbaaddi.

Hanga yoonaa qaami Somaaliyaan kiyya jettuufi filannoo kallattiin bulchaa filattu bulchiinsa Somaalilaand qofaadha.

Somaalilaand immoo beekamtii idil-addunyaa qabaachuu baattus, bara 1991 eegalee Somaaliyaarraa walabummaa labsatteetti.

Ajaja hidhaafi hookkara paarlaamaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Eegasii Roobii Sadaasa 27, 2024 manni murtii Somaaliyaa Maadobee kan duraan loltuu Islaamistii akkasumas ajajaa milishaas turan hidhuuf ajaja hidhaa itti baase.

Ajaja kana kan baasemmoo mana murtii Benaadir magaalaa Moqadiishuutti argamudha. Kunis gaaffii Abbaa Alangeerraa dhihaate bu’uura gochuuni.

‘’Komaandarri poolisii biyyaalessaa Somaaliyaa Ahimad Mohaammad Islaam (Maadobee) hidhuun mana murtii Benaadir akka dhiheessu ajajamuu,’’ ibsa.

Maadobeen ‘’tokkummaa Somaaliyaarratti yakka raawwachuun (biyya ganuun)’’ himatamuu isaanii AFP’n gabaaseera.

Jubaalaand ammoo deebii kanaa Pirezidant Hasan Sheek Mahaammud irratti ajaja hidhaa baasteetti.

Muddamni akkanaa garuu haaraa miti. ‘’Bara bulchiinsa Farmaajos walitti bu’iinsi ni ture. Yerosiis filannoon walqabatee walitti bu’iinsi dhalate.

‘’Kuni waanuma bara 2019 mudataa turetu irra deebiin mudate. Garuu inni ammaa waan cime fakkaata,’’ jedhu xinxalaan Somaaliyaa BBC’n dubbise.

Xiinxalaan maqaan isaanii akka ifa ta’u hin feene Maadobeen deeggarsa jabaa qabu jedhu.

Guyyaadhuma Roobii Paarlaamaan Somaaliyaa waa’ee adeemsa filannoo haaraa hojiirra oolchuurratti mari’atee ture.

Ta’us, Miseensonni Paarlaamaa Maadobee deeggaran mormii dhageessisaniiru.

Viidiyoowwan qoodaman paarlaamaa keessa jeequmsi yeroo gabaabaaf itti fufuu mul’isaniiru.

Haa ta’u malee, mariin itti fufee komishiniin filannoo miseensota 18 qabuufi filannoo biyyaalessaa gaggeessuu akka hundaa’u sagalee kenneera.

Naannolee Somaaliyaa waraanni Itoophiyaa akka hin baane morman keessaa tokko Jubaalaandidha
Ibsa waa'ee suuraa, Naannolee Somaaliyaa waraanni Itoophiyaa akka hin baane morman keessaa tokko Jubaalaandidha

Ta’us, waan si’achi ta’uf deemu baruun ni dhiba.

Erga ajaji hidhaa bahee booda Maadobeerraa wanti dhagahame hin jiru.

Ajaji bahuu dura magaalaa Jubaalaand, Kismaayyoorraa 200km ol fagaattee argamtuufi Raas Kaamboonii jedhamtutti dhibdeen ture.

Kunis, humnoota Jubaalaand fi mootummaa Somaaliyaa gidduu muddamni dhalachuutu gabaafame. Wanti isaa garuu ifa miti.

‘’Yoo Kismaayyotti imalan isaan dura dhaabbachuu (humnoonni Jubaalaand) danda’u,’’ jedhu xinxalaan BBC’n dubbise.

Xinxaltoonni kaan immoo ajaji hidhaa dhiibbaa irraan gahanii ajaja mootummaa federaalaa akka raawwatan yaadameeti jedhu.

Hireen isaanii ifa miti.

‘’Nama biyya ganuun to’atame waan isaan qunnamuurratti waan seerri Somaaliyaa jedhu ifa miti. Hidhamuus, hidhamuu dhabuus danda’u,’’ jedhu xiinxalaan.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN), Gamtaan Afrikaafi Gamtaan Awurooppaa qaamoleen lamaan mariin rakkoo akka furan waamicha dabarsaniiru.

Maadobeen eenyu?

Kismaayyoon magaalaa buufata doonii taateefi Kibba Somaaliyaatti argamtudha. Teessoo bulchiinsa Juubaalaandiitis.

Siyaasa magaalaa Kismaayyoo keessa nami maqaa guddaa qaban immoo Maadobeedha.

Maadobeen miseensa Gamtaa Manneen Murtii Islaamaa (Somali Supreme Islamic Courts Council) turan.

Gamtaan suni hanga loltoota Itoophiyaan aangoorraa buufamutti bara 2006 Somaaliyaa bulcheera.

Bara 2007 loltoota Itoophiyaan lolarratti miidhamanii qabamanii turuu seenaan isaanii ni hima.

Gabaasonni tokko tokko gara Finfinnee geeffamuufi hidhaa manaa keessa tursiifamullee himu.

Bulchiinsa Pirezidantii Sheek Sharif Sheeh Ahimad jalatti itti-gaafatama erga argatan booda gadhiifamuu seenaan isaanii dubbata.

Ergasii, milishaa Raas Kaambonii jedhamu ajajaa turan.

Milishaan kuni bara 2012 gargaarsa waraana Keeniyaan harka milishoota al -Shabaab jalaa Kismaayyoo to'ateera.

‘’Raas Kaamboniin garee fincilaa ture. Erga Kismaayyoo to’atan booda humnoota Jubaalaanditti dabalamaniiru. Amma hin jirani.

‘’[Maadobeen] Miseensota Waldaa Manneen Murtii Islaamaa dhageettii qaban keessaa turan.

‘’Bara bulchiinsa Manneen Murtii Islaamaa kantiibaa magaalaa Kismaayyoos turan,’’ jedhu xinxalaan dubbifne.

Bara 2013 eegalee immoo Pirezidantii Jubaalaand ta’un filaman.

Pirezidantii jalqabaa Naannoo Jubaalaand akkasumas kanneen Jubaalaand hundeessan keessaa tokkodha.

Loltooti Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa'aman nagaa kabachiisuuf Somaaliyaatti bobba'aniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Loltooti Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa'aman nagaa kabachiisuuf Somaaliyaatti bobba'aniiru

Bulchiinsi isaanii mootummaa Itoophiyaafi Keeniyaan deeggaramus, hanga IGAD gidduu seenutti mootummaan Somaaliyaa dafee deeggarsa hin kennineef ture.

Eegasii filannoo marsaa biraas injifataniiru.

Erga aangoo qabatanii yoo xiqqaate yaalii ajjeechaa al-Shabaab jalaa si’a lama bahuu seenaan isaanii ni ibsa.

‘’Waggoota 20 darban keessatti beekamtii horatan,’’ jedhu xinxalaan dubbifne.

Hariiroon Itoophiyaa waliin qaban maali?

‘’Booda kana michuu isaanii yeroo dheeraa kan taate keeniyaarraa fuula garagalfachuun hamatamaa jiru.

‘’Guyyoota muraasa dura ibsa kennaniin mootummaan Somaaliyaa Keeniyaa fayyadamuun isaan hidhuuf akka jedhan ibsuun qeeqan.

‘’Itoophiyaatti caalaatti dhihaachuu malu,’’ jechuun xinxalaan dubbatu.

Nami kuni gosti isaanii gosa Pirezidantii Naannoo Somaalee Itoophiyaa waliin tokko jedhu.

Waa'ee Jubaalaand

Naannolee Somaaliyaa shan hamma tokko of bulchan keessaa tokko Jubaalaandidha. Gama Kibbaan Itoophiyaa daangessiti.

Naannolee Somaaliyaa lama waraanni Itoophiyaa Somaaliyaa keessaa akka hin baane morman keessaa tokko Jubaalaandidha.

Jubaalaand Somaaliyaa keessa lafa badhaatuufi tarsiimawaa jedhamti.

Itoophiyaafi Keeniyaa kan daangessitu Jubaalaand bakka ijoo argamti jedhu xiinxaltoonni
Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaafi Keeniyaa kan daangessitu Jubaalaand bakka ijoo argamti jedhu xiinxaltoonni

‘’Guuboo soorataadhas. Oomishaaleen qonnaa gara caalu achii dhufu,’’ jedhu xiinxalaan Somaaliyaa beekan.

Itoophiyaafi Keeniyaan Jubaalaand keessaa loltoota baay’ee qabu. Bulchiinsa kana akka maandhee farra al-Shabaab itti fayyadamu.

Naannoleen Somaaliyaa biroo Puntilaand, bulchiinsa Kibba-lixa (South-west state), Hirshabalee fi Gaalmudug jedhamu. Mootummaan federaalaa immoo Moqadiishuu buufate.

‘’Puntilaand fi Jubaalaand erga yeroo dhihootii mootummaa Somaaliyaa cimsanii mormaa jiru.

‘’Bulchiinsa Saawuz-west ittimmoo sababa loltooti Masrii bobbaafamu malu jedhuun muddamni jira.

‘’Gaalmudug fi Hirshaballee mootummaa federaalaa waliin rakkoo hin qaban.’’