Waldhabdeen Mootummaa Federaalaa Somaaliyaa fi Juubaaland gidduu jiru maaliif hammaataa deeme?

Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad fi Pireezidaantii Jubaland Ahmed Mohamad Islam

Madda suuraa, Jubaland State House

Dhaabbileen fi biyyoonni idil-addunyaa fi naannoo 18 Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaa Awurooppaa fi Ameerikaa dabalatee waldhabdee Mootummaa Federaalaa Somaaliyaa fi Jubaland gidduutti hammaachaa dhufuun yaaddoo qaban ibsa waloo Roobii darbe kennaniin ibsaniiru.

Mootummaan Federaalaa fi Jubalaand dhaabbilee fi biyyoonni gochaa "olola waldhabdee hammeessan" irraa akka of qusatan gaafataniiru. "Mariin bu'a qabeessaa fi hirmaachisaa" ta'e akka taasisanis dhaamaniiru.

Ergama Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa fi Dhaabbata Mootummoota Misooma Baha Afrikaa (IGAD) kan Somaaliyaa keessatti nagaa eegsisuu irratti bobba’es ibsi baase wal dhabdee qaamolee lamaan gidduutti hammaataa dhufuu hordofeeti.

Torban lama dura, Sadaasa 10, 2024 Jubalaand hariiroo mootummaa federaalaa waliin qabu hunda addaan kutuu beeksiste. Jublaandi koree filannoo haaraa ijaaramuu isaa yeroo beeksisutti Mootummaan federaalaa Somaaliyaa tarkaanfii kana ''seeraan alaa'' jechuun ibseera.

Koreen filannoo kunneen mootummaa federaalaan fudhatama dhabullee, Kibxata Sadaasa 18, 2024 filannoo miseensota Mana Maree Jubaland filachuu gaggeeffameera. Miseensonni mana marichaas filatamaniiru. Miseensonni mana maree haaraanis Kamisa darbe af-yaa’ii haaraa filataniiru.

Filannoon jalqaba torbee dhufuu Pirezidaantii Jubaland filachuuf ni gaggeeffama. Pireezidaantiin naannichaa Ahmed Mohamed irra deebiin ni filatamu jedhamee eegama.

Haa ta'u malee hojimaatni koree filannoo hundeessuun hanga pirezidaantii naannichaa filachuutti ture mootummaa federaalaa preezdaantii Hasan Sheek Mahaammad waliin walii hin galle. Mariin paartilee lameenii fi haasaan hoggantoota isaanii garuu itti fufeera.

Jijjiirama sirna filannoo irratti walii hin galamne

Naannolee federaalaa Somaaliyaa keessaa tokko kan taate Jubalandi, erga mootummaan federaalaa fi naannoleen biroo sirna filannoo biyyattii gosa irratti hundaa'e jijjiiruuf waliigalanii as mootummaa federaalaa waliin wal dhabdeetti jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Naannoolee federaalaa walakkaa ofiin of bulchan shan kan qabdu Somaaliyaan; Walitti dhufeenyi mootummaa federaalaa fi mootummoota naannolee gidduu jiru qoodinsa aangoo qaamolee lamaan kanaaf heera biyyattiin kennameen murtaa'a.

Dhimmi alaa, ittisa biyyaa, immigireeshinii fi imaammanni maallaqaa aangoo mootummaa federaalaaf qofaa kennameedha.

Naannoleen Somaaliyaa biyyattii keessatti gosoota adda addaatiin kan bulfaman yoo ta’u, hooggantoonni gosootaa adeemsa filannoo keessatti gahee olaanaa qabu.

Adeemsi filannoo Somaaliyaa kan biyyoota hedduu keessatti raawwatamu irraa adda fi walxaxaa dha. Ummanni biyyattii miliyoona 18 ol ta'u kallattiin hoggantoota ishee hin filattu.

Somaaliyaa keessatti mootummaan federaalaa fi naannoleen filannoo miseensota mana marichaa fi pirezidaantummaaf karaa koree filannoo isaaniitiin gaggeessu.

Pireezidaantiin Mootummaa Federaalaa kan filatamu Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa miseensota 275 qabuuni. Pirezidaantichi kan filatamu hoggantoota gosoota miseensota mana maree kanneeniin filatamanini. Bakka bu’oonni dhaabbilee waldaalee siivikii mootummoota naannoleetiin filatamanis miseensota mana marichaati.

Pireezidaantiin biyyattii Hasan Sheek Mahaammad, Sirna filannoo kana gara adeemsa sagalee kennuu lammiileen kallattiin itti hirmaatanitti jijjiiruuf yaada qabu. Kunis gara filannoo biyyoota hedduu keessatti raawwatamuun wal fakkatutti jechuudha.

Yaadni kun kanaan duras mari'atamaa kan ture yoo ta'u, naannoleen biyyattii yaada kanaaf deeggarsa qaban ibsaniiru.

Baatii Fulbaanaa keessa Manni Maree Marii Biyyaalessaa bakka bu’oota naannolee biyyattii of keessatti hammate, mootummaan federaalaa sirna filannoo kana filannoo itti aanu keessatti hojiirra oolchuuf karoorfachuu isaa beeksise.

Mootummaan Federaalaa ibsa Ministeerri Dhimma Alaa baaseen hojimaata sirna filannoo waliin walqabatu sadii jijjiiruuf fedhii akka qabu ibseera. Mootummaan federaalaa filannoon biyyattii keessatti gaggeeffamu tokkummaa akka qabaatu barbaada.

Pirezedaantii Federaalaa Somaaliyaa Hasan Sheek Mohamud

Madda suuraa, Reuters

Fedhiin mootummaa federaalaa inni biraan sirna filannoo sagalee tokkoon lammiileen itti hirmaachuu danda’an qabaachuu yoo ta’u, akkasumas komishinii filannoo biyyatti keessatti gaggeeffamu hunda to’atu hundeessuuf karoorfateera.

Sirna kana hojiirra oolchuuf yeroon hojii mootummaa federaalaa fi naannoo waggaa tokkoon akka dheeratu ibsamee jira.

Sirna filannoo jijjiiruuf karoorri kun godinaalee Galmudug, Hirsheebelee fi Kibba Lixaatti raggaasifameera. Pireezidaantiin kutaa Jubalandi Ahmed Mohamed Islam sirna filannoo jijjiiruuf marii kana dhiisanii ba'an. Kutaan Puuntland mormii isaas ibseera.

Ministirri Muummee biyyattii, Hamsee Abdii Baarree, kan Jubaland irraa dhufan; Hoggantoonni naannichaa filannoon kun adeemsa tokkummaa fi jijjiirama Somaaliyaa gufachiisa jechuun himataniiru. Hoggantoonni Jubalandi gama biraatiin marii kana dhiisanii ba'uu isaanii yaadachiisaa walii galteen kun akka isaan hin ilaallaanne ibsaa jiru.

Mootummaan federaalaa fi naannoleen sadii sirna filannoo haaraa irratti waliigalan faallaas miseensota mana maree sirna filanno ture filatan jiru.

Dhaabbileen fi biyyoonni idil-addunyaa fi naannoo 18 marii qaamolee lamaan kanaan "yaaddoo" keessa jiru; Jubalaandi dhimmoota hin dhaqqabamne furuu fi hariiroo mootummaa federaalaa waliin qabu akka eeggatuuf gara marii kanaatti akka deebi'u waamicha dhiyeessaniiru.

Dhaabbileen fi biyyoonni ibsa kana kennan Somaaliyaan gara "sirna filannoo tokkoo fi sagalee tokko irratti hundaa'ee fi hirmaachisaatti ce'u akka qabdu" deeggaran labsaniiru.

Dhaabbilee fi biyyootni, "Adeemsi filannoo kamiyyuu osoo hin xumuramin dura paartiileen hundi olola waldhabdee hammeessan irraa of qusachuu fi marii banaatti akka deebi'an ni jajjabeessina," jedhan.

Waldhabdeen Jubaland fi Mootummaa Federaalaa Somaaliyaa gidduu jiru yoo hin hiikamne Jubalandi hanga walabummaa labsachuutti deemuu fi waldhabdeen uumamuu mala jechuun sodaan ummumeera

Kun ammoo mootummaa Somaaliyaa kan garee hidhattoota finxaalessitoota falmaa jiruu fi Somaale landi walabummaashaa labsite wal dhabdeetti jiran waliin mataa dhukkubbii biraa ta’a, tattaaffii aangoo giddu galeessa isaa cimsuuf taasisus ni gufachiisa.