Gahee waraanni Itoophiyaa nagaa kabachiisaa Somaaliyaa keessaa qabu maal fakkaata?

Hasan Sheek Mohaamud fi Abiy Ahimad
Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaamud fi MM Itoophiyaa Abiya Ahimad

Baatiiwwan kudhan darbaniif walitti dhufeenyi biyyoota ollaa ta’an Itoophiyaafi Somaalii jidduu jiruu laaffateera.

Dhimmi kanaaf sababii ta’e ammoo waliigaltee Itoophiyaan Amajjii 1, 2024 biyya ta’ushee kan labsite Somaaliilaand waliin mallatteessiteedha.

Waliigaltee kanaan booda biyyoota lamaan jidduutti jecha walitti deddeebiisuun ture. Anga’oonni mootummaa Somaaliyaa Itoophiyaan birmadummaa biyya keenyaa cabsiteetti jechuun irra dedebiin himannaa dhiyeessu.

Gama biraatiin ammo, Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad fi Fiild Maarshaal Birhaanu Julaan, raayyaan ittisaa Itoophiyaa tokkommaa fi birmadummaa Somaaliyaa kabachiisuuf ‘‘aarsaa kanfaluu’’ yoo kaasan dhagahamu.

Ibsi yaada aanga’oota siyaasaafi waraana Itoophiyaa kana mormu tibbana Ministeera Dhimma Alaa Somaaliyaatiin bahe.

Ministeerri dhimma alaa biyyatti jalqaba torban kanaarratti ibsa baaseen yeroo darben keessaa bobbaan raayyaa ittisa Itoophiyaa nagaa kabachiisuuf Somaaliyaa keessatti taasifame sochiin al-shabaab akka dabalu taasiseera jechuun himate.

Loltoonni Itoophiyaa daangaashee keessaa akka bahaniif gaafataa kan turte Somaaliyaan ergama nagaa kabachiisaa ergamnisaa baatiiwwan muraasaan booda kan dhumatu bakka buusuudhaaf humna bobbaafamu keessatti loltoonni biyya kami akka hirmaatan kan filattu ofiisheetiin ta’u ibsiteetti.

Ibsi ministeera dhimma alaa Somaaliyaa, biyyoota loltoota biyyattii keessatti bobbaasan shaniin haala adda ta’eetti loltoota Itoophiyaa irratti xiyyeeffachuudhaan, ergamnisaa ‘‘sochiin al-shabaabi akka dabalu taasisuun alatti jijjiramni argamsiisee murtaa’aadha’’ jechuun himate.

Qorataan Chaatam Hawuusii fi xiinxalaa Gaanfa Afrikaa, Dr Abeel Abaata, ‘‘dhimmoonni ibsichaan ibsaman tokko tokkos kan aanga’oonni Somaaliyaa itti amanan natti hin fakkaatu. Dhimmoonni kaafaman tokko tokko miiratu irraa hubatama’’ jechuun BBCtti himan.

‘‘Miirrii kunis callisee kan dhufe miti’’ kan jedhan Dr Abeel, ‘‘waliigalteen Itoophiyaafi Somaaliilaand hin xumuramiin sababa olaanaadha’’ jedhan.

Qorataan kunis ibsi mootummaa Somaaliyaa dhimmoota lama agarsiisa. Innis ‘‘Waraanni Itoophiyaa Somaaliyaa keessatti itti haafuufu yaada jedhu naaf dhabsiisa jedhee yaaduun sarara diimaa sararuu kan barbaade natti fakkaata’’ jedhan.

Itti dabalunis ibsi Somaaliyaa ‘‘ibsa aarii waliigaltee Itoophiyaafi Somaaliilaand akka ta’eettiin fudhadha’’ jedhan.

Waraanni Itoophiyaa dhugaa babal'achuu al-shabaabiif sababa ta'e?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidanti Hasan Sheek Mahaamud gara aangootti wayita dhufan waadaawwan seenan keessaa tokko, al-Shabaab kan waggoota 20 darbaniif Somaaliyaa nagaa dhabsiisee seenaan taasisa jedhanii ture.

Pirezidantii Somaaliyaa kurnaffaan Hasan Sheeh Mahaammud Somaaliyaa Viilaa keessa hanga ammaatti turan illeen Al-Shabaabiin to'achuu hin dandeenye.

Ammalleen magaalaa guddoo Moqaadishootti haleellaawwan boombii ni raawwatama.

Yaaddoo biyyatti ta'unsaa kan itti fufee Al-shabaab sababii bobbaafamu Itoophiyaatiin sochiinsaa dabaleera jechuun mootummaan Hasan Sheek Mahaamud kan himate.

Himannaan kunis kan aanga'oota Somaaliyaa qofaan dhiyaatu miti. Xinxaltoonni walabaa kaanis babal'achuu fi sochiin garee kanaa dabalu bobbaafamu waraana Itoophiyaa waliin walitti hidhu.

Tibba tokkootti BBC waliin turtii taasisanii kan turan xinxalaan walitti bu'insaa fi nageenyaa, Pirofesar Madihinee Taaddasa ''Gamtaa mana murtii Islaamummaa balleessina jennee seenee Al-shabaab uumne'' jedhanii ture.

Namni Abdullaahii Hasan jedhaman tokko barreeffama bara 2009tti barreessan tokkoon ''waraanni Itoophiyaa biyyattii to'achuunsaa Al-shabaab Somaaloota irraa deeggarsa akka argatu dandeessiseera.

''Somaalonni baayyeen ilaalchi jihaadiziimii Alshabaab kanas ta'e sana, akka humna mormii dhugaa taasisanii lakkaa'u turan'' jedhan.

Dr Abeel gamasaanitiin, ''anga'oonni Somaaliyaa yeroo baayyee irra deddeebiin kan kaasan al-shabaab bu'aa weerara Itoophiyaati kan jedhu yeroo baayyee dhageenya'' jedhan.

''Haalawwan tokko tokkoorratti waraanni Itoophiyaa jiraachu al-shabaab akka miseensotasaa filatuuf haala gaarii uumuufii akka danda'u nan yaada'' kan jedhan Dr Abeel, waraanni Itoophiyaa gara Somaaliyaatti bobbaafamu, ''akka bifa weeraraafi amantaa qabaatuuf hololli baayyeen taasifameera, gama al-shabaabiinis hanga ta'e milkaa'eefiira'' jedhan.

''Haata'u malee kallatti haala waliigala siyaasa, nageenya akkasumas hawaasa Somaaliyaatiin yoo xinxallu, al-shabaabii injifatamuu dadhabuufi waraanni Itoophiyaa jiraachuu waliin wal qabachuu hin qabaatu'' jedhu.

Hundeeffamni al-shabaabii fi babal'achuunsaa bobbaafamu waraana Itophiyaa waliin wal qabachuu sirrii miti jedhu Dr Abeel.

''Kanaafis Somaaliyaan rakkoo keessa kan galte dhufaatii al-shabaabiin walqabatee ta'u kan agarsiisan dhimmoota baayyeedha'' kan jedhan qorataan kun, ''kana jechuun garuu bobbaafamu waraana Itoophiyaatiin dura maal fakkaatti turte? Haalli Somaaliyaa ammaa hoo maal fakkaata? Dhimmoota jedhan haalaan sakatta'un barbaachisaadha'' jedhu.

“Mootummaan Somaaliyaa yoom irraa kaaseeti biyya bulchuu kan dadhabe? Haalli biyyattii baroota 1990motarraa kaasee maal fakkaata ture?,'' dhimmoonni jedhaman yaada keessa galfamu akka qaban himu.

Xinxalaan Gaanfa Afrikaa kun, ''Ani yoo sakkatta'u hanqinoota mataasaa qabaatulleen, waraanni Itoophiyaa waraana biyya kaanii caalaa nagaa buusuudhaan dhugaa ba'umsi dhaabbilee idil-addunyaa kennameefiira'' jedhan.

Bara 2015 Pirezidantiin duraanii US Baraak Obaamaa Itoophiyaa yeroo daawwatanitti waraana Itoophiyaa Somaaliyaa jiru guddaa jajan.

‘’Humna galaanaa keenya lolatti erguu hin qabnu. [Waraanni] Itoophiyaa loltoota cimoodha,’’ jechuun ibsan. ‘’[Ardii] Afrikaarratti waraana jabaa ta’e qabu.’’

Qorataan kun akkas jedhan illeen, ''garuu dhimma qabiinsa mirga namoomaatiin, gamtaa Amisoon waliin hojjachuurratti, loltoota biyya biraatii ergaman waliin izziifii kaayyoo tokko qabatee socho'urratti hanqinoota hedduu qaba ture'' jedhan.

Aanga'oonni Itoophiyaa gamasaanitiin, raayyaan ittisa Itophiyaa ''olmaa'' mootummaa Somaaliyaatiif oolee irra deddeebiin kaasu.

Itaamaajoor Shuumiin waliigala Humnoota Raayyaa Ittisa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanu Juulaa baatiiwwan muraasa dura TV biyyaaleesaatti akka dubbataniitti, ''Mootummaan Somaaliyaa Moqaadishoo keessa akka turu kan taasise raayyaa ittisa Itoophiyaati'' jedhanii ture.

Fiildi Maarshaal itti dabaluudhaan ''raayyaan ittisa Itoophiyaa osoo boru bahee mootummaan Somaaliyaa kan Moqaadishoo taa'u natti hin fakkaatu'' jedhan.

''Aanga'oonni Somaaliyaa raayyaan ittisa Itoophiyaa oolmaa akka isaaniif hin gooneetti dubbataa turan. Kunis oolmaa dagachuudha'' kan jedhan Fiild Maarshaal Birhaanuun, bulchiinsi Somaaliyaa walakkaan ol ta'u kan raayyaa ittisa Itoophiyaatiin eegamu ta'u kaasan.

Michummaa Masriifi Somaaliyaa nageenya gaanfa Afriikaa hammeesse
Ibsa waa'ee suuraa, Michummaa Masriifi Somaaliyaa nageenya gaanfa Afriikaa hammeesse

Itoophiyaafi Somaaliyaa kaleessaa hanga har'aatti

Itoophiyaa fi Somaaliyaan bara 1960mootarraa kaasee wanaana gaggeessanii ture.

Keessattuu Somaaliyaa olaantuu hundeessuuf kaayyoon kan qabatanii turan Ziyaad Baarreen dursaa Itoophiyaa yeroo sanaa mootummaa Mangistuu Haayila Maariyaam waliin waraana gaggeessaniiru.

Wal waraansi Somaaliyaatti gaggeeffamaa ture cimee abjuun Ziyaad Baarree fashalaa'un bulchiinsi isaas yoo dadhabu, Somaaliyaan akka biyyaatti itti fufuunshee gaaffii keessa gale.

Kufaatii mootummaa jidduugalaatiin booda ammoo gareewwan wal waraanaa turan olaantummaa qabachuuf jecha wal waraanaa turan illeen Viillaa Somaaliyaa seenuun hin danda'amne.

Kunis Somaaliyaatti mootummaan akka hin jiraannee, gareewwan gosaa fi amantaa jidduutti wal waraansi akka babal'atu taasise.

Gareewwan hidhatan kanneen jidduutti humni manni murtii Islaamummaa dandeettiisaa cimfachuun bulchiinsoota Somaaliyaa hedduu to'achu danda'ee ture.

Babal'achu garee kanaa akka yaaddootti kan ilaalte Itoophiyaan waraanaashee gara Somaaliyaatti bubbaasuun gareen sun akka dadhabuufi bulchiinsoota qabate gadhiisee akka bahu taasisuu dandeessee jirti.

Tarkaanfii Itoophiyaa kanaan booda ture humni nagaa kabachiisaa Gamtaa Afriikaa Somaaliyaatti kan ergame.

Waggaa 18 dura Manni Maree Nageenyaafi Tasgabbii Gamtaa Afriikaa humna kabachiisa nagaa biyyoota garaa garaa keessaa babahan baatii jahaaf Somaaliyaa keessa akka turuuf kan bobbaase.

Humni baatii jahaaf bobbaafamee tures gara waggaa 18f Somaaliyaa keessa ture.

Waggaa lamaan dura gareen nagaa kabachiisaa maqaasaa Amisoon jedhurraa gara Ergama Ce'umsa Gamtaatti jijjiratees turtiinsaa baatii Amajjii dhufaa dhumata.

Adeemsi loltoota biyyoota biraa Somaaliyaa keessaa baasuu kunis baayyina loltoota nagaa kabachiisaa biyyattii keessatti boba'anii turan gara kuma lamaatti akka hir'atu taasiseera.

Kabachiisaa nagaa kana bakka bu'uudhaan ittaansee humni nagaa kabachiisaa biyyattii keessatti bobbaafaman keessaa loltoonni Itoophiyaa akka hammataman hin barbaadu kan jette Somaaliyaan karaa ministira dhimma alaasheetiin ibsa baafteen ture.

Murteen biyyoota loltoota gumaachan ilaalchisee kennamu ''kan dantaa biyyaaleessaa Somaaliyaafi birmadummaashee kabachiisuu waliin kan wal gitu ta'u qabaata'' jechuun ittaansee waan ta'u danda'u akeekeera.

Ibsi kunis kan bahe erga pirezidantiin biyyatti Hasan Sheek Mohaamud biyyoota loltoota humna nagaa kabachiisaa keessaa qaban Keeniyaa, Yugaandaa, Buruundii fi Jibuutii doowwataniin boodadha.

Sababii hidha guddicha laga Abbaayyaa irratti ijaaramaa jiruuttiin walgaarreeffannaa keessa kan galte Masriin ergama ittaanu keessatti loltootashee gumaachuuf fedhiishee ibsite jirti.

Manni Maree nageenyaa Gamtaa Afriikaa baatii tokkoon dura ibsa baaseen, fedhii Masrii haala gaariin akka ilaalu beeksiisee ture.

Dr Abeel, ''Birmadummaa fi dhimma alaarratti murtee dhumaa kan kennu mootummaa federaala Somaaliyaa waan ta'ef, waraanni Itoophiyaa caasaa haaraa keessa akka jiraatuuf hin barbaadu kan jedhu ejjannoon Somaaliyaa kun ija seeraatiin qaawwa seeraa ni qabaata jedhee hin yaadu'' jechuun BBCtti himan.

Qorataan kun itti dabaluudhaan, ''dhimmi ijoo ta'u qabaatu biyyi kamuu loltoota haa gumaachu kan jedhu osoo hin taane, biyyoota kam fa'itu loltoota bobbaasa kan jedhudha'' jedhu.

''Dubbii barbaacha kan ta'u Somaaliyaa loltoota Itoophiyaa hin barbaadu jechuu osoo hin taane, loltoonni biyyoota Itoophiyaa akka yaaddootti ilaaltu waraana Itoophiyaa bakka bu'uu kan jedhuudha'' jechuun ibsu.

Dr Abeel, ''qaamoleen kaan gara naannichaatti yoo waamaman haala nageenya biyyoota ollaa karaa tokkoonis ta'e karaa biraatiin jijjiruu ni danda'a kan jedhu bal'inaa fi gadi fageenyaa yaaduun barbaachisaadha'' jedhu.

Dabalataanis, ''qaamoleen baayyeen xiyyeeffannaa kennuuf kan qaban eenyutuu attamiin hirmaata? Kun ammoo dhimmoota nageenya Itoophiyaa fi biyyoota naannicharratti dhiibbaa qabaachu malaa? kan jedhu sirriin yaadamu qabaata.''

Waraanni Marsii Somaaliyaa keessa qubachuun yaaddoo qabaatu yoo ibsan, ''waraanni Masrii Somaaliyaa keessa buufate jechuun Itoophiyaan naannicha xiyyeeffannaan ilaaluu, haala nageenya naannichaarraa cimsuu, sochii daangaarratti waraanaa qubachiisuu gochuun barbaachisaa yoo ta'es shaakalawwan gaggeessuu hordofsiisa'' jedhu.

Masriifi Itoophiyaa kan walitti bu'an waggoota 150 dura ta'u kan yaadatan qorataan kun, ''amma yeroo jalqabaatiif loltoonni Itoophiyaafi Masrii fuldura wal arguun carraa kallattiin walitti bu'uu danda'an uumuu danda'a.

''Dogongorri ykn dubbii barbaachi xiqqoon gara walitti bu'iinsaatti geessuu akka danda'an waraana Itiiyoo-Ertiraa irraa agarree jirra'' jechuun dubbatan.