Loltoonni Itoophiyaa Somaaliyaa keessa turuumoo bahuu qabu?

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Ameyu Etana
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo
Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa bulchiinsa Somaalilaand waliin seente yoo haqxe malee waraana Itoophiyaa akka baastu Somaaliyaan dubbatteetti.
Waliigaltee kana Somaaliyaan akka ‘’labsii waraanaatti’’ ilaalti. Itoophiyaan immoo bulchiinsa beekamtii hin qabne waliin waliigaltee seenuu wanti dhorku akka hin jirre himte.
Muddamni kuni garuu hammaataa malee tasgabbaa’aa hin jiru.
‘’Itoophiyaan erga takkaa michuus, weerartuus ta’u hin dandeessu,’’ jedhaniiru gorsaan nageenya biyyaalessaa Somaaliyaa, Huseen Sheek Alii, Rooyitarsitti yoo dubbatan.
Itoophiyaan waggoota dheeraa dura eegalee loltoota kumaan lakkaa'aman Somaaliyaatti bobbaafteetti.
Itoophiyaaf Somaaliyaa turuun maal fayyadaan? Maalisimmoo dhabdi? Somaaliyaan loltoota Itoophiyaa baasuu dandeessii? Ammallee wanti deebii dhabe maali?
Maaliif tursiisuu qabdi?
Itoophiyaan waraana gosa lamadha kan ishiin Somaaliyaa keessaa qabdu. Tokko Gamtaa Afrikaa jala kan sosso’u (ATMIS) yoo ta’u, kan lammataa waliigaltee biyyoota lamaan kan bobba’anidha.
Gamtaa Afrikaa jala yoo xiqqaate loltoota 3,000 akkasumas waliigaltee biyyoota lamaan immoo loltuun Itoophiyaa 5,000 – 7,000 ta’u bakkeewwan Somaaliyaa adda addaa keessa qubateera.
Aangawoonni Somaaliyaa waraanni gosa lamaanuu akka isaan bahan akka barbaadan himaniiru.
Dubbiin kuni akkuma dhagahameen, Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan marii Pirezidantii Somaaliyaa waliin taasisaniin ‘muddama tasgabbeessaa’ jedhaniiru.
Durumaa Itoophiyaan akka gara Somaaliyaa seentu kanneen fedhaniifi gargaaraa turan keessaa tokko Ameerikaadha.
Yaaddoon ulaa galaanaa dhabuu Itoophiyaa ‘seera qabeessa’ kan jettu US, waliigaltee Itoophiyaan Somaalilaand waliin taasiste garuu kanneen ifatti morman keessaati.
Yunivarsitii Finfinneetti digirii isaanii sadaffaa hariiroo idil-addunyaarratti kan qorataa jiran Nagaraa Guddataa, kanneen loltooti Itoophiyaa osoo Somaaliyaa turan biyya fayyada kan jedhan keessaati.
Itoophiyaa maal fayyada gaaffii jedhu deebisuuf ‘’maaliif deemte’’ isa jedhu hubachuun akka barbaachisu dubbatu.
Hidhattooti al-Shabaab kan ammallee lafa Somaaliyaa keessaa gara caalu to’atanii jiran Somaaliyaarra darbe biyyoota ‘’naannichaafu yaaddoodha.’’
Kanaaf waraana Itoophiyaa achi tursuun ‘’yaaddoo nageenyaa Itoophiyaa ni hir’isa. Humna nagaa kabachiisu keessa hirmaachun maqaafis gaariidha,’’ jechuun ibsu.
Walitti dhufeenyi Itoophiyaa fi biyyoota Lixaa sadarkaa duriirra jiraachus baatu loltoota tursuun hariiroo cimsuuf ‘’akka riqichaatti’’ gargaaruu danda’a jedhu.
‘’Itoophiyaanis immoo as a bargain chips [qabata godhattee] fayyadamuu dandeessi. Fkf. Loltuu koo nan baasa yoo jette waan Itoophiyaan barbaaddu Itoophiyaadhaaf kennuu danda’u jechaadha.’’
Gama dippilomasiifi nageenyaan ala gama maallaqaallee ‘’biyyoota loltoota erganiif kaffalamu’’ fayyadamuu akka maltu dubbatu.
'Bu'aa hin qabu'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanneen durumaa Itoophiyaan gara Somaaliyaa waraana bobbaasuushee mormaa turan keessaa tokko nama siyaasaa gameessa paartii mormituu Pirof. Mararaa Guddinaadha.
Waraanni Itoophiyaa daangaa eeguu malee gara Somaliyaa seenuu hin qabu ture jedhanii amanu.
‘’Yoo torbaniin ta’u baate ji’ootaan fixna waan jedhamu nutti dubbataa turani. Akkuma nuti jenne waggaa kudha jaha kudha torbanuu bahuu hin dandeenye,’’ jedhu.
‘’Nama meeqatu du’e nama meeqatu madaa’e. Shirri shirrii miti kan achi deemani. Waggaa kudha torba rakkoo guddaatu ture.’’
Itoophiyaan sochii hidhattoota Somaaliyaa keessaa to’achuuf yeroo waraana ergite adeemsa hordofee, parlaamaa keessa hin dabarre jedhu Nagaraanis.
‘’Erga loltoota erganii waraanni hedduu achitti dhumee booda kan isaan gara paarlaamaa fidanii,’’ jechuun dubbatu.
Eegasii raawwii loltoota deemanii, miidhaa dhaqqabeefi kaan irratti wanti ummatatti ifa ta’e hanga yoonaa hin jiru.
Pirof. Mararaan loltoonni Itoophiyaa achi yeroo dheeraaf turuun isaanii biyyaaf hammana bu’aa buuse qaba jedhanii hin amanan.
‘’Mootummaan ofii isaatii ibiddi ollaa jiru akka dhufee nan gubne achumatti eeggadha isa jedhuuf yoo ta’e malee … bu’aa guddaa biyya kanaaf waan fiduu danda’e waan jiru natti hin fakkaatu.’’
Waggaa lama dura garuu gama Naannoo Somaaleetiin hidhattooti al-Shabaab daangaa seenanii turan. Waraanni Itoophiyaas tarkaanfii fudhachuu ibsee ture.

Madda suuraa, Getty Images
Pirof. Mararaan inumaa dur caalaa yeroo ammaa rakkoon Somaaliyaa keessa hammaachuu ibsuun akka loltooti Itoophiyaa bahan barbaadu.
‘’Maaliifi sabni Somaalee ija diinaatiin yoo si ilaale mootummaan sunis ija diinaatiin yoo si ilaale… biyya namaa keessa akka barbaaddetti turuu hin dandeessu. Yoo turtes maal fiddaadha?
‘’Eenyun eegdaadha? Mootummaan ati nan eega jette diina sitti ta’e. Warri akka loltuun Itoophiyaa turu kan barbaadan jiru ta’a. ...Humnaan biyya sana turuu hin dandeessu Itoophiyaan,’’ jedhu.
Sababa kanaaf loltoonni Itoophiyaa achi turuun ‘’bu’aa hin qabu,’’ jechuun ibsu.
‘’Kana birattimmoo biyyi keenyasimmoo rakkoo bal’aa [rakkoo nageenyaa] keessa jirti.… Gatii hin taane kaffalaa turre, ammas gatii hin taane kaffalaa jirra.’’
Loltooti Somaaliyaa achi turuun nageenya Somaaliyaaf furmaata waaraa hin ta’u jechuun ‘’humni alaa wanti inni fidu xiqqaadha,’’ jechuun dubbatan.
Akka yaada isaaniitti warruma Somaaliyaatu rakkinicha ofumaa hiikkachuu qaba.
Somaaliyaan baasuu dandeessii?
Akkuma dura ibsine gosoota loltuu Itoophiyaa lamatu Somaaliyaa keessa jira. Somaaliyaan loltoota Itoophiyaa kana baasuu dandeessii?
Akka yaada Nagaraatti, Somaaliyaan loltoota waliigaltee lamaaniin achi jiran malee warra Gamtaa Afrikaa jala jiran baasuu hin dandeessu.
Waraanni Itoophiyaa Gamtaa Afrikaa jala jiru baasuuf adeemsi hordofamu akka jiru ibsu.
Dameen Gamtaa Afrikaa nagaa kabachiistota bobbaasu ‘AU Peace and Security Architecture’ jedhamutti Somaaliyaan erga gabaasa dhiheessite booda deebii argata jedhu.
Ammatti gaaffiin Somaaliyaa sadarkaa sana gahuun ifa miti. Gamtaan Afrikaas waan jedhe hin qabu.
Akka Somaaliyaan ibsiteetti taanaan ergamni nagaa kabachiiftoota Gamtaa Afrikaa xumura bara 2024 xumuramu, kan waraana Itoophiyaas waliin ni xumurama.
Haa ta’u malee, qaawwa gidduutti uumamu sana guutuuf loltoota Itoophiyaa dhiisuun loltoota biyyoota ollaa kaan bobbaasuuf yaada qabu.
Angawaan Somaaliyaa Rooyitarsitti dubbatan ‘‘Xumura baatii Waxabajjii dura waliigaltee yoo haquu didan, … loltooti Itoophiyaa ATMIS fi waliigaltee waloon jiran ni bahu,‘‘ jechuun dubbatan.
Waraanni Gamtaa Afrikaa jalatti Somaaliyaatti bobba’e (ATMIS) ergama Mana Maree Nageenyaa UN kan raawwatu yoo ta’u, ergama kana xumura 2024’tti dhimma nageenyaa mootummaa Somaaliyaatti dabarsa.
Xiinxalaa Gaanfa Afrikaa kan ta’an Abdurraahimaan Sayiid Abu Hashiim garuu ''Somaaliyaan biyya walabaati.
‘‘Loltootni biyya kamiyyuu biyyittii keessa socho’uuf eeyyama mootummaa biyyichaa qabaachuu qabu,‘‘ jechuun baasuu akka dandeessu ibsu.
Pirof. Mararaan gama isaaniin, ‘‘warri silaa addunyaa olaantummaadhaan gaggeessina jedhani akka waraanni Itoophiyaa achi akka hin baane barbaadu ta’a,‘‘ jechuun fedhii akka qabaachuu malan ibsu.
Mootummaan Somaaliyaa loltoonni Itoophiyaa akka bahan dubbatus, bulchiinsonni Somaaliyaa kanneen akka Jubaa Laand, fi Saawuz West jedhaman garuu akka loltoonni Itoophiyaa turan akka fedhan dubbataniiru.
Cimina loltoota Itoophiyaa
Waraanni Itoophiyaa Somaaliyaa keessaa gootummaan maqaan isaa irra deddeebiin ka’a.
Bara 2015 Pirezidantiin duraanii US Baraak Obaamaa Itoophiyaa yeroo daawwatanitti waraana Itoophiyaa Somaaliyaa jiru guddaa jajan.
‘’Humna galaanaa keenya lolatti erguu hin qabnu. [Waraanni] Itoophiyaa loltoota cimoodha,’’ jechuun ibsan. ‘’[Ardii] Afrikaarratti waraana jabaa ta’e qabu.’’
Qorataa kan ta’an Nagaraanis loltooti Itoophiyaa maqaa gaarii qabaachuu quba qabu.
‘’[Loltoota Itoophiyaa] Gatii baay’ee haa kaffalchiisuyyuu malee Al-Shabaab baay’ee [to’achuudhaan]’’ hojii guddaa akka dalagan ibsu.
‘’Bush [Pirezidantii duraanii US] loltoota Ameerikaa achi [Somaaliyaa] keessaa kan inni baasef helokooftara Amerikaa [Black Hawk] waan dhahanii buusaniifi.
‘’Garuu loltoonni Itoophiyaa kana hunda dandamatanii warra ICU [Tokkummaa Mana Murtii Islaamaa] baay’ee xiqqeessani.’’

Madda suuraa, Getty Images
Angawoonni siyaasaafi waraanaa Itoophiyaas dhimma kana irra deddeebiin kaasu. Ajajaan waraana Itoophiyaa Fild Maarshal Birhaanu Juulaa baatii muraasa dura kana jedhanii turan;
‘’… waraanni Itoophiyaa osoo boru bahee, mootummaan federaalaa Somaaliyaa kan Moqaadishoo keessa turu natti hin fakkaatu.’’
Xinxaltoonni nageenyaafi dippilomaatonni alaa adeemsi Somaaliyaa qaawwa uuma jechuun yaaddoo himatu. Kunis, waraanni Somaaliyaa qaawwa jiru guutuu dhabuu mala jechuuni.
Waggoota dheeraa booda Somaaliyaan qoqqobbii meeshaa waraanaa akka hin binne irra ka’amee ture dhihoo ka’eera. Deeggarsa maallaqaas argataa jirti.
Akkasumas Adoolessa keessa miseensa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dhaabbataa hin taane ta’unis filatamteetti.
Ta’us, waraanni Somaaliyaa itti-gaafatama fudhachuuf qophii miti jechuun xinxaltoonni ibsu.
Gaaffii hin deebine
Dhimmi ijoo amma jiru muddamni Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu jiru akkamiin furama kan jedhudha.
Somaaliyaan karaa dippiloomasiin socho’aa erga turtee booda dhimmicha guddisuun waraanni Itoophiyaa akka bahu dubbatte.
Itoophiyaan ifattis dubbachuudhaas baattu gama Somaalilaandii wanti dhagahamu waliigalteen ulaa galaanaa suuta hojiirra oolchuf sochiitti akka jirtudha.
‘‘Waan kun hariiroon biyyoota lameenii sadarkaa boora’uurra akka gahu godheera. Kana irraa ka’uun waan kun gara waraanaatti isaan geessuu danda’a,‘‘ jedhu Abdurraahimaan.
Pirofeesar Mararaan gama isaaniin dubbichi wal xaxaa ta'uu dubbatu.
‘’Biyyi lamaanuu waliigaltee qabaachuu baannaan achi turuun isaanii [loltooti] rakkoodha.
''Biyyi lamaan immoo akkamitti araaramuun innisimmoo akka amma jiru kanatti wanti wal dhahaa jiru baay’eedha.
'‘Loltuun Itoophiyaa achi baanaan immoo warri al-Shabaab olaantummaa argachuu danda’u. Akkatti bahamus rakkoo guddaatu jira natti fakkaata,’’ jedhan.












