Haasaa ulaa galaanaa MM Abiy muddama hammeessaa jiru

Madda suuraa, AFP
- Barreessaa, Aleekis di Waal
- Gahee, Xiinxalaa Afrikaa
Itoophiyaa keessa hamiin waraanni haaraa ka’uu mala jedhu dhagahamaa jira – kunis yoo ni mudata ta'e Ministira Muummee Abiy Ahimadiif waraana afraffaa ta’uf deema.
Ertiraa waliin araara buusuun bara 2019 Badhaasa Nobeelii Nagaa kan badhaafaman, MM Abiy Ahimad, meeshaa waraanaa alaa galchuufi waraana leenjisuun alatti ulaa galaanaa argachuun ''dhimma jiraachuufi dhabuuti'' jedhaniiru.
Xiyyeeffannoon ijoo Itoophiyaa buufata doonii Ertiraa qarqara Galaana Diimaattii argamu, Asabidha. Buufanni kun Ertiraan waggoota 30 dura walabummaa gonfattutti qaama Itoophiyaa ture.
Erga Itoophiyaa fi Ertiraan bara 1998 wal waraananiifi daangaan cufameetii buufanni doonii Asab ligidaa’eera, daldalli Itoophiyaammoo gama biyya ollaa Jibuutiin raawwatamaa jira.
Ulaan Jibuutii Itoophiyaaf mijataa ta’us daangaa Itoophiyaa garuu miti.
Lammiileen Itoophiyaa hedduu, ollaa isaanii dabalatee, ministirri muummee humna fayyadamuuf akka yaadaa jiran yaadu.
Haata’u malee, MM Abiy Ertiraa weeraruuf akka yaada hinqabne ifatti dubbataniiru. Dhihoo guyyaa Raayyaa Ittisa Biyyaarratti ''Itoophiyaa biyya kamuu weerartee hin beektu, hin weerartuus,’’ jechuun loltootatti dubbatan.
Mariin karaa dhaabbata IGAD biyyoota kaaba-bahaa Afrikaa saddeet of keessaa qabuun akka raawwatamu yaada dhiheessaniiru.
Ta’us, dorgommiin meeshaa waraanaa balaa qaba. Adoolessa keessa MM Abiy ulaan galaanaa Itoophiyaaf akka barbaachisu dubbatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itoophiyaan biyya addunyaa guddittii ulaa galaanaa hin qabne jedhan.
Biyyattiin yeroo ammaa ummata miiliyoona 125 akka qabdu ibsuun dhimmi ulaa galaanaa mootota Itoophiyaa keessumaa Mootii H/Sillaaseef dhimma ijoo ta’uu kaasan.
Janaraala waraanaa jaarraa 19ffaa, Raas Aluulaa, eeruun Galaanni Diimaa daangaa Itoophiyaa ta’uu dubbatan.
Walgahii namoota biznasii waliin ta’an irratti ‘’buufata doonii karaa nagaan argachuu barbaanna. Yoo kuni milkaa’uu baate, humna fayyadamna,’’ jechuun isaanii gabaafameera.
Muraasni dubbiin isaanii kuni biyya keessaa deeggarsa siyaasaa dabalachuuf kan yaadame akka ta’e amanu.
Kun garee saba Amaaraa dhiibbaa olaanaa qabaniifi Itoophiyaa guddoo hawwuurratti kan xiyyeeffatedha.
MM Abiy waggaa dura TPLF waliin araara yeroo buusan garee kana adda baasaniiru.
Caalaatti baatii Ebla keessa oppireeshinii waraanaa milishoota Amaaraarratti banuun isaan muufachiisaniiru. Milishooti Amaaraa lola Naannoo Tigraay keessaa isaan tumsanii turan.
Lammiileen Itoophiyaa hedduu, dogongoraan, seerri idil-addunyaa biyya guddoof ulaa galaanaa akka argattu taasisa jedhanii amanu.
Xiinxalli biraa MM Abiyyiif buufata doonii mariinis ta’e lolaan argachuun Itoophiyaa guddoo ijaaruu keessatti qooda akka bahanitti waan amananiif itti cichaniiru jedha.

Madda suuraa, FBC
Waggoota dheeraaf, imaammanni alaa Itoophiyaa waan tilmaamamu ture. Hooggansa ofii jalatti Gaanfa Afrikaa tasgabbeessuuf fedhii qabdi turte.
Qaami kanaa keessaa tokko Sudaaniifi Somaaliyaa keessatti nagaa buusuuf UN fi Gamtaa Afrikaa waliin wal ta’uudha.
Kanaanis, Itoophiyaan ergama nagaa kabachiisuu UN fi Gamtaa Afrikaaf biyya baay’inaan gumaachitu taate.
Inni biraa pirojektoota daangaa qaxxaamuran, geejibaafi humna ibsaa dabalatee, ijaaruudha.
Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa laga Abbayyaarratti ijaaramu humna ibsa gahaa ta’e maddisiisuun biyyoota ollaatti akka erguufi yaadame.
Yaadichi Gaanfa Afrikaa akka gurmuu diinagdee tokkotti walitti hidhuudha.
Yeroo ammaa, MM Abiy nama hin tilmaamne akka ta’un maqaa horataniiru. Kuni, biyya keessaafi alattis dabalata.
Faallaan immoo, Gaanfa Afrikaa jeequun balfamaa kan turte Ertiraan akka biyya itti gaafatama qabutti of ibsaa jirti.
Dubbiin MM Abiy ulaa galaanaa akka barbaadan dubbatan booda ibsi Ertiraan gabaabaa ture. ‘’Haasaa’’ dhimma ulaa galaanaa keessa akka hinseenneefi dhimmichi ''kan itti dhiheenyaan hordofaniif hibboo’’ ta’uu himte.
Biyyoonni ollaa Itoophiyaa kaanis rifataniiru. Jibuutii, bulchiinsi akka biyyaayyi of waamtu, Somaalilaand, akkasumas Keeniyaan yaaddoo waloo ibsachuun ibsa baasaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoonni Giddu-gala Bahaatti dubbichi daandii lakkuu itti ta’eera.
Biyyi Emireetota Arabaa Gamtoomanii (UAE) deeggartuu ijoo MM Abiyyidha. Diroon dhiheessuufi masaraa ammayyaa ijaaraa jiranimmoo maallaqaan deeggaraa jirti.
Tibbana xiyyaaronni waraanaa UAE buufata humna qilleensaa Itoophiyaatti dhiheessii yoo yoo buusan mul’ateera.
Abu Daabiin humna atattamaa Sudaan (RSF) Janaraal Mohaammad Hamdaan Dagoloo kan ''Hemeeti’’ jedhamuun beekamanis ni deeggarti.
Hemetiin bakkeewwan Sudaan gara caalu, magaalaa guddoo biyyattii Kaartum dabalatee to’ataniiru. Dhihootti mootummaas ijaaruu danda’u.
UAE’dhaaf sochiin MM Abiy carraafi abdiidhas: Itoophiyaan Galaana Diimaarratti biyya barbaachiftuu taati – akkasumas biyya michuu Emireetotaa taati.
Yookiin Gaanfa Afrikaatti waraanni haaraa ka’u milkaa’ina Sudaan keessa argatan balaarra duraa buusa.
Gama kaaniin, Sa’udi Arabiyaan Sudaan keessa dhukaasni akka dhaabbatu US walin ta’un socho’aa jirti. Itoophiyaan MM Abiyyiin bultu waan gochaa jirtuun akka jeeqamte gabaafameera.
Yoo MM Abiy yaada isaaniitti fufan, Sa’udi Arabiyaan shakkii Pirezidant Isaayyaas Afawarqiirraa qabdu dhiiftee deeggaruu malti.
Yoo MM Abiy waraana jalqaban, qormaata lamatu isaan qunnama. Tokko eenyutu waraana.
Waraanni Itoophiyaa waraana yeroo sadiif tureen hojiin itti baay’ateera. Kan jalqabaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliinidha, ammallee hinxumuramne.
Kan lammataa tumsa Ertiraatiin waraana TPLF waliin taasifamedha. Kunis, waliigaltee dhukaasa dhaabuun waggaa dura xumurame.
Waraanni Itoophiyaa, tilmaama ofiin, loltoota 260,000 hanga 520,000 ta’an dhabeera yookiin achi buuteen isaanii hinbaramne. Dabalataan, 374,000 madaa’aniiru.
Waraanni sadaffaa milishoota Amaaraa waliin Ebla keessa jalqabe waraana hedduu sochii dhowweera. Gabaasoti Ertiraan milishoota Amaaraa Faannoo jedhaman hidhachiisti jedhuus jira.

Madda suuraa, AFP
Yoo Finfinneen waraana seente deeggarsa naannoo ollaa Ertiraa jirtu, Tigraay, ishee barbaachisa ta'a.
Haa ta’u malee, dinagdeen Tigraay akkasumas tajaajiloonni kaan waraana waggaa lamaaf tureefi waggaa dura xumurameen manca'aniiru. Ummannis ijibbaateera.
Muraasa qofatu waraana biraa keessa qooda fudhachuuf fedhii qaba. Garuu, badii waraana Ertiraan raawwateen mufiifi aarii jabaatu jira.
Yoo waraanni federaalaa Itoophiyaa Ertiraa waliin waraana seene Tigraay dabalamuun ishee hin hafu.
Dhalattoonni Tigraay muraasni waraanni waan hin hafne jechuun sodaa qaban ibsuun Tigraay dursitee Lixa Tigraay humnoota Amaaraan qabame deebifachuufi xiyyaara waraanaa to’achuu akka qaban dubbatu.
Rakkoon lammataa baasii waraanaati. Dinagdeen Itoophiyaa to’annoon ala waan ta’eef deeggarsa Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa (WB) barbaada.
MM Abiy UAE’n fandiin akka isaan gargaartu abdachuu malu. Pirezidantiin UAE, Mohaammad bin Zayeed al-Naahiyaan, MM Abiy maallaqaan gargaaruu malu garuu maallaqichi mancaatii diinagdee waraanni fiduu malu hirphuu dhabuu mala.
Itoophiyaan weerara raawwattuus ta'e raawwachuu dhabduus MM Abiy namoonni waa’ee waraanaa akka yaadan taasisaniiru.
Dibbee waraanaa reebuun haala hamaa uuma. Dorgommiin meeshaa waraanaa naannichaa saffisaa jira.
Itoophiyaan meeshaa waraanaa dabalataa bitaa jirti. Ertiraafi Jibuutiinis faana kana hordofuu malu. Tigraayitti hidhattoonni meeshaa akka hiikkatan yaadame dhaabbateera.
Walitti bu’iinsi Somaaliyaa keessaa babal’achuu mala. Ertiraan waraana itti cimsuuf milishoota Amaaraa meeshaa dabalataa hidhachiisuu dandeessi.
Taateen xiqqoo tokko balaa harkaa bahuutti geessuu mala.
Wanti xumuraa Gaanfi Afrikaa barbaadu waraana haaraadha. Amma garuu balaan mudachuu isaa olaanaadha.
-----------------------------------------------------------------------------
Aleekis di Waal Yunivarsitii Taftis Mana Barnootaa Seeraafi Diplomasii Ameerikaa argamuutti Daarektara Olaanaa Faawundeeshinii Nagaa Addunyaati.












