‘Dhimmi karra galaanaa qabaachuu Itoophiyaaf dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti’- MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, HOPR
Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad, Itoophiyaadhaaf karra galaanaa argachuun dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu marii sirrii barbaachisudha jedhan.
Dhimmi karra galaanaa argachuu Itoophiyaa yeroo garaa garaatti kaafamaa ture amma ifatti Ministira Mummee Abiyyiin ibsa miseensoota Mana maree bakka bu’oota Ummataaf kennanii fi TVn darbee irratti kaafameera.
Itoophiyaan biyya Afrikaa guddoo garuu kan karra galaanaa hin qabne kan taatee erga wagga 30 dura Ertiraan walabummaashee labsitee hordofeeti.
Erga yeroo sanaatii kaasee biyyattii daldala biyya alaatti ergamaniifi gara biyyaa seenaniis buufata biyya ollaa xiqqoo taatee jabuutiitti fayyadamaa jirti.
‘‘Galaanni Diimaafi Abbaayi Itoophiyaan kan murteessan, kan Itoophiyaan wal qabataniifi guddinaafi badii Itoophiyaa bu’uura ta’aniidha’’ jechuun kan dubbatan MM Abiy, mata duree dhimma kanaarraa baqachuun akka hin barbaachiifne dubbatan.
Haasaan MM Abiy kunis kallattiin Ertiraa irratti kan fulleeffate ta’u baatulleen, hedduun garuu walitti dhufeenya biyyoota lamaan jidduuttuu waggoota darban keessa fooyya’ee ture balleessuu mala jechuun sodaa akka qaban ibsaa jiru.
Baatiiwwan muraasan asi dhimmi Itoophiyaa karra galaanaa argamsiisuu ifatti dubbatamu baatuulleen, MM Abiy gara aangootti dhufuusaanii hordofee biyyattiin humna galaanaashee diigame ture deebiiftee hundeessuun ni yaadatama.
Gaaffii kara galaanaa MM Abiy kaasan kanaaf Ertiraa, jabuutiifi Somaalii Laandi filmata ta’uu akka danda’an tarreessuun, fedhiin Itoophiyaa kun walitti bu’insa malee ittiin milkaa’u danda’a filamaatawwan jedhanis ibsaniiru.
Gaaffii karra galaanaa ‘‘baayyeen hin dubbatamne’’
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haasaa MM Abiy miseensoota mana Mana Ummataatiif taasisaniifi kan Jimaata kaleessaa Onkoolooleessa 13, 2023 miidiyaalee mootummaatiin daqiiqaa 45’f darbee kanaan, dhimma Galaana Diimaa ‘‘baayyee hin dubbatamne’’ jedhan irratti ibsa bal’aa kennan.
Ministirri Mummee Abi yItoophiyaan biyyoota naannawasheetiif madda bishaanii ta’u kaasaniiru.
Lageen akka Takazeen gara Ertiraafi Sudaan, Abbaayyi ammo gara Masriifi Sudaan, Baaroon gara Sudaan Kibbaa, Oomoon gara Keeniyaa fi Gannaalee Daawwaa fi Waabee Shabalee ammoo gara Somaaliyaa kanneen yaa’an akka ta’e kaasan.
Dabalataanis baasii itoophiyaatiin sarara bishaanii gara Jabuutiitti ijaaruu dubbachuun, biyyoota naannawashee jiran irraa garuu ‘‘bishaan qulqulluu Itoophiyaaf kan kennuu hin jiru. Hunduu kan nurraa fudhatudha,’’ jechuun ibsan.
‘‘Kan keessan haa qooddannuu garuu kan keenya hin tuqiinaa jechuun ammoo sirrii miti’‘ jechuudhaan, Itoophiyaa karra gara Galaana Diimaafi Galaan Hidndiitti bahu gaafachuunshee sirriidha jedhan.
Barbaachisummaa karraa galaanaa
Ministirri Mummee seenaa keessatti wayita ‘‘Galaana Diimaatti dhihaanneetti biyyootta cimoo addunyaa keessaa tokkoo turre’’ erga jedhanii booda, attamiin gara galaana Diimaatti haa dhiyaannu gaaffii jedhuu kaasuun yoo deebiisanis, ‘‘ajjeechaafi waraanaan ta’u hin qabaatu’’ jedhan.
Itti dabalunis, ‘‘ajjeechaafi waraanaan akka hin taaneef ammoo dhugaa jiru haaluun ammoo sirrii miti’’ jedhan.
Ministiirri Mummee Abiy seenaadhaan alattis haala qubannaa ummataatiin barbaachisummaa karra galaanaa kaasaniiru.
Kanaanis sabni Afaar, Eertiraafi jabuuttiitti argaman akkasumas miseensoonni Somaalee Somaaliyaa, Keeniyaafi Jabuutiitti argaman bishaan galaanaa akka argatan kaasuun, ‘‘Somaaleen Itoophiyaa keessaa maal balleesse? Maaliif qofaatti dhorkame?’’ jechuun gaafatan.
Itoophiyaan buufata argachuuf filamaatawwan ilaaluu kaasanii, deebii qaamoolee kaan irraa kennameerratti baliinaan ibsuu baatan illeen, ‘‘lakkii yaaddoo qabna’’ deebii jedhu argachuu dubbatan.
Deebiisaatiif Itoophiyaan Hidha guddicha haaroomsaa, daandii qilleensa Itoophiyaa akkasumas gahee Itiyoo-telekoom kennuuf fedhii agariisuu ibsan.
Hidha guddicha ‘‘sheerii (gahee) haa goonuu yoo jedhu callifnee miti. Ni baasa, herregasaa hojjanneera’’ jedhan.
‘‘Ijoolleen keenya akka wal hin nyaanneef amma dureewwan jirru waliin dubbachu qabna. Filmaatichi invastimantii, sheerii, liiziidhaan ilaalamu danda’a. Irratti mari’anna inni jedhu garuu dogongora’’ jechuun ibsan.
MM Abiy Itoophiyaa karra galaanaa dhabuunshee dandeettii biyyattiin Afrikaatti biyya jabduu ta’uuf qabduu akka daangeessee kaasuun, filamaatawwan karra galaanaa biyyattiin qabdu tarreessaniiru.
Filmaatawwan karra galaana Itoophiyaa
MM Abiy baasiin Itoophiyaa biifataaf kanfaltu olaanaa ta’usaa kaasuudhaan, maallaqni kunis wagga sadii sadiin kan hidha gudddiha ijaarsiisuu danda’u ta’u himan.
MM Abiy filmaatawwan itoophiyaa karra galaanaatiif qabdu keessaa jalqabarratti kan kaa’an Zayilaadha.
Buufanni Zayiilaa Somaaleelaandi bulchiinsa Awudel keessatti kan argamu yoo tahu Galoo Galaana Eden irratti argama.
Buufanni doonii kun daangaa Jibuutiitti dhiyoo yoo tahu, haraa Harar daangaa Itoophiyaa irraa Kiilo meetira dhubba hin caalle irratti argamti.
Filannoo lammaffaa tahee kan eerame ammoo buufata doonii Jibuutiidha.
Galaana Diimaa Aduulis irratti kan argamu yoo tahu, Buufata Matsawaa irraa Kiilo Meetira 40 irratti argama.
Al ergeefi meeshaa keessatti galchuuf Itoophiyaan %90 kan tahu buufata kana irratti hundoofti. Buufata hojiin akka malee itti baay'atu jedhamuun beekama.
Itti aansuun Asabii fi Matsawaan kaasan. Isaan kunneen ammoo Galaana Diimaarraa gara kaabaa fi Kibbaatti kan argaman yoo tahu, bulchiinsa Eertiraa jala jiru. Itoophiyaaf garuu baay'ee dhiyoo jiru.
“Nuyi dirqama Matsawaa yoo hin taane, Asab yoo hin taane ejjennoo jedhu hin qabnu.
Nuyi kan barbaannu hulaa ittiin afuura baafannu qofaadha. Kun ammoo bittaadhaanis haa tahu, liiziidhaanis haa tahu, waliigalteedhanis, nuyi kan barbaannu isa qofaadha,'' jedhan MM Abiy.
Itti dabaluun ''ammumaan dhamaanee, dadhabnee filannoo biraa hin ilaallu taanaan... rakkisaadha,'' jedhan. Haa tahu malee, Itoophiyaan buufata doonii ''anaaf taha'' kan jedhu karaa nagaa tahuu qaba jedhan.
Bulchiinsa federeeshinii ykn konfedereeshiniidhaan biyyoota biroo waliin wlaitti makamuun buufata doonii argachuun filannoo jiran keessaa tokko tahuus himaniiru.
Baay'inni uummata Itoophiyaa waan isaan yaaddesse kan fakkaatu MM dubbii isaanii keessatti irra dedebiin kaasaniiru.












