Buufatni haarayaa Itoophiyaaf faayidaa guddaa buusa jedhame eebbifame

Madda suuraa, @musebiihi
Buufanni haaraa Itoophiyaaf bu'aa guddaa qaba jedhame, biyya ofiin biyya jechuun labsite Somaaleelaanditti ifatti eebbifame.
Buufanni haaraa kontenaroota fee'umsaa keessummeessu kun, biyya karra galaanaa hin qabneefi daldala alergiifi biyyatti galchitu gara caaluuf Jibuutii fayyadamtu Itoophiyaaf, faayidaa olaanaa akka qabaatu himameera.
Caamsaa dabre keessa dhaabbilee bulchiinsa buufataa keessaa guddicha kan tahe kaampaanii Dubaay DP World fi mootummaan Itoophiyaa, buufata Barbaraafi Itoophiyaa gidduutti ulaa dhiyeessiifi daldalaa hundeessuuf, waliigaltee doolaara biiliyoona tokkoo mallatteessuun isaanii ni yaadatama.
Buufanni haaraa Somaalilaand ijaarsiste kun guyyaa Kamisaa eebbifamee wayita hojii eegalu, Ministirri Maallaqaa Itoophiyaa Ahimad Shiidee fi Ministeerri Geejjibaa Daagmaawit Mogas sirnicharra argamaniiru.
Buufatni kun Somaalilaand walitti dhufeenya daldala alaa biyyoota Gaanfa Afrikaafi Galoo Galaanaa gidduutti taasifamu keessa shoora olaanaa akka qabdu ishee taasisa jedhameera.
Pireezidantiin Somaaliilaand Musee Bihii Abdii, boqonnaan duraa buufatichaa xumuramuusaatiin, abjuun biyyasaanii dhugoomuu fuula Twitter isaanii gubbaa barreessan. ''Buufanni Barbaraa amma wiirtuu daldalaa fi dhiyeessii tahuurra darbee, jiddugala idiladdunyaa ni taha.''
Buufatni haaraa kun wayita ammaatti humna dooniiwwan konteenaraa gurguddoodha jedhaman keessummeessuu kan qabu oggaa tahu, lakkoofsa kontenaroota waggaatti keessummeessu 150,000 irraa gara 500,000tti ol guddisa.
Boqonnaa jalqabaa buufatichaa amma eebbifame dabalataan, hojiileen babal'isuu DP World'n akka raawwatamu himeera. Kanaanis dooniiwwan konteenaraa gurguddaa hedduu simachuu akka danda'uufi lakkoofsa kontenaroota waggaatti keessummeessu gara miiliyoona lamaatti ol guddisuuf karoorfamuusaa himameera.
Somaalilaand buufata kana malee, zoonii daldala bilisaa Barbaraa ijaaraa kan jirtu oggaa tahu, qarqaarsa biyyoota hedduun daandiiwwan ijaaramaa jiranis barana xumuramu. Kunis daandii gama Itoophiyaan jiru wajjin wal hidhata jedhameera.
Daandiin ammayyaawaa kun fee'umsa buufata Somaalilaand irraa dhufu kallattiin, saffisaafi karaa si'ataa taheen gara Itoophiyaa akka galu taasisuun, biyyattiif ulaa filannoo biraa fida - tajaajila si'ataas akka argattu ishee taasisa.
Hojii babal'inaa buufata kanaa kan hojjetu dhaabni Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) DP World, daandii buufata Barbaraa fi Itoophiyaa walqunnamsiisu misoomsuuf, Ministeera Geejibaa Itoophiyaa wajjin kan waliigale wayita tahu, kunis yeroo dhiyootti hojiirra oola jedhameera.
Somaalilaand biyya Somaaliyaa keessa waraansi waliinii dhalatee kufaatii mootummaa jiddugaleessaa hordofee, kutaa ofiin biyya jette labsatteefi Somaaliyaa Kaabaatti argamtudha.
Somaalilaand mootummaa cimaa ofii kan qabduufi filannoo demokraatawaa kan gaggeessite wayita taatu, Gamtaa Afrikaa dabalatee biyyoota hedduurraa beekamtii hin arganne.














