Bara haaraa daangaa Itiyoo-Eertiraa irratti

MM Abiy Ahimad fi pireezidant Isaayyaas Afawarqii

Madda suuraa, Fitsum

Hoggantoonni Itoophiyaa fi Eertiraa bara haaraa sababeeffachuun adda waraanaa Buree jedhamutti argamanii loltoota biyyoota lamaanii waliin ayyaana kabajataa jiru.

Daangaa biyyoota lamaanii waggoota 20 oliif cufamee ture ifatti ni banu jedhamee eegama.

Hogganaan waajjira MM obbo Fitsum Araggaa suuraalee MM Abiy Ahimad fi pireezidant Isaayyaas Afawarqii lotoota biyyoota lamaanii waliin marsaalee hawaasaa irratti qoodaniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Kaleessa loltoonni biyyoota lamaanii daangaa magaalaa Itoophiyaa Zaalambassaa irraa gara magaalaa Eertiraa Sanaafee geessu dhagaan cufamee ture kaleessa banameera.

Torbee darbe dooniin Itoophiyaa waggoota 20 booda buufata doonii Masawwaa buufattee turte. MM Abiy Ahimadis buufata doonii Masawwaafi Asab daawwataniiru.

Imbasii Itoophiyaas ifatti bananii hojii eegalchiisanii jiru. Kunis nagaan biyyoota lamaanii gidduutti bu'e gara hariiroo daldalaafi dippiloomasiitti ce'uu mul'isa.

Maatiin waggoota dheeraaf sababa cufamuu daangaa kanaan adda bayanii turanis walarganii, miirasaanii akkasiin ibsatan:

Maatiiwwwan yeroo dheeraa booda walargan
Ibsa waa'ee suuraa, Maatiiwwwan yeroo dheeraa booda walargan
Maatiiwwwan yeroo dheeraa booda walargan