Somaaliyaan loltoota Itoophiyaa akka baaftu erga beeksiftee booda US muddamni akka tasgabbaa'u gaafatte

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan haasaa bilbilaa pirezidantii Somaaliyaa waliin taasisaniin muddama qaxanichaa akka tasgabbeessaniif akeekkachiisan.
Bilinkan Sambata Waxabajjii 1, 2024 marii bilbilaan Hasan Sheek Mohamuud waliin taasisaniin, barbaachisuummaa muddama qaxanichaa hirisuu pirezidantichatti himusaanii waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa beeksiise.
Mariin bilbila Bilinkaniifi Pirezidanti Hasan kan ta’e, mootummaan Somaaliyaa looltoota Itoophiyaa Gamtaa Afriikaa jalatti hojii nagaa kabachiisuutiif Somaaliyaa keessatti bobba’an baasuudhaaf murteessu isaa ilaalchisee erga oduun dhagahameen boodadha.
Itoophiyaa bulchiinsa walabaa SOmaalii Laand waliin waliigaltee wal hubannoo ulaa galaanaa argachuudhaaf dandeessisu malleessuun ni yaadatama.
Waliigalteen Itoophoyaafi mootummaa Somaaliilaand jidduutti mallattaa’een kunis mootummaa Somaaliyaa haalaan aarsuun alattis, Moqaadishoofi Finfinnee jidduutti muddama dipplomaasii olaanaa umeera.
Gorsaan nageenya Biyyaaleessaa Pirezidantiin Somaaliyaa, Huseen Alii waltajjii marii miidiyaa hawaasaa irratti, miseensoonni loltoota Itoophiyaa Gamtaa Afriikaa jalatti Soomaaliyaa keessatti hojii nagaa kabachiisuu irratti bobba’anii argaman dhuma bara 2024tti Somaaliyaa keessaa gutummaan ni bahu jedhan.
Ergamni Ce’umsa Somaaliyaa keessaa (Transition Mission In Somalia) Gamtaa Afriikaa Somaaliyaa keessatti nagaa kabachiisuuf bobba’ee jiruuf dhuma bara 2024tti ergamnisaa ni xumurama.
Haata’u malee, Gorsaan Nageenya Biyyaaleessaa marii Jimaata galgala toora X gubbaatti tureen, miseensoonni loltoota Itoophiyaa hirmaattoota ergamichaa ta’an, ergamichaan ala ta’uudhaan, loltoota Keeniyaa, Jibuutii, Yugaandaa fi Buruundii irraa babahaniin ergamichi wagga tokkoof akka itti fufu Somaaliyaan fedhii qabaachu himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
‘‘Waraanni Itoophiyaa biyyattii keessa akka hin turree fi humna nageenya kabachiisuu keessatti akka hin hammatamne irratti murtee ifaa ta’e dabarsineera’’ kan jedhan hasan Aliin, murteen kunis kan dabarfame sababii mudama dippilomaasii biyyoota lamaan jidduutti mudateen wal qabatee ta’u himan.
Waraanni Itoophiyaa dorsiisa garee IS kan naannichatti balaafamaadha jedhamee hordofuun Somaaliyaa keessa seenuun caasaalee garichaa diiguudhaan cimina mootummaa Somaaliyaatiif deeggarsa taasiseera.
Isaan boodas, ergamawwan ardichaafi idil-addunyaa jala ta’udhaan, balaa Al-shabaab mootummaa federaalaa irraan gahuuf ture ittisuudhaaf gahee olaanaa bahaa turuunsaa ni himama.
Al-Qaa’idaa waliin hidhata akka qabu kan himamu gareen Al shabaab Somaaliyaa irra darbuun Itoophiyaa dabalatee biyyoota ollaa gara biraa diinummaan ilaaluun, kaan daangaasaanii keessatti haleellaa raawwataa ture.
Waraanni Itoophiyaafi biyyoota Afriikaa kaanii Somaaliyaa keessatti bobba’uudhaan osoo mootummaa federaalaa Somaaliyaa hin eegiiniifi cimsiin ta’e, Al-shabaab biyyatti to’achurraa kan dhaabu akka hin jirre amanama.
Kanaafiidha waraanni Itoophiyaa waggoottan digdamaaf Somaaliyaa keessatti boba’ee jiru garee Al-Shabaab kan biyyattii keessatti bal’inaan bobba’ee jiruu waraanaa kan ture.
Dhiheen kanas Itaamaajoor Shuumiin Waliigala Humnoota Waraana itoophiyaa, Fiild Maarshaal Birihaanu Juulaa, TV biyyaaleessaatti yoo dubbatan, bulchiinsi Somaaliyaa wallakkaan ol ta’u kan loltoota Itoophiyaattiin tikfamu ta’u kaasanii ture.
Fiild Maarshaal Birhaanuun, ‘‘Mootummaan Somaaliyaa Moqaadishoo keessa akka turu kan taasisee waraana Itoophiyaati’’ jechuun, ‘‘waraanni Itoophiyaa osoo boru bahee, mootummaan federaala Somaaliyaakan Moqaadishoo keessa turu natti hin fakkaatu’’ jedhan.
Loltoota Itoophiyaa Gamtaa Afriikaa jalatti gara Somaaliyaatti ergiteen alattis, waliigaltee biyyoota lamaaniitiin miseensoonni waraanaa biyyattii hedduun Somaaliyaa keessatti bobba’anii argamu.
Karoora waraanaa Itophiyaa Somaaliyaa keessaa baasuu kanas bulchiinsa Somaaliyaa kan taatee Saawuz-Weest mormiitee jirti.












