Dhalataan Kuyyeraa ''waan doolaara miil. sadii baasuun uffadha'' jedhan akkamiin as gahan?

Madda suuraa, Minte Bilinear
Maqaan maatiin isaaniif baasaniif Darguu Tuleeti. Yeroo mootummaan Dargii aangoo qabatu waan dhalataniif maqaan kun isaaniif mogga’eef. Maqaan idilee isaanii kana ta’ulleen isaan kan ittiin of beeksisan ‘Mintee Biliyeenar’ jedhuun.
Maqaan Mintesinoot jedhu kana ammoo moggaasa daldala meeshaa manaa ittiin beekamaniirraa akka dhufe himu.
Isaan akkaataa guddina isaanii, qabeenya biliyoonaan horatanii fi uffannaa gatii qaalii tibbana ijoo dubbii ture irratti BBC waliin turtii taasisaniiru.
Baadiyyaa Kuyyeraatti dhalatanii kan guddatan abbaan qabeenyaa kun Ijoollummaatti hojii daldalaatiin akka walbaran himu.
Hojiin daldalaa tokko jedhanii ittiin mi’aa birrii argan ammoo daldala warqee (Koobaa)dha.
“Namoota magaalota akka Adaamaa irraa dhufanii baala warqee (koobaa) bitaniif akka dallaalaa ta’een bitaafii ture. Baala warqee fi dinnichan biteefii saantima xinnoo argadha. Guyyaa sadiitti birrii 15 faa argadha. Kun waggaa 17 dura'' jedhan.
Gaazii fi shankoora Kuyyeraa fi shaashamannee irraa bituun gara gandoota baadiyyaatti daldaluunis hojiilee ka’umsa ta’aniif keessaa ta’uu eeran.
Imala gara Adaamaa
Obbo Darguun jalqaba hojii qonnaa hojjechaa turan irraa daldala xixiqqaan eegalan. Addunyaan daldalaa kunis baadiyyaa caalaa magaalatti carraan guddachuu akka jiru waan hubataniif Kuyyeraa fi Shaashamanneetti daanga’uurra gara caalutti imaluu akka filatan himu.
“Adaamaa yeroo sana yoon dhufu akka nama biyya alaa baheetti natti dhagahame. As dhufee jennaan deebi’uu hin barbaanne. Adaamaatti nama jalatti qacarameen hojii jalqabe. Birrii kuma shan kuufadhee jennaan hojii meeshaalee moofaa bituu jalqabe,” jedhan.
Boodarra Maashina mukaa bitachuudhaan obbolaa isaaniis biyyaa fidanii hojii mukaa (furniture) akka jalqabanis dubbatu.
“Maashina bitannee jennaan yeroo duraa girgidduma namaa jalatti jalqabne. Booda bara 2000 teessoo xixiqqoo hojjechuudhaan jalqabne. Hojiin sun guddatee hojii meeshaa manaa kanaan haalan beekamne. Amma warshaa guddaarra gahee jira,” jedhan.
Abbaan qabeenyaa kun hojii meeshaa manaa (furniture) kana babal’isuun amma Adaamaa fi Finfinneetti damee qabu. Kana malees hojii hoteelaa keessattis haalan hirmaachaa jiraachuu himu.

Biliyeenara hawwuu fi ta’uu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Darguun moggaasa Maqaa ‘Mintee Biliyeenar’ jedhamu kana waggootaan dura ofumaa moggaafachuun hiriyoota isaaniitti beeksifachuu himu.
“Hiriyoota kiyya waameen ani Kanaan booda biliyeenara jedheen itti hime. Yeroo sana sammuukoo keessatti akkan biliyeenara ta’u amaneen jira malee qabatamaan hin taanen ture. hiriyoonnikoo natti qoosan. Kaan liqimsamuufii baatus tole jedhan. Amma waanin jedhe sana qabatamaan qaqqabeen jira,” jedhu.
Qabeenyi daangaa hin qabne sammuu keenya keessa jira kan jedhan abbaan qabeenyaa kun, namni jalqaba sammuu isaa keessatti yaada akka qabeenya horatuu fi duroomuu kana of amansiisuu qaba jedhu qabu.
“Namoonni baayyeen ani abbaa qabeenyaan ta’a, abbaa qabeenyaati gaafa ati jettu akka ofjajiinsaatti fudhatu. Kun of jajjiinsa miti. Sammuukee yaada qabeenyaan yoo guutte yaannikee hundi garas ta’ee milkofta. Sammuukee sodaan yoo guutte ammoo achuma teessee hafta,” jedhan.
Ta’ulleen namni afaanuma qofaan ani abbaa qabeenyaan ta’a waan jedhaniif qofa abbaa qabeenyaa ta’uu waan hin dandeenyeef yaada gaarii sana milkeessuuf ammoo humna isaanii hunda garasirra oolchuu akka qabanis dhaamu.
Uffannaa doolaara miiliyoona sadii baasuun uffadha
Abbaan qabeenyaa kuni uffannaa warqee qabuu fi faayawwan daayimendii irraa hojjetaman waliigalli doolaara miliyoona sadii baasu akka uffatan himanii ture.
Itoophiyaa keessatti uffannaa gatii qaalii akkasii baasu uffachuun hedduu waan hin baratamneef jecha waan namootni hedduun irraa dubbatan ijoo dubbiis ta’ee ture.
Isaan warqee fi daayimandiin gatii ilma namaatii gadi akka ta’an namni akka baruuf jecha faayawwan qaalii kana akka fayyadaman BBCtti himan.
“Warqii fi daayimendii ammas nan uffadha borus nan uffadha. Fuuldura mana warqii fi Daayimandiis ijaaruu dandeenya taha. Kana kanin godhu warqiinis daayimandiinis dhala namaatii gadi, waan namni itti fayyadamu ta’uu agarsiisuufani.”
“namoonni gatiin warqii fi daayimandiif kennan akka waan namaa ol ta’eetti. Jarri kuni waan nuti akka uffannee ittiin bareennuf uumamani. Namoonni biroo ana ilaalanii akka Mintee Bilyeenaraa anis Warqiin uffadha, daayimandiin uffadha jedhanii akka onnataniifan kana godhe,” jedhu.
Obbo Darguun lammummaa Kaanaadaa kan qaban yoo ta’u biyyichaayis investimentii qonnaa akka qaban himu.
Qabeenyi qaaliin amma uffatanii ittiin ijoo dubbii tahan kanas hojii investimantii biyyattiitti hojjetaniirraa bu’aa argataniin akka ta’e himu.
“Ani Uffata Warqee fi daayimandii kana Kaanaadaatti waanan biteefan doolaara Miliyoona sadii jedhe. Namoonni raajamanii kan irraa dubbachaa turan doolaara kana birrii biyya keenyaatti jijjiiranii waan herreeganiifi” jedhu.

Ani amala abbaa qabeenyaa baratame hin qabu
Itoophiyaatti namootni qabeenya horatan dhokatanii jiraachuu, qabeenya qabanillee himuuf sodaa qabu kan jedhan Obbo Darguun, isaan ammoo waan baratame kana keessa akka hin jirre himu.
“Abbaa qabeenyaa Biliyoona horate dhiisii innumti xiqqoo qabuyyuu ofdhoksa. San malee ‘Hojiin dur hafe, daldalli dur hafe’ siinjedha malee hojiitti sinkakaasu. Animmoo faallaa kanaa jireenyi kiyya ifa. Dhaloota dhufuuf muuxannoo tokko dabarsee darbuun barbaada,” jedhan.
Ani ergan biliyeenara ta’ee namni biraas wanti Biliyeenara ta’uu dadhabuuf hin jiru kan jedhan abbaan qabeenyaa kuni, dhaloonni haaraan kuni sodaa keessaa bahee, bakka jirurraa socho’ee qabeenya horachuurratti xiyyeefachuu qaba jechuunis dhaaman.
“Abbaa hiyyeessarraa dhalachuu dandeessa ta’a. Garuu asgahuun qaba jettee sammuukee amansiiftee, sammuu keetifis amanamaa taatee hojjennaan biliyeenara taatee Abbaa fi haadhakees hiyyummaa keessaa ni baasta. Biliyeenara ta’uu yoo dadhabde miliyeenara inuma taata,” jedhu.












