'Harree kiraatiin daldala jalqabeen amma biliyeenara ta’eera'- Tokkummaa Fiixee

Obbo Tokkummaa Fiixee jedhamu. Dhalatanii kan guddatan shawaa lixaa aanaa Baakkoo Tibbeetti.
Maatii hiyyeessa irraa dhalatanii gufuuwwan jireenyaa hunda injifachuun yeroo wagggaa 20 hin caalle keessatti zeeroo irraa ka’anii amma abbaa qabeenyaa biliyeenara ta’aniiru.
Dureessi kun iccitiiwwan milkaa’ina isaanii, bu’aa bahii keessa darbaniifi mul’ata isaanii gara fuula duraa irratti BBC waliin gaaffiifi deebii bal’aa taasisan.
Yaada isaanii akka isaan dubbatanitti isiniif qindeesinee jirra itti dhihaadhaa.
'Ani nama baadiyaatti'
Ani nama baadiyyaatti dhalatee guddatedha. Naannoon ani itti dhaladhe sun har'a Boonnoo jedhama. Achitti maatiidhaaf horii tikseen booda gaafa umuriin koo barumsaaf gahu mana barumsaa seene.
Ani ofbeekee jennaan sammuu kiyya keessaa kan jiru waanuma daldalaa kana ture.
Daldalaa akka gaariitti kanin jalqabe yeroon kutaa 7 fi 8 barachaa turedha. Yeroos Baadiyyaarraa midhaan biteen Harree kireeffadhee magaala geesseen gurgura.
Magaalaarraa ammoo yeroon deebi’u waan akka gaazii, zayita, Ashaboo, buna biteen gabaa baadiyyaa sanatti gurgura.
Keessa kiyya mul’ata guddaatu ture, yoon hojjedhe akkan bu’aa argadhu akkan jijjiiramu nan yaadan ture.
Yeroon barnoota sadarkaa 2ffaatif gara aanaa dhufe ammoo caalaatti cimeen ofdanda’aan dhufe. Baasii barnootaa kiyyarraa hafeen maatiikooyyuu gargaaraan ture.

Daldala eeyyama qabu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dura waanuma gabaa tokkorraa gabaa biraa geessee gurguruutan hojjechaa ture. Booda yaada haaraatu naaf dhufe. Heeyyama daldalaa baasuun qaba jehde.
Gara Amboo deemetan kitaabota kaarikulamiin irra darbe bituuf heeyyama baase.
Daldala seera qabeessa jedhamu kanin jalqabe waraqaa ciccitaa kana guuree warshaaf dhiheessuudhaan. Kitaabota manneen barnootaa irra naanna’een bituu jalqabe.
Yeroon heeyyama kana baasu birriin ani herreega baankii kiyyarraa qabu birri 72 ture. Jalqaba bakkiin kitaaba fe’e ammoo Aanaa Nuunnuu Qumbaa jedhamu irraayi.
Kitaaba kaarikulamiin irra darbe kosii keessaa, kuusaa keessaa walitti qabeen konkolaataa tokko fe’e.
Guyyaa sana warra nagargaareef, koree caalbaasiitiif, gatii fe’iisa konkolaataatiif waanin kanfaluyyuu hin qabun ture. Garuu jara kadhadheetuman amansiise hojataa ture, gurgureen sinii ergan jedheen. Isaanis na amanan.
Ergasii kitaaba waan jedhamu, waraqaa ciccitaa waan jedhamu godina Oromiyaa kanan irra naanna’ee hin funaanne hin jiru. Isa warshaa waraqaatiifan dhiheessa. Hojii guddadha jedhu kanin jalqabae isaan.
Hojii qoraaliyoo
Hojiin Kitaabota kaarikulamiin irra darbe walitti qabuu sun birrii gaarii kan argamsiisu ta’uulleen garuu waan itti fufiinsa qabu waan hin turreef biizinesii haaraa yaaduun eegale.
Hojiin ani ittaansee jalqabe ammoo Qoraaliyoodha.
Baadiyyaa Oromiyaa irra naanna’een qonnaan bultoota irraa Gajamoo kana, barmeela ciccitaa kana, qottoo ciccitaa kana sassaabuu jalqabe. Sibiilota ciccitoo kana kanin dhiheessuuf ammoo Warshaa Abisiiniyaatifi.
Hojiin qoraaliyoo kun hojii kaanirra bu’aa gaarii kan qabu waan tureef anis birri gaarii argachuun jalqabe. Akkuma amala kiyyaa kana hojjechaatii ammoo itti aansee maal jalqabuun qaba kan jedhun yaadaa ture.
Hojii eejensii…
Heeyyamni sadaffaan ani baase heeyyamaa ejensiiti. Kana kanin yaade namoota keenya hojii hin qabne hojiitti galchuudhaafis ni gargaara jedhee waanin yaadeef ture. Dura waa’ee ejensii kana hin beekun ture.
Maal akka ta’e akkamitti akka hojjetamu, sirritti qoradhee heeyyama argachuuf waggaa sadii natti fudhate. Hojii kana namni keenya hojjechaa waan hin turreef waa’eedhum isaa baruufuu rakkadheen ture.
Dhumarratti naaf milkaa’een Finfinnee keessatti hojii ejensii kanaan heeyyama argadhe. Ergasis waan gurguddaa lama akkan milkeessun bare. Tokko biizinesii kiyya guddisuu lammeessoon Hojii dhabaa Oromoo Finfinnee galchuu.
Waggaa 12 keessatti Oromoota kuma 32 Finfinnee Galche
Hojiin ejensii kun hojii bakka bu’iinsan namoota dhaabbileetiif qaxaruuti. Hojiileen akka eegumsaa, qulqullinaa fi kanneen biroos asi keessa jiru. Nuti namoota kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa waamna.
Namoota kana buufata konkolaataatti eegnee simannee bakka tursiisaa mataa keenyaatti leenjii kennineefi gara iddoo itti ramadaman geessina. Hojiin kun walxaxaa fi ulfaataa ture.
Namni keenya baadiyyaarra yeroo Finfinnee dhufu afaan isa rakkisa, magaalattii beekuu dhabuun isa rakkisa. Isa kanaaf jecha Godina Oromiyaa hundarratti beeksisa baasna. Gaafa dhufan akkuma nama biyya alaatii dhufuutti maqaa isaanii tarreesinee fudhanna.
Waggaa 12 darbe kana keessatti ijoollee Oromoo kuma 32 kutaa adda addaa irraa fiduudhaan Finfinnee keessatti akka hojii argatu goonee jirra. Kana keessaa namni 8,500 dhaabileema kiyya keessatti qaxaramanii numatu mindaa kanfalaaf.
Kaan isaanii ammoo hojii isaanii hojjechaatii barumsas baratanii kaan hojii mootummaa seenaniiru, kaan isaanii barumsa biyya alaa kan argatanis jiru.

Caalbaasiiwwan gurguddaa…
Dhaabbanni keenya yeroo ammaa kana heeyyama 29 qaba. Kana keessaa heeyyamni 18 biyya alaatii kan meeshaa ittiin galchinu yoo ta’u, heeyyamoonni 11 ammoo biyya keessatti kan ittiin hojjennudha.
Biyya kana keessatti sadarkaa naannoos ta’e federaalatti dhaabbileen akka Teelee, humna ibsaa fi Bishaanii fa'i caalbaasii birrii gurguddaa baasu. Pirojektoota akkanaa irratti yeroo hirmaattu dureessotaa hedduu fi namoota bebbeekamoo wajjin dorgomta.
Caalbaasiiwwan gurguddaa akkanaa kana namni keenya baayyee keessatti hin hirmaatu. Dhiibbaa baayyee qaba. Nuti ammoo waan akkanaa kana yaaluu jaalanna. Si’a torba kufnee saddeetaffaa irratti fa'i milkoofna. Kaan hin dandeessan nuun jedhu. Nuti hojjennee agarsiisna.
Caalbaasiiwwan kun caalbaasiiwwan birrii Biliyoona keessaati. Si’a hedduu irruma deddeebinee yaallee dhumarratti milkoofna. Nuti waggaatti caalbaasiiwwan akkanaa hanga 50 dorgomna.
Qabeenyi kiyya biliyoona keessa seeneera…
Amma dhaabbilee gurguddaa laman qaba. Isaanis 'TFG General Trading fi Tokkummaa General Trading' kan jedhaman. Gamoo gurguddaa Finfinnee keessatti bakka hedduutti ijaaraa jirra. Yoo kana goonu lafa kaaree tokko mootummaarraa fudhannee miti birrii keenyaan binna.
Qabeenyi amma qabu ijaarsawwanii fi qarshii baankiidhaa qabu dabalatee yoo xiqqaate amma birrii biliyoona shanii fi miliyoona 500 ni caala. Hojjetaa dhaabbii dhaabbilee kiyya keessa hojjetan 8,500 mindaa kaffala.
Wanti adda nu godhummoo ani guyyaaa tokko baankii irraa liqeeffadhee hin beeku. Hojiin hojjedhu humnuma kiyyaanin karoorsee hojjedha. Meezoo tokko idaa baankii hin qabu.
Qabeenyi kiyya kun ammoo kan dhuunfaa kiyya qofa miti, kan hojjettoota kiyyaa, kan uummata kiyyaati. Kanaaf waggaatti birri miliyoonaan lakkaa’amu deeggarsa uummataatiif nan oolcha.
Fakkeenyaaf bara darbe aanaaa Baakkootti daandii kiiloomeetira 26 ofii keenyaa hojjachiisne. Garuu kana hojjenne sana hojjenne jennee miidiyaarratti hin ibsinu. Of dhoksinee hojii keenya hojjechuutti amanna.
Ani amma biliyeenara ta’ee namni na beeku muraasa, hojii kiyya malee na argaa jechuu hin jaaladhu. Miidiyaan irratti dhihaachuus hin jaaladhu. Isin wajjin kan jalqabaakooti.
Amma daldalli kiyya inni baadiyyaa Baakkootii jalqabe babal’aatee Dubaayii fi Ameerikaa gaheera. Amma biliyoona gaheera. Mul’anni kiyya qabeenyaan Tiriliyoona seenuudha.
'Waan ittiin siree qabadhu dhabee karaarra buleen beeka'
Dargaggoota duubaa dhufaa jiraniif kanin dhaamu hojii tuffachuu hin qaban. Hojii xiqqoo irraa jalqabuu qabu. Sooromuun adeemsa keessa waan ta’eef takkumaan maafan hin sooromne jedhanii abdii kutuu hin qaban.
Xiqqoodhaan jalqabanii isa fooyya’aatti isarraammoo isa caalmaatti fooyya’aatti ceetee boodarra abbaa qabeenyaa taata. Ani amma yeroon daldala jalqabu Amboo fira hin qabu, Finfinneedhaa fira hin qabu ture. Finfinnee dhufee waan ittiin siree qabadhu dhabee karaarra buleen beeka.
Garuu guyyaa tokko nan rakkadhe, nan kasaare jedhee abdii kutadhee hin beeku. Ani mucaan baadiyyaa kun amma Amboo fi Finfinnee miti biyyoota addunyaa hedduu keessa naanna’een meeshaa bitee galcha. Kan kanan nagahe obsaa fi abdii kutachuu dhabuu kiyya.












