Uffata loltuu dhiphisuurraa hanga biiliyeenarummaa - Obbo Sayiid Mahaammad Birhaan

Yoo akkasitti ilaalan dargaggeessa umuriin wagga 40 keessaa malee maanguddoo wagga 63 hin fakkaatu. Seequu fuulasaarra ilaaluunis hangam gammadaa akka ta’e tilmaamuuf hin rakkattan.
‘‘Ganamaan ka’ee pushaap hojjadha. Miilaan nan deema. Bishaanis nan daaka. Gurguddaa ta’u baatuus sibiila waanan kaasuuf, jaarsa waggaa 63 hin fakkaadhu,’’ jedhu Obbo Sayiid Mahaammad Birhaan.
Obbo Sayid abbaa qabeenyaa hodhaa uffata Ambaasaaddar kan ETV gubbaatti ‘‘Hin baafatiin sirraa bareeda’’ jedhamuun beeksiifamuuti.
Obbo Sayid hojiisaanii uffata loltuu dhiphisuurraa makiinaa hodhaa takkaan eegalaniin amma tarree milkaa’ina lammiilee Itoophiyaa biiliyeenaroota ta'an irratti argamu.

Makiinaa hodhaa tokkoon konkolaataa fe'umsaa lama bitachuu
Obbo Sayiid naannoo Tigraayitti ollaa baadiyaa Shira Indasiillaasee irraa fageenya km 30 irratti argamtuutti ALI bara 1953 dhalatan.
Ijoollummaattis akkuma ijoollee baadiyaa kamittuu ree’ootaafi hoolota tiksaa guddachuu kan dubbatan Obbo Saayid, abbaansaanii ‘‘ijoolleekoo akka kiyyatti qonnaan bulaa ta’u hin qabdan’’ jechuun mana barnootaa Addii Daa’irootti argamuutti akka isaan ergan dubbatu.
‘‘Abbaan keenyas akka keessan diigriifi maastarsii akka argannuuf osoo hin taanee barreessuufi dubbisuu dandeenyee daldaltoota akka taanu barbaadu turan’’ jedhan Obbo Saayid.
‘‘Ganna tokko gammoojii naannoo Baadimma deemuun erga saliixii facaasanii gurguraniin booda birri 600 argatan nu qabachiisuun obbooleessa kiyya waliin hojii hodhaa uccuu akka hojjannuuf magaalaa Addii Daa’irootti nu galchee,’’ jechuun haala hojiicha itti eegalan yaadatu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
ALI bara 1966tti wayita waggaa 13 turanitti yoo Haayilasillaaseen aangoorraa kaafamuun Dargiin aangoo qabateetti, naannoo dhalootasaanitti sagaleen rasaasaa osoo hin dhagahamne akka hin oolle kaasu.
‘‘Inni umuriin gahees humnoota siyaasaa kan akka TPLF, IDIU ykn waraana mootummaatti makama ture’’ jedhu.
Abbaansaanii garuu kana jalaa baasuuf Magaalaa Maqalee kan to’annoo humna mootummaa jala turteetti akka isaan ergan kaasu. Ta’us Maqalee akka eegan taatee hin arganne.
‘‘Osoon yeroon baayyee hin gubiinis gara magaalaa Kuhaa kan dhiheenya Maqaleetti argamtuuttan imale,’’ jedhu.
Magaalaan Kuhaa jidduugala loltootaa waan taateef magaala si’oomtu turte. Obbo Sayidiis halkanii guyyaa uffata loltootaa dhiphisuun ko’ommatanii dabarsuu egalan.
‘‘Torban guutuu osoon adda hinkutiin uffata loltootaan hodha ture. Dilbata waaree boodan uffatakoo miiccachuun boqonnaa fudhadha ture. Baatii 11f ergan hojjadheen boodas birrii kuma sadiin argadhe. Maallaqan argadhe sana qabadheen deebi’ee Maqalee gale’’ jedhu.
Birrii kuma tokkoon maashina ittiin uffata hodhan, birrii kuma lamaan hafeen ammo furtuu suuqii akka bitatan kan dubbatan Obbo Saayiid, namoonni lama duraan suuqii sana keessa turan kasaaranii waan bahaniif maanguddoon tokko, ‘‘lakkii manni kun falfala qabaa sitti haa hafu’’ jechuun gorsuu yaadatu.
‘‘Suuqiin ani kireeffadhe sana keessa duraan nama sa’aatii suphuu tokkoo fi nama uffata hodhu tokkotu turan. Isaanis araadaan kasaaranii bahan. Ollaan kana argees mana sana keessa akkan hin galle na gorsaa turan’’ jechuun yaadatu.
Haata’u malee hojii mana sana keessatti hojjataniin konkolaattoota fe’umsaa lama kan harkiisan waliin akka bitachuu danda’an dubbatu. ‘‘Ani falfalaafi dabtaraatti hin amanu’’ jedhan.

Qabeenyakoo yoo narraa saaman TPLF’tti makama
Suuqiin si maraachiti jedhamte sun abbaa qabeenyaa Maqalee isaan taasiftulleen, dhuma bara ALI 1980mota irratti waan kisaaraan isaan mudateef deebisanii hojii uffata hodhuu akka eegalan yaadatu.
Walakkeessa ALI bara 1981keessa Maqaleen to’annoo TPLF jala waan galteef loltoonni uffata hodhiisiisan waan dhabamaniif jecha Obbo Sayiid gara Finfinnee imaluuf murteessuu dubbatu.
Yoos Maqaleerraa Finfinnee galuudhaaf akka ammaa kan daqiiqaa 45 keessatti balal’iamu hin turre. Maqaleerraa Asmaraa deemamee achiin booda gara Finfinneetti dhufama ture.
Obbo Sayidis uccuuwwan hin hodhamneefi makiinaa hodhaa uffataasaanii qabachuun osoo Maqaleerraa karaa Zaalaambassaatiin gara Asmaraatti imalanu taateen hin eegamne tokko isaan mudate.
‘‘Jidduu Zaalaambasaa fi Sana’aafatiin keellaa loltoota Foortoo keessa darbuun dirqama waan tureefi akkan Maqaleerraa dhufe yoon itti himu, ‘attamiin darbu dandeesse?’ jedhanii konkolaataan ittiin imalaa turerraa na buusanii qorannoo dabalataafi buufata poolisii na geessan.
''Meeshaa hodhaa huccuu kisaaraa irraa haftekoo yoo na jalaa warasan maaltu naaf hafa jedhee TPLF’tti makamuuf osoon yaadaa jiru loltoonni dhufanii ‘qabeenyaa kee qabadhuutii bahi’ naan jedhaniin Asimaraadhaa xiyyaaraan Finfinnee gale’’ jedhu.

Fedhii of tuulaa ta’u hin qabu
Obbo Sayidi Mahaamad Birhaan erga Finfinnee galanin booda, jidduugala daldalaa kan taate Markaatootti qajeelan. Achittis daldalaa mallattoo ‘‘hodhaa uffata Ambaasaaddar’’ jedhu dhaabuudhaan hojjataa kan turan, Obbo Taayyee Tasfaaye jedhamuun wal baran.
Wal baruunsaanis nagaarra darbuun gara waliin hojjachuutti guddatee hodhaa uffata Ambaasaddar xiqqoo kan amma gara kaampaanii Ambaasaadar guddichaatti guddate bitachu dubbatu.
Osoo Markaatoo keessa hojjataa jiranu taateen abdi isaan kutachiise biraa akka umamee yaadatu. ‘‘ALI bara 1981tti fonqolcha Mangistuu Haayilamaariyaam hordofee naannoon keenya dhukaasa cimaadhaan raafame. Anis naannoo waraan jiruu ka’ee gara fooyya’aattiin dhufe Waaqakoo galateeffadhee osoon hin xumuriin, kun umamusaatti ‘maalballeesseen’ jedhee yeroon itti abduu kutadhee turedha’’ jedhu.
‘‘Ani oliifi gadi jedhee hojjachu malee gooftaa ta’e of tuuluudhaaf fedhii hin qabu,’’ kan jedhan Obbo Saayid, hodhaa uccuu nama dhunfaarra bitan tana, gara warshaatti guddachuun Garjiitti warshaa uffataa guddaa bane’’ jedhu.
Kanaanis ALI jalqaba bara 1990tti suufii Amabaasaadar oomishuu eegalu dubbatu. Suufiin Ambaasaadaraa keessattuu beeksisa TV irratti baayyinaan kan beekamu yoo ta’u, bu’aa beeksisaa dursanii hubachuu kaasu Obbo Sayiid.
‘‘Yeroo sanatti barnoota marketing qabaachu baadhulleen, gaazexessaa Alamna Waasee suuqii xiqqoo hodhaa uffata Amabaasaadar kiyya akka naaf beeksiisuuf birri 500 kanfaleefiin ture’’ jedhan.
Beeksiisa TV sakandiitti birriin 120 kanfalamu dabalatee oomishasaanii beeksisaa akka turan kan dubbatan Obbo Saayid, warshaa dhaabudhaaf biyyoota biraarraa muxannoo argachuuf imalaa turu himu.
Imalli Obbo Saayid daldalaa hodhaa uffataa takkaan eegalame, ammaan abbaa qabeenya warshaa hodhaa uccuu Ambaasaadar Garjiitti, Hoteela Ambaasaadaraa Galma Barkumee maddiitti argamuufi moolii Ambaasaadar guddicha Masaraa 4 kiiloo biratti argamuu ta’aniiru. Gama maallaqaatiinis biiliyeenara erga ta’anii bubbuluu dubbatu.

Madda suuraa, Seyid
Carraa hojii uumuu
Nannoon Obbo Sayiid keessatti dhalatanii guddatan Addii Daa’iroon naannawa waraana waggaa lamaaf Tigraay keessa turen baayyee miidhamu kaasu.
Ollaa baadiyyaa keessatti dhalatan sana keessa manni barnoota dhiheenyarra waan hin turreef, erga qabeenya horatanii booda maqaa abbaasaanitiin mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa ijaarsiisuun mootummaaf kennuu dubbatu.
Akkasumas maqaa haadhasaanitiin ammoo mana kitaabaa guddaa fi jidduugala bashannana dargaggootaa ijaarsiisaniru.
‘‘Garaa garummaa siyaasaa mariidhaan furuurra qawween furmaata barbaaduun keenya aarsaa nu baasisaa jira’’ kan jedhan Obbo Saayid, waraanaan obboleessa dhabuu himu.
Haala siyaasaa tureen walqabatee isaan mataansaanii imala daldalaatiif gara Dubaayiitti taasisuuf erga xiyyaara keessa seenaniin booda hojjattoota nageenyaatiin xiyyaara keessaa bufamuu yaadatu.
Dhaabbata Ambaasaadar keessatti waliigalatti hojjattootaa 700 akka qaban dubbatu Obbo Sayiid.
Waa’ee waraanaa ilaalchisee, biyyoonni tibba waraanaa addunyaa 2ffaa badiin qabeenyaafi namoomaa olaanaa keessaa dandamachuun amma diinagdeesaanii guddifatan kan akka Jarmanii fi Jappaan irraa barachuun barbaachisaa ta’u dubbatu.
Lammiileen Itoophiyaas waraanarra hojiiwwan jireenya namaa geeddaran irratti osoo fulleefatanii jechuun gorsu.
Ijoolleensaanii abbaa qabeenyaa malee qonnaan bulaa akka hin taaneef ganna guutuu hojjachuun birri 600 saliixii gurguruun argatan qabachiisanii magaalaa kan isaan galchan abbaansaanii milkaa’insaanii kana yoo argan ta’e gaafatamanii ture.
‘‘Abbaa fi haatii koo lamaanu waggaa 90 keessa du’an. Warshaan hodhaa uccuu Garjiitti ijaare hojii eegalee waan tureef, Finfinnee fidee suufii itti uwwisee bareecheen boqatanii gaazeexaa dubbiisuu qaqqabanii ture.
"Kanaafuu milkaa’ina ilmasaanii arganiifi dhandhamatanii du’an, anis kanaan gammadoodha’’ jedhan.
Obbo Sayiid Mahaammad Birhaan abbaa qabeenyaa, ijoollee torbaafi ijoollee ijoollee 14 arguu danda’aniiru.












