Haadha ijoollee sadii, ulfa ji’a saddeetiin ispoortii leenjistu

Ibsa waa'ee viidiyoo, Haadha ijoollee hanga guyyaa deessuutti ispoortii ciccimaa hojjechuustu

Yeroo ulfaa ispoortii ciccimaa hojjechuun faayidaamoo miidhaa qaba?

Ulfa ji’a saddetii taatee akaakuu ispoortii ciccimaa leenjisaa kan jirtu Shillimaat Siisaay, namni ilaale gaaffii kana kaasuun hin oolu. Haati ijoollee sadii, ammas afraffaa garaatti baattu kun mudannooshee BBCtti himteetti. Dhimma kanarratti ogeessa fayyaarraa iyyaafannees deebii arganneera.

Shillimaat Sisaay jedhamti.Magaalaa Adaamaatti dhalattee kan guddatte yoo ta’u, ispoortii waliin hariiroon qabdu teekwaandoon Qabattoo Gurraachaa hidhachuutii hanga leenjistuutti kan fulla’udha.

Yeroo ammaa kanammoo magaalaa Adaamaa keessaatti Waldaaa Ispoortii Fayyaa jedhamutti leenjisummaan hojjechaa jirti.

Leenjistuun kun maamilootasheefi namoota yeroo isheen leenjii kennitu argan raajii kan jechisise garuu dubartummaan leenjistuu ta’uushee osoo hin taane ulfa ji’a saddeetiin miila ol fuutee mataa namaarra dabarsuun, ispoortii ciccimaan isheen hojjachiistu ajab nama jechisiisa.

Gaazexeessaan BBC Maatii Olaanaa wayita hojii kanaaf bakka leenjiisheetti imalee miira itti dhagahame akkas jechuun ibsa.

Barsiifata hawaasa keenyaan dubartiin yeroo ulfaa sochiirratti of eeggannoo cimaa akka gootu gorfamu keessattuu dubartiin ulfa ji’a 8 leenjii kennitu jiraachuu dandeessi jedhanii yaaduun ulfaataadha.

Barii sa’aatii 12 yoo ta’u meeshaa waraabbii kiyya qabachuun bakka leenjiishee kanin qaqqabe. Waanin argaa jiru amanuun natti ulfaate. Dubartiin ulfishee bahee mul’atu dura namoota 60 tahanii dhaabbattee sochii namni ulfa hin taaneyyuu raawwachuuf ulfaatu leenjiisuu jalqabdeetti.

Leenjiin muuziqaadhaan dabaalame kanaan Shillimaat, miila ol fuutee hamma dhaabbii namaarra dabarsitee deebisti, miila lamaaniin fiixee lamaanitti diriirsitee ofirra quphanti, ishee osoo hin taane akka koo nama dhaabbatee ilaalutu sodaan cinqama.

Hariiroo ispoortii waliinii…

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Leenjistuun ispoortii kun gaaffiifi deebii na waliin taasifterratti, ispoortii kan jalqabdee yeroo barnoota sadarkaa duraa barattu fiigichaan ture. Kanaanis mana barumsaashii bakka bu’uun dorgommiiwwan adda addaa irraatti hirmaachuu himti.

Ergasii barnoota tekwaandoo waggoota shaniif barachuun hanga gulantaa Qabaattoo Gurraacha hidhachuurra geesseerti. Dorgommiiwwan ispoortii tekwandootiinis Oromiyaa bakka bu’uun bakka adda addaatti hirmaachuus natti himteetti.

Aadde Shillimaat bultii erga ijaarrattee booda mana jiimii nama dhuunfaatti leenjistuu ta’uun tajaajilaa turte. Dhibeen Koronaavaayirasii yeroo biyya keessa seenetti hojiin kun waan dhaabbateef namoota waldaan gurmaa’anii sochii qaamaa godhan dhuunfaan leenjisuu akka jalqabdes himti.

“Koronaan yeroo dhufe sana qoodaan mana taa’u mannaa jedheen tola ooltummaan namoota ispoortii hojjachiisaa ture. Warra achitti na argetu gurmaa’ee dhaabbataan nu hojjachiisi jedhanii na gaafatan. Amma dhaabbataan isaan leenjisaan jira,” jetti.

Hojii leenjisummaa ispoortii Aadde Shillimaat wanti adda godhu yeroo ulfaas hojiinshee adda hin citu. Ijoollee sadii haaluma kanaan akka deessee fi amma mucaashii 4ffaa ulfa ji’a 8ti ta’uu himti.

“Biyya keenyatti haaraa ta’a malee biyyoota alaatti dubartoonni ulfaa sochii ispoortii adda addaa yoo hojjetan ni mul’ata.

Dubartoonni biyya keenya baadiyyaa jiranis ispoortii hin hojjetin malee hojiin isaanii ulfa ta’anii hojjetan waan ispoortii caaludha.”

“Kanaaf, anis maalifan hin yaalle jedheen mucaakoo jalqabaa yeroon ulfa ture hojiikoo adda hin kunne. Guyyaa hanga sa’aatii 11 hojjachiisaa ooleen halkansaa dahee bule. Mucaakoo lammataas akkasuma,” jetti.

Mucaashee sadaffaan garuu bakka leenjiitii xumurtee isheedhaa mana gahuu daqiiqaa muraasa keessatti waan deessef seenaa addatti yaadattu ta’uus himti.

''Nama na dinqisiifatu caalaa nama naaf sodaatutu baayyata…''jetti

Aadde Shillimaat akkaataan maamilotasheef leenjii kennitu akka dubartii ulfaatti sochii daangeffame osoo hin taane akkuma barbaaddetti sochootee leenjisti.

“Namootni yeroo jalqaba na argan ni rifatu. Ulfi yoo garaatti miidhamehoo jedhanii naaf sodaatu. Dhiironni na biratti hojjetanimmoo ‘edaa haadholiin warraa keenya beekaniitii baayyee dadhabne kan jedhan’ naan jedhu. Animmoo ulfi nama hundaaf tokko mitin jedhan”

Dubartoonni maamilashee tahanis yeroo ishee ilaalan hamileen ispoortii hojjechuu isaanii waan dabaluuf sochii ispoortii kanarraa akka hin hafneef ni jabaatu jetti.

Ulfa jalqabaa irratti abbaan warraashees dhiibbaa namootni isarraan gahaniin sochii ispoortii kana akka hir’istu, yaaddoo qabaachaa turuu fi boodarra na deeggaruu jalqabes jetti.

“Namootni ‘ati mucaakee hin barbaadduu, maaf hin dhorkitu’ jedhuun ture. Dubartiin kuni mucaa fayyaa hin deessu warri jedhanis turaniiru. Erga kan jalqabaa suni nagaa ta’ee akkan hojedhuyuu na jajjabeessaa kan jiru abbaa warraakooti,” jetti.

Amalashee kan baran maamilootnishee yoo akka carraa ganama barfattellee “Ni deessemoo” jedhanii bilbilanii natti qoosu jetti.

Yaaddonni hamilee buusan “fayyaa hin qabduu, dhuguma dhirsa qabdii kuni, daa’imicha hin barbaadduu? jedhan irra deddeebiin ishee qaqqabanis isheen garuu hanga guyyaa deessuutti ispoortii kanarraa adda bahu akka hin barbaanne dubbatti.

Sochiin ispoortii yeroo ulfaa taasiftu kun sochii dubartoonni ulfaa taasisan kan baratamerraa adda ta’ulleen, isheef garuu yeroo da’umsaa miixuun (ciniinsuun) osoo hin rakkatin battalumatti akka deessuuf ishee gargaaraa jiraachuus dubbatti.

Shillimaat Siisay ulfa taatee yeroo ispoortii leenjisaa jirtu

Yeroo ulfaa sochii ispoortii ciccimaan ni gorfamaa?

Dr. Masarat Olaanaa Hospitaala Phaawuloositti Ispeeshaalistii Ulfaa fi Gadaamessaa, akkasumas Sabispeeshaalistii kaansaroota qaama walhormaataati. Akka isaan jedhanitti, sochiin ispoortii dubartoonni ulfaa gochuu qaban karaa of eegannoo qabuun qofa ta’uu qaba.

“Dubartiin ulfaa yoo sochii qaamaa hin gootu ta’e carraan dhiigni kontaruu ol ka’aadha. Kanaaf, sochii gochuun dirqama. Dubartiin tokko yeroo ulfaa ispoortii qaamashiirratti miidhaa geessisuu danda’u, sochiilee ispoortii ciccimaa gochuun garuu dhorkaadha”.

“Fiigicha humnaa olii fiiguu, rukuttaa humnaa olii miilaanis ta’u harkaan gochuu, ulfaatina gurguddaa mana jiimiitti kaasuun dhorkaadha. Ispoortiin isheen hojjechuu qabdu miilan deemuu, ispoortii Yoogaa fi fiigicha sumsummaa jedhamu sana ta’uu qaba,” jedhan.

Sochii ispoortii cimaa taasisaniin miidhaan gahuu malu dubartii fi dubartiitti garaagarummaa qabaachuu mala kan jedhan Dr. Masarat, dubartiin tokko sochii ispoortii cimaa osoo hojjettuu nagaa taate jechuun hunduu nagaa ta’a jechuu waan hin taaneef, sochiin akkasii hin gorfamu jedhan.