'Waggoota shanan darban Sabboonummaan mul'ate kan wal-diinomsedha'- Birhaanuu Leenjisoo

Madda suuraa, Birhanu M Lenjiso
Sabboonummaan Itoophiyaa keessatti waggoota shanan darban mula'te kan wal-diinomse akka ta'e barreessaan kitaaba haaraa mata dureensaa ''Sabboonummaa'' jedhuu Dr. Birhaanuu Leenjisuu himan.
Itoophiyaa keessatti baroota darban ilaalcha sabboonummaan dhaabbileen ijaaraaman waliin ta'anii sirna kuffisuun ''bu'uura hoodhu kenniitiin mootummaa haaraa ijaaruu akka danda'an yaalii godhame argineerra. Waliin sirna jiru mormuu kuffisuurratti malee maddiin walitti bu'uun hin turre'' jedhan.
''Waggoota shanan darban garuu sabboonummaan dur caalaa akka malee walirraa faffagaate mul'atee jira. Gara wal diinomsuutti deemuun mul'ataniiru'' kan jedhan Dr Birhaanuun ''kana walitti araarsuun barbaachisaadha'' jedhu.
Dhimmoota ijoo kitaabnisaanii irratti xiiyyeefatuufi haala qabatamaa yaadni kun Itoophiyaa keessatti qabu irratti addatti BBCtti kan dubbatan Dr Birhaanuun, Sabboonummaan barootaaf yaada falmiisaa garuummoo irratti mariyachuun barbaachisu waan ta'eef irratti katabuu himan.
Miseensi paarlaamaa fi Deetaan Ministeera Jallisii fi Naannolee Gammoojji Dr Birhaanuun Sabboonummaan Itoophiyaa keessatti qofa osoo hin taane guutuu addunyaatti keessumaa erga jaarraa 20ffaatii as ''ilaalcha siyaasaa jabaa akka gaariittis akka badaattis hojiirra oolee'' akka ta'e himan.
Hubannaa fi hiika kennamuuf irratti hundaa'uun fiixee adda addaatti harkifamuufi balaa geessisuusaa argineerra kan jedhan ogeessi kun, kaayyoon kitaabichaa dhimmicharratti mariifi waliigalteen akka jiraatu gochuuf bu'uura kaahuu akka ta'e dubbatan.
'Warri Libiraalaa, sabboonummaa akka isaaniif ta'utti ni fayyadamu, warri cichitoota jedhamanis itti fayyadamu. Kanaaf dhimmichi yaada jabaa garee walmormuun akka meeshaa itti fayyadama'' jedhan Dr Birhaanuun.
Kanarraa ka'un Sabboonummana falmiisaa, yaada hiika tokko qof hin qabaannes akka ta'u godheer jedhu.
Ofii barreessaan kitaaba kanaa Sabboonummaa akkamiin ibsu?
''Sabboonummaan hiika dhaabbataa hunda waliigalchu dhabuusaarraa kan ka'e hiika sabboontotni kennaniif qabata jedhamaa'' jedhu.
Sabboontotni ammoo gosa adda addaa waan qabaniif hiikni kennaniif Sabboonummaa falmisiisaa taasisa jedhu Dr Birhaanuun.
''Hiikasaa isa salphaan garuu sabboonaan nama aadaa, duudhaa saba isaa beeku, isaan of ibsu, isa eeguufi isa tiksu ta'uu danda'a, sabboonaan nama sabni kiyya hiree ofiin of murteeffachuu qaba jedhee amanu ta'uu danda'a. Falmisiisaa ta'us waan irratti waliigaluu hin dandeenye miti.''
'Sabni tokko mootummaa tokko yoo qabaate gaariidha jedheen amana, garuummoo yeroo hunda sirrii hin ta'u'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ilaalchi sabboonummaa biyya ijaaruu, cimsuufi tokkummaan utubuu keessati akkuma gumaacha guddaa qabu, sabboonummaan wal dhiitu, faallaa waliirratti bu'uureffate ammoo badii biyyaa fi ka'umsa waraanaa yeroo ta'u guutuu addunyaatti mul'ateera.
Barreessaan kitaaba ''Sabboonummaa'' Dr Birhaanuun, ''sabboontotatu impaayeroota diigee biyya saba tokkoo, kan aadaa fi duudhaa walfakkaatu qabuu ijaare'' jedhu.
Biyyootni addunyaa harka 70 ol ta'an erga waraana Addunyaa lammaffaatii ijaaraman kan jedhu Dr Birhaanuun, hundeeffama biyyootaa keessatti gahee olaanaa kan taphate ilaalcha sabboonummaa ta'uu hiamn.
''Keessumaa ammoo ijaarsa biyyoota saba tokkoo (nation State) keessatti gahee guddaa qaba.''
Akka barreessaa kitaabichaattii ''Sabboonummaan ilaalchota siyaasaa kamuu ol biyya saba tokkoon ijaaramu hundeessuufi cimsuu keessatti fayidaa guddaa qaba. Sabni tokko mootummaa tokko yoo qabaate gaariidha jedheen amana, garuummoo yeroo hunda sirrii hin ta'u'' jedhan.
Biyya akka Itoophiyaa sabboonummaa waldhiitan ykn walitti diina ta'uurratti jabaachaa dhufan qaban kaanis akkuma Itoophiyaa rakkoo siyaasaa keessa jiru. ''Itoophiyaan gama kanaan rakkoon argaa jirtu kaanirraa adda mitii jedhu.
Haala qabatamaa Itoophiyaan biyya sabaa fi sablammiileerraa ijaaramte ta'uusheetiin ilaalchotni sabboonummaa fallaa walii ta'an jiraachuu kan kaasan Dr Birhaanuun ''aadaa, afaan, duudhaan tokko ta'uun mootummaa jabaa ijaaruf haalduree gahaadha jedhee hin fudhadhuu'' jedhu.
Dr Birhaanuun biyyoota sabaafi sabalamiileerraa ijaaraaman (multi-nation States) keessatti sabboonummaan adda addaa fallaa walii ykn diina waliin ta'e jiraachuuf hireen jiru guddaa ta'us saba tokkorraa biyyi ijaaramte (nation State) jabduu ta'uufis wabii hin qabduu jedhu.
Kanaaf ammoo akka fakkeenyaatti haala Somaaliiyaan itti jirtu kaasu.
Biyya Sabaafi Sablammiilee hedduu qabdu ijaaruun biyya saba tokkoo ijaaruurra faaayidaa hedduu qabaachuu himuun, ilaalchota sabboonummaa waldhiitan keessatti akka hin dagaagne araarsuun garuu murteessaadha jedhu.
''Gartuu badaasaarratti yoo xiyyeeffannee ittiin wallolle, wal nu ficcisiisa, fayidaa isaa irratt yoo xiyyeeffanne itti fayyadamne biyya jabduu ittiin ijaaruun ni danda'ama'' jedhu Dr Birhaanuun.
Dr Birhaanuun faayidaa biyya sabaafi sabalammiilee ilaalchi sabboonummaa isaanii walitti dhiyaatee ararame ijaaruun qabu ibsuun, kun ammoo bu'uura kennanii fudhachuurratti hundaa'uun marii godhamuun akka milkahu himan.
Sabaafi sablaammiileen bu'uura kanarratti waliigaluu didaanii biyya xixiqqaa ta'uuf osoo filataniis biyya jabduu ta'uu dhiisuu danda'uu jedhu.
Yaadni bu'uraa kitaaba isaaniin dhaamuu barbaadanis ''Itoophiyaa keessatti sabaafi sablammoonni gadi taa'anii mariyatanii kennanii fudhachuun biyya jabduu ijaaruu qofatu karaa sirrii ta'a'' jdhu akka ta'e dubbatan.
Sabboonummaan gosa adda addaa amma Itoophiyaa keessa jiru kun akkamiin ijaarsa biyyaaf ooluu danda'a kan jedhu gaafatee furmaata akka kaus himan.
Sabboonummaan Oromoo boqonnaa murtessaarra gaheera

Madda suuraa, Birhanu M Lenjiso
Kitaabni Sabboonummaa Dr Biraahuu Afaan Oromoofi Amaariffaan qophaaye. Inni Afaan Oromoon qophaaye addaatti adeemsa Sabboonummaa Oromoo baroota keessaa darbee as gaherraa dubbata.
Dr. Biraahuun akkuma ogeeyyiin baayyeen jedhan sabboonummaan Oromoo baroota keessa of haaromsaa akka as gahe amanu.
''Sabboonummaan Oromoo karaa dheeraa deemee as gahe, sabni Oromoo akka sabaatti sirnootni hacuuccaa hedduu irratti godhaniis dandamatanii as gahan.''
Sabni Oromoo hacuuccaa irra gahu kana dandamuchuuf meeshaan itti fayyadame Sabboonummaadha. Ilaalchi kun uummata ijaaree, dammaqsee hiree ofiin of bulchuu akka argatu gargaareera jedha Dr Birhaanuun.
''Hireen ofiin of bulchuu argame amma ammoo aangoo mootummaa Federaala gurguddaa akka qabaatu godheera. Kuni sochii sabboonummaa Oromootiin waan dhufeedha jedheen amana.''
''Amma wanti hafe uummatni Oromoo sirna dimookrasii diriirsuudhaan, qabeenyasaatirraa, sirna biyya kanaatirraa, akka fayydamu godhuudha. Oromoo qofa osoo hin taane sabaafi sablammiileen akka irraa fayyadaman godhuudha'' jedha Dr Birhaanuun.
Ilaalchi sabboonummaa fi gaaffiin inni qabate bu'aa bayii hedduu keessa aarsa ahedduu keessa bahee galma gahaa jiraa jedha ogeessi kun.
''Gaaffiin Oromoo sabboonummaaf ka'umsa ta'e amma galma gahuuf fiixeerra gaheerra. Garuummoo yeroo murteessaarra jira'' kan jedhu Dr Birhaanuun, ''mariidhaan . hubannaadhaan hin qabnu yoo ta'e karaa dheeraa dhufnerra boodatti nu deebisa'' jedha.
Yaadni biraan kutaa kana keessatti kitaabnisaa ibsu ''walitti hidhamiinsa ajaa'ibaa'' Oromoo, Oromummaafi Sabboonummaa giduu jiruudha.
Dr Birhaanuun galii kitaaba isaanii kanarraa argatan misooma dargaggootaarratti akka oolchan ibsaniiru.
kaayyoo isaanii kan yoo ibsan sabboonummaatti dargaggoota sochoosa kanaaf misooma dargaggootaarratti xiqqoo hojjechuu barbaanna. Keessumaa miira dargaggummaa jabeessuu, beekumsaan utubuu, hubannoo fayyadama miidiyaa hawaasaarratti qaban guddisuu, oogumma adiijitaalaasaanii gabbisuufi wantoota kana fakkaatan irra oolchuu barbaanna'' jedhan.
Hojii kanas naannolee biyyattii hundaa fi bulchiinsa magaalaa lamaan keessa hojiirra akka oolchan himan.












