Loltoonni Itoophiyaa Somaaliyaatii ba'uun al-Shabaab akka cimuuf carraa uumaa?

Oduun Amajji 1, 2024 waajjira Ministira Mummee Abiy Ahimad keessaa bahe walitti dhufeenya Itoophiyaafi Somaaliyaarratti jijjirama olaanaa hordrofsiisee ture.
Innis Itoophiyaan bulchiinsa walabaa garuu kan Somaaliyaan kan kooti jettu- Somaaliilaand waliin waliigaltee wal-hubannoo ulaa galaanaa fayyadamuu dandeessisu mallatteessite kan jedhudha.
Erga oduun Somaaliyaa garmalee aarsu kun dhaga'ameen kaasee, gama Somaaliyaatiin dhimmoonni haala naannichaa waliigalaarratti dhiibbaa olaanaa taasisan dhagahamaniiru.
Pirezidantii biyyattii dabalatee, qondaaltoonni olaanoon mootummaa Somaaliyaa hedduun waliigalticha "waraana labsuu" waliin kan wal gitudha yoo jedhan dhagahamaniiru.
Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud, Itoophiyaadhaan "yaaddoo birmadummaafi tokkummaa bulchiinsaati’’ jechuun ifatti himatan.
Waliigalteen Itoophiyaan Somaaliilaand waliin taasifte, kan walabummaashee sarbu ta’uu ibsuudhaan, Somaaliyaan dhimmicha gara Gamtaa Afriikaa, dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniifi Liigii Arabaatti geessuudhaan deeggarsa argachuuf yaaltee jirti.
Waliigaltichaan booda pirezidant Hasan deeggarsa barbaacha dawwannaawwan Ertiraatti taasisan lamaan alatti, gara Masriifi biyyoota Arabaa biraattis imalanii ture. Turk waliin ammoo waliigaltee waraanaa mallatteessaniiru.
Walitti dhufeenya dippilomaasii biyyoota lamaanii adda kutuudhaafis ambaasaadara Itoophiyaa Moqaadishoo ture yoo baaftu, waajjiraalee qoontsilaa Itoophiyaa Somaaliilaandiifi kan ofiin of bulchiitu Puutilaand keessaas akka cufaman murteessitee turte.
Dhiheenya kana ammoo Somaaliyaan loltoota Itoophiyaa Gamtaa Afriikaa jalatti nagaa kabachiisuuf biyyattii keessatti waggootaaf bobba’anii jiran akka bahan akka barbaaddu ibsite.
Itoophiyaafi Gamtaa Afriikaa Somaaliyaatti
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Wal waraansi Somaaliyaatti gaggeeffamu cimee bulchiinsi Siiyaad Baarree Somaaliiyaa guddoo hundeessuuf abjootaa ture ALI bara 1983tti wayita kufetti, Somaaliyaanis akka biyyaatti diigamte. Kanatu haala rakkisaa amma Somaaliyaa keessatti argamtuuf ka’umsa ta’e.
Erga mootummaan gidudugalaa kufeen booda, humni cimee mootummaa giduugalaa to’achuu danda’e hin turre. Kunis Somaaliyaa mootummaa malee akka taatu gochuun alatti, gara wal waraansaatti geese.
Gareewwan gosaafi amantaa olaantummaa argachuuf yaaliin meeshaa waraanaatiin taasisan bu’aa osoo hin argamsiisiin hafuun alatti, biyyoota ollaa biyyattii kan akka Itoophiyaa fa’ittis yaaddoo uume.
Somaaliyaa akka tasgabbooftuufi mootummaan akka hundaa’uuf gahee olaanaa kan baate Itoophiyaan, kanneen biraa waliin ta’uudhaan biyyattiitti mootummaan ce’umsaa akka hundeeffamu taasisuun dana’amulleen kan irraa eegamu gochuuf dandeettii hin qabu ture.
Siriiyyuu gareewwan Somaaliyaa hidhatan keessaa cimaa ta’uu kan danda’e humna Gamtaa Mana-murtii Islaamummaa bulchiinsota biyyattii hedduu to’achuu danda’ee ture.
Gahee Itoophiyaan siyaasa Somaaliyaa keessatti qabdu cimsee kan mormu Gamtaan Mana-murtii Islaamaa hirreen isaa wayita jabaataa dhufetti Itoophiyaarratti haleellaafi weerara akka gaggeessu irra deddeebiin dhaadachuu jalqabe.
Kun yaaddoo kan itti uumeefi gareen kun fedhii biyyasheetiin faallaa ta'e qabaachuun kan ishee yaaddesse Itoophiyaan raayyaa ittisaashe Somaaliyaatti bobbaasuun kutaa biyyattii gareen kun qabatee ture keessaa baasuurra darbitee akka inni dadhabullee gooteetti.
Tarkaanfii murteessaa Itoophiyaa murteessaa ta'e hordofee Gamtaan Afrikaa humna isaa Somaaliyaatti bobbaasuudhaan mootummaan giddu-galeessaa akka jabaatu gochuuf biyyattii keessa seene.
A L I Amajji 11 bara 1999, waggaa 17 dura Manni-maree Nageenyaafi Tasgabbii Gamtaa Afirkaa humnoota nagaa kabachiisan biyyoota gara garaa keessaa bahan ji'oota ja'aaf Somaaliyaa keessa akka uran bobbaafaman.
Osoo kun hin ta'iin waggaa tokko dursee beekamtii Gamtaan Afrikaatiin karaa dhaabbata gamtaa misoomaa mootummootaa (IGAD) qaamni nagaa kabachiisu bobba'ee bulchitoota eeguufi hojii humna nageenyaa leenjisuu raawwataa tureera.
Gamtaan Afrikaa mootummaa ce'umsaa Somaaliyaa cimsuufi Somaaliyaa tasgabbeessuudhaaf humna nagaa kabachiisu yeroo gara biyyattiitti bobbaasu, dhaabbanni Biyyoota Gamtoomaniifi warra Lixaarraa deeggarsa argatee ture.
Naannicha keessatti dhiibaa kan qabdu Itoophiyaan qaama humna kanaa ta'uu qofa osoo hin taane, gahee olaanaa kan taphattu turte.
Haata'u malee, raayyaa Itoophiyaa Somaaliyaatti bobbaasuun biyya keessatti qaamoleen tokko tokkorraa mormiin mudatee akka ture ni yaadatama.
Ta'us garuu ministira muummee Itoophiyaa yeroo sanaa kan turan Mallas Zeenaawwii Somaaliyaa keessatti kan argamu humni Gamtaan Mana-murtii Islaamaa yaaddo Itoophiyaa akka ta'eefi raayyaan kan bobbaafamuuf yeroo gabaabaaf akka ta'e ibsanii ture.
Haata'u malee, raayyaan Itoophiyaa ergama ji'a ja'aatiif gara Somaaliyaatti bobba'e amma waggaa 17 achi keessa tureera.
Gaaffii Loltoota Itoophiyaa baasuu
Itoophiyaan ergama Somalaiyaatti nageenyaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabdi. Gariin achi qubachuun AMISOM nageenyi fooyya’aan akka jiraatu gahee baheera yoo jedhan, kaan ammoo uumamuu al-Shabaabif sababadha jedhu.
BBC waliin dhimma nageenyaa Somaaliyaarratti dubbatanii kan turan ogeessii walitti bu’iinsaafi nageenya xiinxalan, Piroofeesar Medhaanee Taaddesee ''tokkummaa mana Murtii Islaamaa balleessina jennee gallee al-Shabaabiin uumne’’ jedhaniiru.
Humna nagaa kabachiisaa harki caalu loltoota Itoophiyaa ta’e kun ALI bara 2001tti turtii waggaa lamaaf duulee Tokkummaa Manneen Murtii Islaamaa torbanoota keessatti diiguu danda’ee turee jedhan.
Turtiin loltoota AMISOM Somaaliyaa keessaa hayyama Gamtaan Afrikaa fi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii akka dheeratu godhamaa ture. Dhiyoo kanammoo gaheen humna nagaa kabachiisaa kanaa akka raawwatuufi humni Somaaliyaa gaafatama nageenya eegsisuu akka fudhatu murtaahus, haalli al-Shabaab itti jiru yaaddoo uumeera.
Duula waggota fudhate keessatti humni nagaa kabachiisaa biyyootaa AMISOM irraa gara ergama Ce’uumsa Somaaliyaa kan Gamtaa Afrikaa jehdutti geeddarameera.
Sochii hidhattoota al-Shabaab irraa kan ka’e humni mootummaa Somaaliyaa naannolee hunda to’achuu hin dandeenye.
Amma ammoo mootummaan Somaalilaandifi Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa falmisiisaa mallatteessuu boda aanga’onni Somaaliyaa humni waraanaa Itoophiyaa Somaaliyaa gadhiisee akka bahu gaafachaa jiru.
Murtoon gara mootummaa Somaaliyaarraa dhagaahame kun Gamtaa Afrikaa fi deeggartoota warra Lixaa yaachiseera. Sababni ammoo humni waraanaa Itoophiyaa hangaan guddaa ta’e Somaaliyaatii yoo bahe al-Shabaab hiree jajjabaachuu akka qabaatu, lafas akka qabatu godha kan jedhudha.
Mootummaan giddugaleesaa humnotni Itoophiyaa addatti qaama nagaa eegsisuuf achi jiru keessaa bahan akka biyyatti deebi’u yoo gaafatu, bulchiinsi Kibba Lixaa biyyattiifi Jubalaand murtee kana mormaniiru. Aanga’oonni naannolee lameenii humni waraanaa Itoophiyaa naannolee kanaa bahuun rakkoo nageenyaa jabaa uumuu danda’a jechuun akeekkachiisan.
Gahee Waraana Itoophiyaa
Yunaayitiid Kiingidam kan jiraataniifi dhimmoota Gaanfa Afrikaa kan xiinxalan Abdurahimaan Sa’iid waliigalteen Somaalilaandiifi Itoophiyaa Finfinnee fi Moqaadishoo gidduu waliigalteen akka dhabamu godheera jedhan.
Somaaliyaan qofaatti nageenya ofii eegsisuu hin dandeessu jedhanii kan yaadan heddu ta’anis Abdurahimaan garuu ‘’Somaaliyaan humna gahaa qabdi. Al-Shabaab ittisuu dandeessi. Dhimmi Somaaliyaa warra Somaaleef yoo dhiifame ofiisaanii lolanii injifachuu danda’u’’ jedhu.
‘’Humni waraanaa Itoophiyaa Somaalii keessaa gahe olaanaa qaba’’ kan jedhan ammoo Yunivarsiitii Injibaaraatti piroofeesara gargaaraa muummee saayinsii Siyaasaa kan ta’an Agnaanyi Kebbedeedha.
Humni Itoophiya abarootaaf Somaaliyaa keessa ture muuxannoo horatterraa kan ka’e humna Somaaliyaa cimsaa waan tureef gaheen isaa kan bakka buufamu hin ta’uu jedhu.
‘’Hammamiyyuu olaana ata’uu baatu, nageenya fooyya’aa biyyattiin argatteef gaheensaa baayyee olaanaadha. Yoo humni kun amma achii bahe haalotni ulfaataa ta’uu.’’
Loltoonni Itoophiyaa ba’uun…
Somaaliyaa keessa loltoota Itoophiyaatiin ala Gamtaa afrikaa jalatti miseensonni waraanaa Buruundii, Keeniyaafi Ugaandaa bobba’anii kan jiran yoo ta’u, Itoophiyaan ammoo karaa Gamtaama Afrikaafi waliigaltee mootummaa Somaaliyaa waliin qabduun loltoonnishee lakkoofsaan olaanaa ta’u boba’anii jiru.
Karaa Gamtaa Afrikaatiin nagaa eegsisuuf yoo xiqqaate loltoonni Itoophiyaa kuma sadii ta’an bobba’anii kan jiran yoo ta’u, kuma shanii hanga kuma torbaa kan ta’an ammoo waliigaltee biyyoota lamaaniitiin Somaaliyaatti bobba’anii jiru. Kun ammoo lakkoofsaan olaanaa ta’uusaarra darbee gaheen isaaniis kutaaleen gara garaa keessatti diriirfamee jira.
Al-ShabaabMoqaadishoo dabalatee kutaaleen Somaaliyaa keessatti haleellaawwan gurguddaa gaggeessuurra darbee kutaaleen biyyattii bal’aa to’atee jira.
Gargaaraan Piroofeesaraa Agganaany akka jedhanitti, osoo raayyaan ittisaafi humni nageenyaa Somaaliyaa jabaatee itti-gaafatamummaa irraa eegamu ba’achuu hin danda’iin raayyaan ittisa biyyaa biyyattii keessaa kan bahu yoo ta’e rakkoon inni qaqqabsiisu Somaaliyaarra darbee naannicha kan qaqqabudha.
“Al-Shabaab haleellaa shororkessummaa gaggeessu irra deebiyee baballisa; Somaaliyaa to’achuus ni danda’a; Somaaliyaarra darbee yaaddoo nageenyaafi tasgabbii guddaa Afrikaa Bahaas ni ta’a,” jechuun raayyaan ittisa biyyaa yeroo ammaa ba’uun Somaaliyaa qofaaf osoo hin taane Itoophiyaafiyyu miidhaa guddaa qabaata jedhan.
Roohitars ogeessota dhimma nageenyaafi dippilomaatota eeruun akka gabaasetti, raayyaan Itoophiyaa Somaaliyaa gadhiisee kan ba’u taanaan hunoonni Soaaliyaa qaawwa uumamuu malu duuchachuudhaaf huna waan hin qabaanneef biyyattii caalaa akka hin tasgabboofne gochuu danda’a.
Loltoota biyyoota gara garaa Somaaliyaatti bobbaafaman keessaa gahee salphaa hin taane kan qabu raayyaan Itoophiyaa akkuma mootummaan Somaaliyaa barbaadetti biyyattii keessaa gadhiisee kan ba’u yoo ta’e, Al-qaa’idaa waliin hidhata kan qaban loltoonni Al-Shabaab qaawwa kanatti dhimma bahu danda’u.
Kun ammoo Gamtaa Afrikaa, Biyyoota Gamtoomaniifi warra Lixaatiin akka cimuuf waggootaaf irratti hojjetamaa kan ture mootummaa Somaaliyaa haala rakkisaa keessa galchuu danda’a.












