Filannoo US 2024 karaa baayyee salphaa ta’e ittiin hubattan

Ameerikaanonni Sadaasa keessa pirezidantii US itti aanu filachuuf sagalee kennu. Filannoon Ameerikaa dhimma lammileen Ameerikaa qofa miti, addunyaanillee itti dhiyeenyaan kan hordoftudha.
Seerota jireenya Ameerikaanotaarratti dhiibbaa cimaa qabaachuu danda’u tumuudhaan gahee guddaa kan qaban miseensota Kongirasiis ni filatu Ameerikaanonni.

Filannoon pirezidantii US itti aanu guyyaa kamidha?
Filannoon US bara 2024 Kibxata Sadaasa 5, bara 2024 gaggeeffama. Abbaan mo'ate Amajji 1, 2025 irraa kaasee waggoota afuriif Waayit Hawus galee biyyattii tajaajila.
Pirezidantiin seerota tokko tokko dabarsuudhaaf aangoo ni qaba ykn ni qabdi, garuu seerota baasuudhaaf irra caalaa Kongirasii waliin hojjechuu qaba ykn hojjechuu qabdi.
Waltajjii addunyaarratti namni US gaggeessu biyya alaatti biyyattii bakka bu'ee imaammata alaarratti hojjechuudhaaf hanga tokko bilisummaa ni qaba.

Kaadhimamtoonni eenyufaadha, akkamiin filaman?
Paartileen gurguddoo lamaan kaadhimamaa pirezidantii filannoo waliigalaarratti bakka isaan bu'ee dorgomu filatu. Dura namoonni walitti aansuudhaan filannoo 'piraayimariis' fi 'kaawukas' jedhamu gaggeessuudhaan dursaa paartii filatu.
Namni dursaa paartii ta'ee filatame ammoo paartii isaa bakka bu'ee dorgoma jechuudha.
Paartii Rippabilikaanotaatiif, pirezidantiin duraanii Doonaald Tiraamp nama isa morkate sagalee guddaan caaluun deeggarsa paariisaa argachuun bakka bu'e. Kora paartii Miilwaahukee, Wiiskoonsiitti gaggeeffamerratti seera-qabeessaan kaadhimamaa Rippabilikaanota bakka bu'u ta'ee filatame.
Dimokiraatotaaf ammoo, Pirezidantiin Itti-aantuu Kaamlaa Haariis erga Pirezidanti Joo Baayiden dorgommii keessaa ba'anii itti makamte.
Joo Baayiden kan jalqaba dorgomuuf turanii boodarra sababa umuriitiin gadhiisanirraa kan hafe Dimokiraatota keessaa namni ishee dura dhaabbaachuu danda'e hin turre.
Isaan itti aanan kunneenis kaadhimamtoota of danda'anii qofaa isaanii pirezidaantummaaf dorgomaa jiranidha.
Isaa keessaa baayyisee beekamaa kan ta'e Roobert F Kenedii Jr. yoo ta'u, ilma obboleessa pirezidantii duraanii Joon F Kenediiti. Haata'u malee Roobert F Kenediin dhuma Hagayyaa dorgommii keessaa bahee Tiraamp deeggaruuf murteesse.

Dimokiraatonniifi Rippabilikaanonni paartii akkamiiti, maaliif dhaabbatu?
Dimokiraatonni paartii siyaasaa liberaal ta'e, ajandaa irra caalaa dhimmoota akka mirgoota siviliif dhimmee hojjetu, seeftineetii hawaasa bal'aatiif bakka kennuufi tarkaanfii jijjiirama qilleensaarratti hojjetaman deeggaru ta'uun beekama.
Rippabilikaanonni ammoo US keessatti paartii siyaasaa leellisummaan (conservative) ta'uun beekamudha. Maqaa biraa GOP jedhamuunis beekama. GOP jechuun ammoo jecha Ingiliffaa 'Grand OLd Party' jechuudha.
Paartiin Rippabilikaan qabirra hir'isuun, gahee mootummaan qabu xiqqeessuun, mirga qawwee hidhachuu cimsuufi seera godaantotaafi ulfa baasuurratti dhorkaa cimaa kaa'uun beekama.

Filannoon pirezidantummaa US akkamiin hojjeta?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kan mo'atu nama guutummaa biyyattiirrraa sagalee caalu argate miti. Dubbiin akkas osoo hin taane, kaadhimamtoonni lamaaniyyu dorgommii isteetiiwwa 50 hunda keessatti mo'achuudhaaf dorgomu.
Tokkoo tokkoon isteetii ammoo sagalee 'illektoraal kollejji' jedhamu kan gariin baayyina ummataarratti hundaa'u lakkoofsa ta'e qabu.
Waliigalaan kan kaadhimamtoonni irratti dorgoman 538 ta'u. Kanaaf, kan mo'atu kaadhimamaa 270 ykn isaa ol argatedha.
Isteetiiwwan lamarraa kan hafe hunda isaanii isa mo’atetu sagalee hunda fudhata seera jedhu qabu.
Kanaaf, kaadhimamaa sagalee olaanaa argate kamiyyuu sagalee ‘illektoraal kolleejji’ kutaa biyyattii hunda ni badhaafama.
Kutaaleen biyyaa baay’een isaanii gara dhaaba tokkotti ykn isa kaaniitti baay’ee kan hirkatan waan ta’eef, yeroo baay’ee xiyyeeffannaan kutaalee biyyattii kudhan ykn sanaa ol ta’an kan isaan keessaa tokko injifachuu danda’u irratti ta’a. Isaan kun dirree waraanaa ykn swing states jedhamuun beekamu.
Kaadhimamaa tokko akka biyyaatti sagalee baay'ee argachuun ni danda'a - akkuma Hilaarii Kilinton bara 2016 argatte - garuu ammas ‘illektoraal kolleejji’ filannootiin mo'amuun ni danda'ama.

Filannii pirezidantii US keessatti eenyuti filachuu danda'a?
Filannoo pirezidantii US keessatti lammileen biyyattii harki caalan umuriin isaanii waggaa 18 fi isaa ol ta'e sagalee kennanii filachuudhaaf ulaagaa ni guutu.
Noorz Naakotaa irraa kan hafe isteetiiwwan hundi osoo sagalee kennanii hin filatiin dura namoonni galmaa'uu qabu.
Isteetiiwwan adeemsaafi guyyaa dhumaa galmee namoota filatanii ofii isaanii ni qabu.
Lammileen US biyya hambaa jiraatan filachuudhaaf galmaa'aanii bakka qaamaan argamuu hin dandeenyetti ammoo saanduuqa filannoo karaa poostaa akka isaaniif dhiyaatuuf Federal Post Card Application (FCPA) jedhu guutuun gaafactu.

Sadaasa keessa kan biroo eenyufaatu filatamu?
Qalbiin hunduu filannoo pirezidantiitiin eenyu mo'ate kan jedhurra ta'a.
Garuu lammileen miseensota Kongirasii haaraa - bakka seerri itti ragga'u - yeroo waraqaa filannoo isaanii guutanis ni filatu.
Kongirasiin Mana-maree Bakka-bu'oota Ummataa teessuma 435 irratti dorgomaniifi Seneetii teessuma 34 dorgommiif banaa ta'u qabata.
Yeroo ammaa kana Rippabilikaanonni Mana-maree Bakka-bu'oota Ummataa kan karoora baasii dhiyeessuu danda'u dhuunfatanii jiru. Warri Dimokiraatotaa ammoo Seeneetii kan muudamawwan aangoo mootummaa ijoo irratti sagalee kennan qabataniiru.
Dameen kunneen lamaan yoo tokkoo isaanii keessaa paartiin to'atu Pirezidanticha waliin waliigaluu dideef seerawwan baasuun karoorawwan Waayit Hawus irratti ejjennoo qabachuun madaallii isaa kan eeggate taasisu.

Filannoo eenyu akka mo'ate yoom barra?
Yeroo baayyee abbaan mo'ate guyyuma filannoon gaggeeffame galgala barama. Garuu bara 2020 sagalee hunda lakkaa'uudhaaf guyyoota muraasa fudhateera.
Yoo pirezidantiin jijjiramu jiraateef yeroon filannnoo booda jiru 'Yeroo ce'umsaa' jedhama.
Kun ammoo bulchiinsi haaraan ministiroota kaabinee muudachuufo bara aangoo haaraatiif karoora baafachuuf gargaara.
Pirezidantiin filatame seeraan kakuu raawwatee aangoo kan fudhatu Amajji keessa qophii 'Eebba' jedhamu fuullee gamoo Kaappitol, Waashingitan DC keessatti argamurrattidha.














