Tiraamp yoo filame dhuguma baqattoota miiliyoona tokko hari'uu danda'aa?

Baqattoonni hedduun akka hari'aman duula filannoo Tiraamp irratti dhagahuun baramaadha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Baqattoonni hedduun akka hari'aman duula filannoo Tiraamp irratti dhagahuun baramaadha

Pirezidantiin duraanii US Doonaald Tiraamp, kan amma pirezidantummaaf dorgomaa jiru, yoo filame baqattoota eeyyama jireenyaa seera qabeessa hin qabne hedduu hari'uun karoorasaa ijoo akka ta'e ibseera.

Tiraamp baqattoota US keessa seeraan ala jiraatan meeqa akka hari'u lakkoofsaan hin ibsine, garuu itti aanaasaa ta'uun kaadhimee kan jiru JD Vance gaaffii fi deebii ABC waliin taasise keessatti lakkoofsa eere qaba.

''Miiliyoona tokkorraa yaa eegallu,'' jedhe. ''Kamaalaa Harriis kana raawwachuurratti kufteetti. Kanaaf nutimmoo itti fufnee milkeessina.''

Qondaalli siyaasaa warra Rippaablikaan kun ejjennoo kana duula filannoo Tiraamp irratti bal'inaan calaqqisiisus, xiinxaltoonni seeraa garuu baqattoota hanga kana US keessaa hari'uu ilaalchisee gama seeraa fi hojiirra oolmaasaan qormaati guddaan akka mudatu ibsaa jiru.

Quuqamtoonni mirga namoomaa damee imgireeshinii gamasaaniin baqattoota hari'uun maatii kan diiguu fi walitti hidhamiinsa hawaasaa kan jeequ akkasumas hawaasa US keessatti ijaarame diiguu kan danda'uudha jechuun mormii dhiheessan.

Qormaanni gama seeraan jiru maali?

Ragaan Damee Nageenya Biyya keessaa fi jaarmiyaa qorannoo Pew jedhamuun dhiheenya kana ba'e akka mul'isutti yeroo ammaa baqattoonni eeyyama jireenyaa hin qabne miiliyoona 11 ta'an US keessa jiraatu.

Hedduunsaanii waggaa dheeraa warra jiraatan. Afur-shanaffaa kan ta'an kanneen waggaa 10 ol jiraatanidha.

Baqattoonni waraqaa seera qabeessa malee US keessa jiraatan hari'amuu [gara biyya irraa imalaniitti deebifamuu] dura dhimmi isaanii mana murtiitti akka ilaalamu mirga guutuu qabu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanaafuu baqattoota hedduu hari'uun dhimmi baqattootaa mana murtiitti akka heddummaatu taasisa. Kunimmoo adeemsa seeraa biyyattii keessatti dhiphinaa fi muddama uuma.

Baqattoonni adeemsa hari'amuu keessa galan hedduun dhimmisaanii Immgireeshinii fi Gumruuka- Immigration and Customs Enforcement (Ice) jedhamu bira osoo hin ga'in seera raawwachiistota naannoo qofaan raawwatama.

Inumaa magaalonni gurguddoon US akkasumas bulchiinsonni tokko tokko poolisiin naannoo Ice waliin akka hin hojjenne dhorkaniiru.

Bulchiinsotaa fi magaalota baqattoota eeyyama jireenyaa seera qabeessa hin qabneef haala mijeessuuf seerota akkanaa baasan irratti tarkaanfii akka fudhatu gareen duula filannoo Tiraamp ibseera.

Dhaabbata Immigireeshinii (Ice) fi aanga'oota bulchiinsota US giddduutti qindoominni uumamu, baqattoota jumlaan hari'uuf akkaan murteessaa ta'uu, Jaarmiyaa Imaammata Baqattootaa (MPI) teessoon isaa Washingtan ta'etti xiinxaltuu imaammataa kan taate Kathleen Bush-Joseph himte.

''Yoo qindoominaan hojjechuun qaamolee seera hojiirra oolchan bira jiraate Immigireeshiniin salphaatti baqattoota mana hidhaatii baasuu danda'a. Manarra deemuun baqattoota walitti qabuun hin barbaachisu,'' jette.

Baqattoota hedduu hari'uun gama loojistikiin dhiibbaa akkamii uuma?

Aanga'oonni Ameerikaa baqattoota karaa seera qabeessa ta'een gara biyya isaan irraa baqataniitti deebisuu yoo barbaadanillee rakkoon loojistikii qormaata isaanitti ta'uun waan hin oolle.

Bara bulchiinsa Baayidan keessa baqattoonni seeraan ala hari'aman kanneen daangaarratti qabamaniidha.

Baqattoonni daangaarraa fageenyarrati qabamanii hari'aman kanneen yakka hojjetan yookiin nageenya biyyaalessaaf yaaddoo ta'an jedhamuun kanneen farrajamaniidha.

Bara bulchiinsa Tiraamp ammoo baqattoonni iddoo hojiisaaniitii qabamanii hari'amaa turan. Baqattoota eeyyama seera qabeessa hin qabne haala kanaan hari'uun biyyattii keessatti burjaajii uumeera.

Adeemsi kun waggaa sadi dhorkame.

Waggoota kurna darban baqattoonni seeraan alaa daangaa US irraa fageenyarratti to'atamuun hari'aman kuma 100 hin caalan.

Bulchiinsa pirezidantii duraanii Baraak Obaamaa gara jalqabatti ammoo baqattoonni kuma 230 ta'an hari'amaniiru.

''Waggaa tokko keessatti baqattoota miiliyoona tokko hari'uun qabeenya hedduu qisaasessa. Qabeenyi kanaaf barbaachisuyyuu hin jiru,'' jedhan mana maree Immgireeshinii Ameerikaatti daarektarri dhimma imaammataa Aaron Reichlin-Melnick.

Waajjiraaleen immigireeshinii fi bakka buutonni isaa kuma 20 ta'an akkasumas hojjettoonni gargaarsaa, duulli filannoo Tiraamp baqattoota eeyyama seera qabeessaa hin qabne miiliyoona tokko har'iuuf jiru hordofee ragaasaanii walitti qabuufiyyuu humnasaa qabaachuun ogeeyyii biratti shakkii uumeera.

Daarektarittin hojiin baqattoota gara biyyasaaniitti deebisuu (hari'uu) yeroo dheeraa kan fudhatuu fi walxaxaadha jedhan.

Baqattoonni eeyyama seera qabeessa hin qabne erga adda baafamanii to'annoo jala oolfamanii booda daanyaa immgireeshinii duratti dhiyaachuusaanii dura iddoowwan isaaniif adda baafaman keessa turuu qabu.

Dhimmi baqattootaa mana murtiin qabamee osoo murteen itti hin kennamin yeroo dheeraaf ture hedduu ta'uun adeemsa kana walxaxaa taasisa.

Baqattoonni Ameerikaa keessaa kan hari'aman murtee mana murtii booda, ammoo kanas ta'ee biyya baqattoota simatturraa qindoominni dippiloomaasii ni barbaachisa.

Tiraamp baqattoota hari'uu keessatti akka isa gargaaraniif eegdota biyyaalessaa yookiin waraana biyyattii akka hirmaachise ibseera.

Waraanni Ameerikaa dhimma baqattootaan walqabatee daangaa Ameerikaa fi Meksikoo irratti qofa daangeffamee tureera.

Tiraamp baqattoota hari'uuf waraana yookiin humnoota nageenyaa bulchiinsota biyyattii hirmaachisuun ala karoorri kun akkamiin akka raawwatu bal'inaan hin ibsine.

Tiraamp gaazexaa Taayimsi waliin gaaffii fi deebii taasise keessatti iddoowwan qubannaa baqattootaa haaraa akka ijaarsisu ibseera.

Dabalataan poolisoota fi aanga'oota bulchiinsota baqattoota hari'uu keessatti hirmaataniif maallqa onnachiistu nan kenna yeroo jedhus dhagahameera Tiraamp.

Baqattoonni jumlaan hari'amanii beekuu?

Bulchiinsa Tiraamp jalatti baqattoonni miiliyoona 1.5 ta'an hari'amaniiru.

Bulchiinsi Baayidan ammoo hanga ammaatti baqattoota miiliyoona 1.1 hari'eera.

Yeroo Baayidan itti aanaa turan bara bulchiinsa Baraak Obaamaa marsaa lamaanuu keessa baqattoonni miiliyoona sadi caalan Ameerikaa keessaa hari'amaniiru.

Kanarraa ka'uun quuqamtoonni mirga namoomaa Baraak Obaamaan qondaala US baqattoota hedduu hari'edha jechuun qeeqan.

Bara 1954 baqattoonni miiliyoona 1.3 ta'an Ameerikaa keessaa jumlaan akka ba'an taasifamaniiru.