Baayidan adeemsa Tiraamp hordofuun baqattoota Meeksikootti ittisuu isaaniin akkaan qeeqaman

Baqattoota Daangaa karaa Meksikoon jiran

Madda suuraa, Getty Images

Pireezdantiin US Joo Baayidan baqattootaaf hanga haalli mijatutti Meksikoo keessa akka turan murteessuun imaammata bara bulchiinsa Tiraamp itti fufsiisuu isaaniitiin akkaan qeeqamaa jiru.

Gareen baqattoota bakka bu'an akka jedhanitti Meksikoo keessa turuun yakkaa fi hookkara naannoo kaampiiwwaniitti kan babal'isuudha

Pireezdant Baayidan kanaan imaammati baqattoonni akka Meksikoo turan ajaju kun madaala kamiinuu dhala namaaf kan hin taanedha jechuun hambisanii turan.

Amma garuu imaammati kun akka itti fufee hojiirra oolu manneen murtii ajajaniiru.

Mootummoonni US fi Meksikoo karoora kana keessa deebi'anii akka ilaalan mirkaneessaniiru.

Pireezdantiin duraanii US Doonaald Tiraamp baqattoota karaa daangaa Meksikoo gara US dhufan ilaalchisuun imaammata 'Meksikoo yaa turan' jedhu baasanii hojiirra oolchaa turan.

Imaammati kun Pirotokoolii Eegumsa Baqattootaa (Migrant Protection Protocols) kan jedhamu yoo ta'u, karoora kana jalatti baqattoonni 60,000 caalan hanga iyyannoonsaanii xumuramutti Meksikoo akka turan ajaja.

Baqattoonni ji'ootaaf wayita Meksikoo keessa turan namoota qindaa'anii yakka raawwataniin dararaan irra ga'a.

Akka gabaasa dhaabbata tola ooltotaa-Human Rights First-jedhamuutti yakkoonni akka ukkaamsamuu, gudeeddii, dararaa suukanneessaa fi kaan 1,500 caalan baqattoota Meksikoo keessa akka turan dirqamsiifaman irra ga'eera.

Koolu-galtoota Meksikoo irraa US seenuuf jedhan, daangaa El Chaparral irratti, Sadaasa 8, 2021

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Koolu-galtoota Meksikoo irraa US seenuuf jedhan, daangaa El Chaparral irratti, Sadaasa 8, 2021

Pireezdant Baayidan karoora kana akkuma aangoo qabataniin haqanii turan.

Kunis imaammata balaafamaa hoogganaan duraanii godaantota irratti qabaachaa turan akka fooyyessuu ture.

Waxabajjii darbe ture Qondaalli dhimma Nageenya Biyya Keessaa Alejandro Mayorkas imaammati kun haqamuu kan mirkaneessan.

Hagayya keessa ammoo Abbaan Murtii Mana Murtii Federaalaa kan Tiraampiin muudaman, imaammatichi qixa sirrii hin taaneen haqame jechuun akka deebi'u hojjechuu eegalan.

Bulchiinsi Joo Baayidan murteen kun akka ilaalamee sirratuuf ol-iyyachaa tureera.

Dubbi Himtuun Waayit Haawus Kamisa kaleessaa ibsa kenniteen, pireezdant Baayidan waa'ee baqattoota kunneenii ilaalchisee sagantaan ture kun ''dhala namaa gatii hin taane kaffalchiisa'' ilaalcha jedhurratti cichanii jiru jette.

''Akkasumas ammoo nuti yeroo hundaa seera hordofuu fi hojiirra oolchuutti amanna,'' jette.

Sagantaan kun dhimma baqattootaa ilaalchisee yaaddoo Meksikoon qabdus ilaalcha keessa galchuun, baqattoonni yoo baay'ate ji'oota ja'a caalaa akka achi hin turree fi yeroo kana keessatti iyyati isaanii akka xumuramuufitti mijatee jira.

Fooyya'iinsi sagantaa kun torbee dhufurraa hojiirra kan oolu yoo ta'u, innis baqattoota gara Teksaas fi Kaalifoorniyaa seensisuun eegala jedhameera.