US imaammata godaantotaa bu'uura irraa jijjiiruu qabdi jette Meeksikoon

Madda suuraa, EPA
Pirezidaantiin Meeksikoo Andirees Manu'eel loopez Obrador wayita tuutni godaantotaa gara Meeksikoo fi US imalaa turan Guwaatamaalaatti ugguramanii jiranitti US imaammata godaantotaa bu'uura irraa fooyyessuu akka qabdu akeekkachiisan.
Pirezidaant Looppez Obrador yaada kanarrati waliigaluun Meeksikoo fi biyyoota waliin ta'uun ni hojjetu jedheen abdadha jedhan.
Tuutni godaantotaa 7,000, hedduunsaanii Honduraas irraa baqachuun kan himamu, Guwaatamaalaa galanii ugguramanii jiru.
Godaantonni kunneen jalqaba Meeksikoo seenanii isa booda daangaa US seenuuf kan karoorfatan turan.
Baqattoonni kumaan lakkaa'aman waggaa waggaan Giddu-gala Ameerikaa irraa gara US godaanu, hedduunsaanii lukaan tuuta tuutaan imalu.
Godaantonni kunneen dararaa, haleellaa fi hiyyummaa dheessuun biyyasaanii akka gadi dhiisanii baqachuuf dirqaman himu.
Yeroon ammaa baqattoota kanaaf yeroo hamaa ta'uu kan himan Pirezidaant Looppez Obrador yeroon US imaammatashee bu'uura irraa fooyyessuu qabdus amma jedhan.
''Yeroon US godaantotaaf birmachuu qabdu amma. Imaammata godaantotaa fooyyessuun kutannoo agarsiisuun yeroonsaa amma. Kunimmoo ni ta'a jennee abdanna. Pirezidaantiin haaraa filataman Joo Baayidan wayita duula filannoo gaggeessaa turan dhimma godaantotaa irratti rifoormii cimaa fiduuf waadaa seenanii turan. Waadaa sana amma hojiitti hiiku jennee abdanna'' jedhan.
Guwaatamaalaa ganda Vado Hondo jedhamtu keessatti walitti qabamanii kan jiran baqattoonni 4,000 ta'an poolisootaan dararamaa jiru
Poolisoonni godaantota ofduuba dachaasuuf jecha gara kallattii biyya Honduraasitti humnaan oofaa jiru.
Godaantonni hookkara kanaan faffaca'anis, bakkuma jiranii poolisootatti dhakaa darbatu, poolisoonni ammoo gaazii nama imimmaanessuun dararu.

Madda suuraa, EPA
Godaantonni kunneen erga Sambata darbeetii boodatti akka deebi'aniif poolisootaan ittifamaa jiru.
Godaantonni ammoo gamasaaniin daandii guddicha irra dhufan cufuun rakkoo tiraafikaaf naannocha saaxilaa jiru.
Baqattoota keessaa kanneen gurmaa'anii tuutaan daangaa cabsanii poolisoota didanii darbuuf yaalan humnootii nageenyaan walitti bu'aniiiru.

Madda suuraa, Thousands of people attempting to make their way t
Aangoonsaanii kan goolabamaa jiru Pirezidaant Doonaald Tiraamp seera jabaa ittiin godaansa seeraan alaa dura dhaabbatan qabaachuun beekamu.
Keessattuu daangaa US karaa kibbaatiin daangaa Meeksikoo irratti seera jabaa kaa'atanii turan.
Biyyoonni giddu gala Ameerikaa kanneen akka Meeksikoo, Guwaatamaalaa fi Hinduuraas godaantota seeraan alaarraan dhiibbaa akka ga'aniifis dirqamsiisaa turan.
Pirezidaantiin haaraa filataman Joo Baayidan ammoo imaammata godaantotaa kana hundeerraa fooyyessuuf akka karoora qaban ibsaa turan.
Roobii borii (Amajjii 20, 2021) waajjira seenuun hojii eegaluuf kan jiran Baayidan, bara bulchiinsa isaanii imaammata godaantotaa fooyyessuuf waadaa galanis, garuu imaammati guyyaa tokkoon waan hojiirra hin oolleef godaantonni yeroof gocha kanarraa of-qusachuu qabu jechuun dhaaman.
















