Godaantota: Tiraamp walii galtee haaraaf haal-dureewwan kaa'an

Madda suuraa, Reuters
Pireezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp akka jedhanitti haal-dureewwan godaantotaa lafa kaa'an godaantota dargaggoo eeyyama hojii Amerikaa keessa hin qabne ilaallata.
Obbo Tiraamp lammiilee eeyyama jireenyaa hin qabne biyyaa baasuun akka cimee itti fufuu fi qondaaltota waajjira godaantotaa haaraa kuma hedduu ta'an akka mindeeffamman gaafataniiru.
Ji'a darbe pireezidaantiin Ameerikaa kuni imaammata godaantotaa Afaan Ingiliziin Daca jedhanii fi lammiileen eeyyama malee Ameerikaa seenan yookiin seeraan ala achi keessa jiraatan eeyyama yeroo yeroon haromfamuun haa jiraatanif bahe akka hafu murteessani ture.
Imaammati kun lammiilee kuma 800 ol jiraachisaa turuun ni beekama.
Pireezidaant Tiraamp Fulbaana A.L.A bara 2017 Kongireesii Ameerikaa fuuladura dhiyaatani godaantota gargaaruuf imaammata haaraa akka fidan dhaamani ture.
Pirooppozaalli isaan dhiyeessan garuu qondaaltonni dhaaba siyaasaa Dimookraatotaan haalaan mormani ture.
Haal-dureewwan Waayit Hawuusin Dilbata kaleessaa Kongirasii Ameerikaaf dhiyaatan waan gaafatan keessaa:
- Daangaa Meeksiikoo irratti dallaan akka ijaaramu
- Qondaaltonni waajjjira godaansaa fi galii 10,000 akkasumas abukaatoowwan 1,000 akka mindeeffaman
- Abbootiin seeraa godaantotaa 370 fi abbootiin alangaa federaalaa 300 akka mindeeffaman
- Godaantonni maatii isaanii gara Ameerikaa akka hin finne dhorkuu gaafachuu fi
- Dhaabbileen sagantaa dijitaalaa I-Verifaay jedhamu fayyadamuun godaantota seeraan ala hojii dhorku gaafataniiru
''Haal-dureewwan kunneen namoonni imaammata godaantotaan fayyadaman rakkina seeraa fi diinagdee booda dhufu hanqisuu dandeessisa,'' jedhan daarektarri dhimmoota seeraa pireezidaant Tiraamp Maark Shoort.
Sagantaan godaantotaa Afaan Ingiliziin Daca jedhani waamani yeroo bulchiinsa pireezidaantii Baaraak Obaamaa A.L.A bara 2012 kan bahe yoo ta'u godaantota dargaggoo keessumaa lammiilee Laatiin Ameerikaa Ameerikaarraa akka hin baafamne dhorka ture.
Sagantaa kanaan godaantonni hojiis ta'e barumsa kan baratan yoo ta'u qeeqxonni imaammata kanaa garuu godaantota seeraan alaa akka dhiifama gochuufitti ilaalu.












