Uggura Ameerikaa: Lammiileen Kooriyaa Kaabaa, Chaadii fi Venezuweelaa itti dabalaman

Ameerikaan seera wal dhabsiisaa lammiilee biyya ishiitti akka hin seenne ugguruttii Kooriyaa Kaabaa, Venezuweelaa fi Chaad dabalte.
Mootummaan Ameerikaa akka jedhetti murteen kuni mootummoota biyya alaa kaan waliin mari'atameeti murtaa'e.
Pireezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp Dilbata waaree booda labsii baasan.
''Nageenya Ameerikaa eeguun hojii dursa kennu dha. Warra sirriitti qorachuu hin dandeenye biyya keenyatti galchuu hin feenu, '' jedhan Tiraamp.
Biyyoonni haaraa sadii biyyoota shanan duraan ugguramanittii dabalaman. Biyyoonni duraa: Iraan, Liibiyaa, Sooriyaa, Yaman, fi Somaaliyaa dha. Labsiin haaraa garuu isa Sudaan dhorke ture irraa kaaseera.
Seerri ugguraa pirezidaant Tiraamp duraa biyyoota musliimni baay'atu irratti waan xiyyeeffateef baay'ee wal dhabsiisaa ture. Inumaa 'uggura musliimaa'' akka jedhamu taasiseera.
Seerri suni dhimmoota seeraa kan kaasee fi mormii ummataa kan dhaqqabsiise yoo ta'u, manni murtii olaanaa baatii kana lammata deebi'e ilaaluuf jedha.
Dhaabbanni mirga namoomaa Waldaa walabummaa siiviilii Ameerikaa jedhamu akka jedhetti seerri dhiheenyaa ''ajajni bulchiinsa Amerikaa ammas uggura musliimaa ta'uu isaa hin dhoksuu '' jedha.
Labsiin pireezidaantii haaraa dhimmoota hedduu jijjiira jedhame eegamu hagam dhimmi seeraa duraan ka'ee irratti dhiibbaa akka fidu ammaaf ifa miti.
Kooriyaan Kaabaa fi Venezuwelaan dabalamuun isaanii biyyoonni tarreeffaman baay'inaan musliima jechuu akka hin taane agarsiisa.
Ulaagaan ugguraa murtaa'e addeemsa qorannoo, wal-ta'umsa, akkasumas uggurri kuni biyyaa biyyattii adda akka ta'u ta'eera.
Waayit Haawusin akka jedhetti Kooriyaan Kaabaa ''gama kamiinuu'' Ameerikaa waliin wal ta'uu kan diddee fi waan irraa eegamu mara kan gochuu dhabde waan ta'eef - lammiin ishii kamiiyyuu Ameerikaa akka hin seenne dhorkameera.
Farra gooltummaa irratti Chaad michuu Ameerikaa taatuus odeeffannoo goltummaaa akkasumas kaan kan Amerikaan feetu waan qooduu dhabdeef viizaan tuuristii fi daldalaa lammiilee ishiif hin kennamu.
Venezuweelaatti qondaaltota mootummaa muraasaafi miseensa maatii isaaniitu dhorkame. Amerikaan dhiyeenya qoqqobbiin diinagdee Venezuweelaa irratti kan keesse yoo ta'u ''lammiileen ishii rakkoo nageenyaa ykn ummataa ta'uu akka qorattuuf '' gaafatamnaan Ameerikaa waliin wal ta'u didde.
Dabalataanis, lammiilee ishii Ameerikaa irraa ugguraman biyyatti fudhachuu waan dhabdeef murteen kana dabarsani.
Waayit Haawus akka jedhetti labsii haaraa kana irratti Iraaqillee ulaagaa kana guutuu dhabduus'' wal ta'umsa cimaa Amerikaa waliin waan qabduuf'' akkasumas Islaamik Isteet waraanuu irratti waan gargaartuuf biraa hafte.
Uggurri kuni A.L.A Onkololeessa 18 kan hojiirra oolu yoo ta'u, namoota viisaa qabaniirratti dhiibbaa akka hin qabaanne Waayit Haawus beeksiseera.












