Meeksikoo: Daddabarsiitoota qoricha sammuu hadoochuun poolisoonni 14 ajjeefaman

Madda suuraa, AFP/Getty Images
Walitti dhukaasa daddabarsiitoota qoricha sammuu hadoochuufi poolisoota gidduuttii Lixa Meeksikootti ta'en, poolisoonnii 14 ajjeefaman.
Poolisoonnii naannoo El Aguaje jedhamutti waraqaa mana murtiirrraa shakkamtoota to'achuuf barraa'e qabatanii osoo konkolaatan deemanii haleelaman.
Gareen yakkamtootaa maqaa 'the Jalisco Nueva Generación Cartel' jedhamuun beekamu, haleellaa kana raawwachuu hin oolu jedhameera.
Aanga'ootni akka jedhanitti qorannoon eenyummaa namoota kanaa saaxilu qindaayee seeratti ni dhiyaatu.
Naannichi walitti dhukaasa gareelee qoricha sammuu namaa hadoochu daldalanii fi nagaa eegdota gidduutti uumamuun beekama.
Pireezidantiin biyyattii Andrees Maanu'eel Lopeez Obraadoora, Mudde darbe erga aangoo qabatanii as yakka qorciha sammuu hadoochu waliin walqabatu ittisuurratti hedduu xaaraniiru.
Konkolaataan poolisoota kan haleelame hidhattootaa meeshaalee gurguddoo hidhataniin akka ta'eefi konkolaataan polisootaa dhakaasaan gubachuu gabaasonni himaniiru.
Haleellaa kanaan Poolisoonnii 14 lubbuu dhabanii, sadii ammoo madaa'aniiru.
Magaalli haleellaan kun itti raawwatame, El Aguaje, gareelee yakka qoricha sammuu hadoochuu dursan lama gidduuttis dhibdee fi dorgommii jiruunis tasgabbii dhabdi.
Ergaan haleellaawan kana booda bakkichatti argame akka agarsiisuttu ajjeechaan kun kan raawwatamee garee lameen keessaa isa tokkoo (Jalisco Nueva Generación Cartel) ta'uu akeekeera.
Hoogganaan garee ajjeechaa kanaan shakkamee torbee tokko dura Poolisoota naannichaan ajjeefameera.
Mootummaan yakka qoricha sammuu namaa hadoochuun walqabatu hambisuuf duulaa kan jiru ta'uus, bara darbe qofa ajjeechaan 29,000 ta'u galmaaheera. Kunis seenaa biyyattii keessatti isa guddaadha.
Kan bara kanaa ammoo saniyyuu caaluu malaa jedhamaa jira.














