Namichi qoricha sammuu hadoochu ykn kokeenii 246 liqimse xiyyaara irratti du’e

Madda suuraa, Getty Images
Lammiin Jaappaan balalii xiyyaaraa Meeksikoo irraa ka'e xiyyaara gubbaatti du'e.
Namichi kuni qoricha sammuu hadoochu ykn kokeeyin kan jedhan 246 guduunfamte liqimsee ture.
Balaliin Jaappaan Buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Naaritaa qubachuu qabu kuni namichi gaggabe jennaan achuma bulchiinsa Sonoraa Meeksikoo argamtutti qubateera.
Qondaaltonni akka jedhanitti namichi maqaan isaa Udo N jedhamu qoricha sammuu hadoochuu baay'ise waan fudhateef du'u danda'eera.
Namichi du'e kuni balalii isaa magaalaa guddoo Kolombiyaa Bogota irraa ka'eeti isa Meeksikoo irraa ka'utti kan ce'e.
Akka abbaa alangeen Sonoraa ibsa baaseen gudunfaa qoricha takkattiin 2.5cm kan dheeratuufi 1cm kan bal'atu garaacha keessa argameera.
Imaltoonni 198 hafan magaalaa Hermosiloo erga qubatan booda imala isaanii itti fufaniiru.
Qondaaltonni federaalaa Meksikoo qorannoo kana kan gaggeessan ta'a.














