Barnoota Itoophiyaa: 'Araadni waraana dargaggoota irratti labsameedha'

Madda suuraa, Getty Images
Barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo garaa garaa keessatti baratan tokko tokko, wayita barnootasaanii xumuranii bahaniitti ykn osuma barataa jiranuu araadoota adda addaatiif akka saaxilaman ogeeyyiin ni dubbatu.
Haalli akkasii kunis dargaggoota humna oomishtummaa keessatti argamanii fi egeree biyyaa harkaa qaba balaawwan fayyaa, diinagdeefi hawaasummaa garaa garaatiif saaxiluun miidhaa olaanaa geessisa.
Nutis dhimmooti barattoota ykn dargaggoota kanneen araadaaf saaxilamtota taasisuu maal fa'i jechuun Dr Kumsaa Doonis, Yunivarsitii Saayinsii fi Teknolojii Adaamaatti Barsiisaa Saayikolooji akkasumas Diinii Barattootaa dubbifneera.
Dr Kumsanis waa'ee lakkoofsi dargaggootaa araadaaf saaxilamanii akkuma biyyaattuu dabalaa dhufuunsaa akka yaachisee BBC'tti himaniiru.
''Ani rakkinni araadaa akka waraana dargaggoo irratti labsameettan ilaala. Kunis sababii dargaggooti amma barnoota sadarkaa lammaffaafi yunivarsitii keessa jiran oggantootaa fi eegeree biyyattii boruu ta'aniifuu, dhimmichi yaachisaadha.
Dargaggoonni haala gaariin yoo hinguddane ammoo, rakinnichi rakkina biyyattii isa olaanaa ta'u danda'a,'' jechuun yaaddoo dhimmichaaf qaban ibsu.

Madda suuraa, ASTU Official
Dargaggoonni araadawwan akka caatii qama'uu, qorichoota sammuu hadoochu fayyadamuufi kanneen kana fakkaataniif kan saaxilaman yunvarsitoota waan galaniif osoo hintaane, magaaloota gurguddoo biyyaatti hedduu keessatti babal'ataa kan jiru waan ta'eef, dhimma biyyaa isa yaachisaadha jedhu Dr Kumsaan.
Haa ta'u malee, gama barattoota yunivarsiiti argaman ilaaluun, saaxilama isaanitiif sababoonni hedduun jiraachuu himu.
Fakkeenyaaf Yunivarsitiin Saayinsiifi Teeknooloojii Adaamaan (ASTU) kan argamu maagaalaa keessatti waan ta'eef, daldaltoota wantoota barattoota araadaa adda addaatiif saaxilan dhiyeessaniin kan marfame ta'uu dubbatu.
Daldaltoota dhiheenya yunivarsitichaatti argaman malees akkasuma magaalicha keessa bakka hedduutti namoonni waantoota kanneen daldalan waan jiraniifuu, saaxilama barattootaaf gumaateera yaada jedhu qabu.
Manneen daldalaa yunivarsiticha marsanii jiran kaasuuf sochiin yeroo adda addaatti taasifamulleen walitti fuufiinsa waan hinqabneef dhaabdiisuun hindanda'amne jedhu.
''Haa ta'u malee namni araada qabuuf fageenyi akka hindaangeessine beekamaadha'' kan jedha Dr Kumsaan, walumaa gala akka magaalaa Adaamaa fi akka biyyaatti dhimma kanarratti hojachuun barbaachisaa ta'us ni himu.
Kana malees, umuriin barattootaa mataansaa yeroo itti waan hunda yaalamu ta'unsaa saaxilamtoota isaan taasiseera jedhu Dr Kumsaan.
Miirrii fi umuriin alattis dhiibbaan hiriyyootaa, keessattu kan aaraadan qabamanii, isaan duraan yaalanii hinbeekne akka eegalaniif ka'umsa akka ta'u kan himan oggeessi kun, kanaafis hiriyyaa waliin olamu adda baasuun falli fala jedhu.
Dargaggoonni sababii 'gammachu argachu' ykn haaluma cimina barnootaan walqabatees 'barnoota qo'achuuf' nu gargaara jechuun eegalanii booda garuu keessa bahu dadhabuun jireeenya hintaaneef saaxilama akka jiranillee ni eeru.

Madda suuraa, AFP
''Hunda caalaas barattoonni yunvarsitii galan kan yeroo itti to'annaa maatii jalaa 'bilisa' bahan waan ta'eef, waantoota kana dura raawwatanii hinbeekne yaaluuf carraa bal'aa argatu. Haala kanaanis saaxilamtoota araadaa ta'u malu'' jedhaniiru.
Walumaagalatti, barattoonni hundi erga yunivarsitii galanii booda araadaaf saaxilamuu malu jechuun miti.
Ijoolleen hedduu haalawwan kannee hunda keessatti of eeggachuun kaayyoo galaniif galmaan gahachuun heebbifamaa jiru jedhaniiru.
Garuu rakkina kana waljalaan hir'isuun fayyummaa barattootaa mirkanneessufis, yunivarsitiin saayinsii fi teeknikaa Adaamaa koree miseensota poolisii fi hawaasaaa hammate tokko dhaabuun hojjachaa jiraachu dubbatu.
Haa ta'u malee dhimmoota hin gutamiin hafaniin walqabatee jiddugalli bayyanachisuu saaxilamtoota araadaa hojii akka hineegallee himan.














