El Chaappoo: Daldalaan qoricha sammuu hadoochu Meeksikoo hidhaa umurii gutuun adabame

Waakiin 'El Chaappo' Guuzman

Madda suuraa, EPA

Abbaan murtii Ameerikaa daldalaa qoricha sammuu hadoochu Joaquín 'El Chaappoo' Guzman irratti hidhaa umurii guutuufi waggaa 30 itti murteesseera.

Namni ganna 62, Guuzmaan, qorichaa sammuu hadoochuu daddabarsuufi dabarsa maallaqa seeraan alaa dabalatee himaanna 10 irratti dhiyaateen yakkamaa ta'uusa manni murtii federaala Niiw Yoork Guraandhala keessa mirkaneesseera.

Mana hidhaa Meeksikoo keessaa bolla qotuun bara 2015tti miliqee erga ba'ee booda, irra deebiin qabamee hidhame.

Bara 2017ttis Ameerikaatti dabarfamee kenname.

Hogganaa duraanii garee Sinaloa kan ture fi Ameerikatti qoricha sammuu hadoochan erguun isa dursaa akka ture qondaaltonni ni dubbatu.

Roobii mana murtii 'Brooklyn'tti Guuzman, hidhaan isaa Ameerikaa keessa ture 'dararaan' wal gita akka tureefi murteen irratti murtaa'e haqa akkan hin qabne dubbateera.

Hidhaan umurii guutuu murtee Guuzman irratti murta'ee keessaa isa gad aanaadha.

Himannaa meeshaa waraanaa karaa seeraan alaa fayyadamuuf dabalata hidhaan waggaa 30 irratti murtaa'era.

Dabalataaniis adabbiin qarshii doolara Ameerikaa biiliyoona 12.6 itti murtaa'eera.

Abbootiin alangaa Guuzmaan jireenya isaa mana hidhaa Kolaraadotti 'sibiila hedduu' duuba dabarsa jedhaniiru.

Abukaatoon Guuzmaan, Jefarii Lichimaan murtee kenname irratti deebisee iyyata akka galchu beeksiseera.

Fakkii Guuzman

Madda suuraa, Reuters

Himannaa irratti dhiyaatan keessaa:

Shamarraan ganna 13 ta'aniif qoricha sammuu hadoochu laachuun guudedaa akka ture.

Namni tokko yeroo Guuzmaan nama sadii ajjeesu arguusaa ragaa itti ba'eera.

Eegaasaa kan ture Isaayas Valdeez Riwoos namootni lama gartuu daldaltoota qoricha sammuu hadochuutti wan dabalamaniif Guzmaan hanga isaan 'bututanitti' isaan reebera jedheera.

Sana boodas adda isaani rasaasaan rukutee erga ajjeesee booda, reeffi isaani ibiddatti akka darbatamu godheera jechuun ragaa itti ba'eera.

Dabalataaniis durbii isaa magaalaati yeroo ba'uu ittin hime hafe Guuzman ajjeesisuu isaafi obboleessi hogannaa gartuu daldalaa biraa harka fuudhee waan isa hin dubbisneef isas ajjeesisuun himatameera.

Bara 2009tti qabeenya doolara biiliyoona 1tti tilmaamamuun Guuzman dureessootta addunyaa keessaa sadarkaa 701rra dha jechuun Forbes beeksisee ture.

Yeroo hedduu hidhaa miliqee ba'uufi dhokachuun kan beekamu 'El Chappoo' dhumaratti dhukaasa dheeraa booda magaalaa Los Mochis keessatti to'annoo jala oole.

El Chaappoon eenyu?

El Chaappoon nama garee kaaba Meeksikootti qorichoota sammuu hadoochan daddabarsan Sinalo'aa jedhamu gaggeessaa ture.

Boodas warreen gara ameerikaatti qoriichoota kana daddabarsan keessa isa guddaa ta'e. Bara 2009'tti Guuzmaan tarree sooressoota addunyaa barruun foorbis baasu keessatti qabeenya doolaara biiliyoona tokkotti siiqu galmeessun sadarkaa 701 ffaa qabatee ture.

Daddabarsa qorichoota kanaan dabalataan morkattoota laaffisuuf garee hidhattootaa ijaaruun ajjeechaawoon hibbaan lakkaawaman, buttaa fi gochoota dararaa biroo raawwachiiseera jedham.

Namoota isa waliin hojjechaa turan keessaa qondaalli waraanaa tokko irratti ragaa baheera.

ragaa baatotni biroon El Chaappoon namoota sadii wayita ajjeesu argineerra jechuun mana murtiit himaniiru.

Pireezidantii biyyattii duraanii Eneriikee Penaaniyaatoof matta'aa doolaara miiliyoona 100 kenneeras jedhama.