Dureessa gibira paawundii 35.20 qofa kaffale

Firaank Timis

Madda suuraa, BBC Panorama

Dureessi jireenya qananii jiraachaa ture gibira paawondii 35. 20 (birrii 1278) qofa akka kaffale qorannoon BBC bira ga'eera.

Firaank Timis mana jireenyaa kiraa ji'atti paawondii 14,000 ( birrii 510,000) kaffalee jiraachaa, manneen nyaataa beekamoo Landan keessatti kumaatamaan baasaa ture.

Ta'us garuu bara 2017tti daldala isaa idil addunyaa irraa galii ga'aa hin arganne sababa jedhuun gibira dhuunfaa paawundii 35.20 qofa kaffale.

Abokaatoon Obbo Timis itti gafatamummaa gibiraa isaa hunda akka ba'e dubbata.

Ragaaleen BBC Panorama fi 'Africa Eye'f dhiyaatan Obbo Timis akkamiin akka kana gochaa tures ni agarsiisa.

Bara 2017'tti Obbo Timis kuusaa isaa biyya hambaan hogganuu irraa walumaa galatti kaffaltii paawondii 670,000 (birrii miliyooona 24.4) akka argate ragaaleen kun ni agarsiisu.

Kaffaltiiwwan kun gibiraa kan qaban turaniis Obbo Timis gibira kaffaluun dura garuu liqii gibirri itti hin kaffalamnetti geeddarsiisu isaa himameera.

Liqii kana seera qabeessa fakkeessufis waligaltee guyya darbeen hojeetameera.

Dhaabbata 'Tax Justice Network' irraa Joon Kiristansen, " Gochii kun gibira sassabdoota gowwomsuuf kan taasifame fakkaata. Akkas taanaan gochii kun kan duraan hojjetame wanta ta'eef yakka gibira hatuu waan ta'uuf qoratamuu qaba" jechuun Obbo Timis gibiraa kaffaluu hambisaa kan ture fakkata jedhaniru.

Ragaalee ba'an

Qorannoon BBC nama kusaa Obbo Timis hogganan waliin dhimma kaffaltii gibiraa hambisuu irratti haasofsiisera.

Filiip Kaaldwell walga'ii Siwizerlaanditti liqii guyyaa boodatti deebisanii hojjechuuf hogganaa waliigaledha jedhameera.

Mallattoon isaa waraqaa kanarra jiraatus wal ga'iin akka kanaa akka hin turrefi waraqaan kun sobadha jechuun " Mallatton irra jiru kiyyadha. Garuu walga'iin akkasii hin turre. Ani keessa hin jiru. Yeroo sanatti ani Siwizerlaand keessa hin turre" jedha Filiip.

Ragaleen kunObbo Timis bara 2016tti gibira galii UK'f tasumaan homaa akka hin kaffalle agarsiisa.

Daldalaan lammii Romaaniyaa kun falmii himmanaa akkanaaf haaraa miti.

Bara 1990'n keessa qoricha sammuu hadoochu heroyiin daddabarsuun himannaa lama qaba, akkasumas hojii albuuda baasaa Afrikaa irrattis inveestaroota boba'aan aragame jechuun sobeera himannaa jedhu qaba.