Biliyeenarri Ameerikaa Roobert F Ismiiz liqii barattootaa koolleejii kaffalan

Madda suuraa, Getty Images
Biiliyenarri inveestimantii teekinolojii irratti bobba'an, liqii barattoota Atilaantaa Joorjiyaatti barana eebbifaman nan kaffala jechuun gammachuu itti dabalaniiru.
Roobert F Ismiiz hojii tola ooltummaa isaatiin beekaman, koolleejjii dhiirota gurraachaa Morehouse jedhamutti gaafa Dilbataa haasaa taasisaa turan.
Barattootni 400 tahanis liqii doolaara miiliyoonaan lakkaa'amu ofirraa buusaniiru.
Barattootni eebbifamoo bara 2019fi barsiisonni isaanii waadaa isaan seenaniin dinqamuun harka walitti dhahaa turan.
Roobert F Ismiiz nama ganna 56 yoo tahan bara 2000tti dhaabbata waliinii sooftiweerii irratti hojjetu hundeessan, akka gabaasa Forbiisitti amma qabeenyi isaanii doolaara biiliyoona 5 taha.
''Labata maatii koo 8ffaa biyya kana keessa jiraatan bakka bu'uun, konkolaataa keessanitti boba'aa xiqqoo qicuu feene,'' jechuun barattootatti dubbatan dureessichi.
''Kuni kutaa kooti, maatiin koo immoo liqii barattoota kanaa kaffaluuf hojjechaa jiru,'' Jedhan.
Biiliyenarri digirii doktireetii fudhachuuf koolleejjichatti affeeraman qarshii miiliyoona 1.5 akka kaffalan waadaa seeneera.
Koolleejjichi barattoonni liqiin hangam akka irra jiru hin herreegne garuu hanga arjooma dureessichaan ol tahuu danda'a
Barattoonni maal jedhan?
Aroon Miitkoom dargaggeessa ganna 22 yoo tahu barnoota isaa faayinaansii hordofuuf doolaara 200,000 baase, akka kaffalameef gaafa dhagahe ni boo'e jechuun APn gabaaseera.
''Nan nahe, onnee koo rukutuu jalqabe. Hundi keenyiyyyuu ni boonye. Battala sanatti akka ba'aan sirraa bu'etti sitti dhagahama,'' jedhe
Pireezidaantiin koollejjichaa , ''arjoomni kun barattoonni abjuu isaanii bilisummaan akka hordofan isaan gargaara'' jechuun CNNtti himaniiru.














