Feesbuukiin fayyadamtoota biliyooona sadii maqaa sobaan fayyadaman uggure

Madda suuraa, Getty Images
Turtii ji'oota jaha keessatti feesbukiin fayyadamtoota eenyummaa sobaan fayyadaman biliyoona sadii ol ugguree jira. Kun ammoo isa kanaan duraarra caalama qaba jedhameera.
"Haasa jibbiinsa" miliyoona torba ta'u fuula feesbuukiirra haqamee jira. Kunis lakkofsa guddaadha.
Feesbukiinis yeroo jalqabaf, wantoota fuula isaarratti maxxafaman kan haqeefi irra deebiidhaan ilaalamanii kan maxxafaman akka ta'e ibsee jira.
"Gama kootiin dhabbaticha dhiisun rakkinna jiru fura jedhee hin yaadu" jechuun dubbata Maark Zuukarbarg.
"Milkaa'inni dhabbatichaa akka nuti sadarkaa guddaarratti maallaaqa keenya hojiirra oolchinu nu taasisee jira. Akka yaada kootti baajanni keenya sirna nageenyaarra oola...Gibira Tiwiitarii kan bara kanarra kan caalamaa qabuudha."
Eenyummaa sobaa
Feesbuukiin akka jedhetti lakkofsi eenyuma soba kan dabalaa jiruuf "namoonni waan badaa raawwatan" haala kanaan lakkoofsa guddaa argachuu waan barbaadaniif.
Daqiiqa muraasa keessatti osoo hin taane irra deddeebiyuun "namoota miidhuun" lakkoofsi deggertootaa argatan kun akka haqaman taasifamanii jiru.
Ammatti wantoota midiyaalee hawaasummaarratti maxxafaman kan akka gurgurtaa "meeshaalee seeraan alaa" akka qorichootaafi meeshaalee waraanaa ni argamu.

Madda suuraa, Reuters
Ji'oota jahan darban keessatti wantoota miidiyaa hawaasummarratti maxxafaman gurgurtaa meeshaalee waraanaarratti hirmaatan miliyoona tokkoo ol kan ta'aanirratti tarkaanfii fudhachuusaa ibsa.
Tamsa'ina
Qabiyyee muraasaa kan akka suura miidhaa sal-qunnamtii daa'imanii, jeequmsaafi olola shorokkeessummaarratti bahan feesbukiirratti heddumminaan namootaan akka ilaalaman gabaasni ni agarsiisa.
Akka gabaasni ibsutti qabiyyeen 10,000 feesbuukiirratti ilaalaman:
- namoota 14 gad ta'an namoota qullaa jiran kan ilaalan
- namoonni naannoo 25 ta'an jeequmsa ilaalu
- namoonni sadii gad ta'an miidhaa daa'imanii ykn olola shorokkeessummaa ilaalu
Walumaa galatti ji'atti fayyadamtoonni %5 ta'an eenyummaa sobaan kan fayyadamaniidha.
Iyyannoo
Yeroo jalqabaatiif ji'a Fulbaanafi Sadaasa bara 2019 keessatti iyyannoowwaan miliyoona tokkoo ol ta'an kan "haasa jibbinsaa" of keessatti qabatan dhiyaachuun akka haqaman taasifameera.
Wantoonni feesbuukiirratti maxxafaman kan lakkoofsaan 150,000 ta'an kan haasaa jibbinsaa hin qabne akka fuula feesbukiirra turan godhamaniiru.
Feesbuukiin gama isaatiin gabaasicha akkana jechuun ibsa: "Kun bakka itti gaafatamumaaniifi iftoominni akka jiraatu barbaannudha".













