Mootiin qorichoota sammuu hadoochanii El Chaapoon US'tti yakkamaa jedhame

Madda suuraa, Reuters
Mootiin qorichoota sammuu hadoochanii lammii Meeksikoo Jo'aakiin 'El Chaapoo' Guuzmaan himata dhimma daddabarsa qorichoota sammuu namaa hadoochan irratti dhiyaatan kurnaniin yakkamaa ta'ee argamuu manni murtii federaalaa Niiwyoork beeksise.
Maanguddoon ganna 61 kun raabsa kookeeniifi herooyiin dabalatee daddabarsa maallaqaa seeraan alaafi meeshaalee waraanaan kanneeen biroon himatame.
Murteen dhumaa kana itti kennamuuf jiru ta'uus hidhaa umurii guutuu ta'a jedhamee eegama.
Guuzmaan Amajjii 2016 to'annoo jala kan oole ta'uus ji'a shan dura ujummoo keessaan miliqee bahuu danda'eera.
Bara 2017 mootummaa Ameerikaaf dabarfamee kennameera.
Lammiin Meeksikoo kun garee cimaa daddabarsa qoricha sammuu hadoochuufi meeshalee waraanaa duuba jira jedham.
El Chaappoon eenyu?
El Chaappoon nama garee kaaba Meeksikootti qorichoota sammuu hadoochan daddabarsan Sinalo'aa jedhamu gaggeessaa ture.
Boodas warreen gara ameerikaatti qoriichoota kana daddabarsan keessa isa guddaa ta'e. Bara 2009'tti Guuzmaan tarree sooressoota addunyaa barruun foorbis baasu keessatti qabeenya doolaara biiliyoona tokkotti siiqu galmeessun sadarkaa 701 ffaa qabatee ture.
Daddabarsa qorichoota kanaan dabalataan morkattoota laaffisuuf garee hidhattootaa ijaaruun ajjeechaawoon hibbaan lakkaawaman, buttaa fi gochoota dararaa biroo raawwachiiseera jedham.
Namoota isa waliin hojjechaa turan keessaa qondaalli waraanaa tokko irratti ragaa baheera.
ragaa baatotni biroon El Chaappoon namoota sadii wayita ajjeesu argineerra jechuun mana murtiit himaniiru.
Pireezidantii biyyattii duraanii Eneriikee Penaaniyaatoof matta'aa doolaara miiliyoona 100 kenneeras jedhama.

Madda suuraa, EPA
Mana murteetti yoo imalu haadha El Chaappoon abookatoo isaa harka fuudhee haadha warraa isaa ganna 29 fi injifattuu bareedaa biyyatti duraanii turtettii halaalaa dubbiseera.
Dhaddachii dhimma El Chaappoo ilaaluu torbaan 11 ture.












