Kaanaadaan kanaabiis seera-qabeessa taasiste

Kanaadaan alaabaa biyyaalessaa bakka isa baala mappilii qabuu isa baala maaruwaanaa qabu mirmirsuutti jirti

Madda suuraa, AFP/Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Seeneetiin wixinee dhimma kanaa sagalee deggersaa 52fi kan mormii 29 dabarseera

Paarlaamaan Kaanaadaa seera maariwaanaa (baala sammuu nama adoocha jedhame) bashannanaaf guutummaa biyyattiitti itti fayyadamuu dandeesisu raggaasise.

Labsiin Kanaabiisii kun Kibxata 19, 2018 irra sagalee deggeresaa 52fi kan mormii 29 argachuun akka raggaasifamu ta'eera. Wixeineen labsii kanaa akkamitti akka qorichi kun omishamuu, rabsamuufi gurguramuu qabu kan to'atuufi hordofu of keessaa qaba.

Lammileen Kanaadaa Fulbaana dhufu kanarraa jalqabanii Kanaabiisii seeraan itti fayyadamuu ni danda'u.

Biyyattiin qoricha/baala sammuu namaa adoochu seera-qabeessa taasisuutiin akka addunyaatti lamaffaadha.

Yuraaguwaay qoricha kana bashannanaaf itti fayyadamuuf Mudde 2013 irraa kaastee seera-qabeessa taasisuudhaaf akka addunyaatti biyya jalqabaadha. Kutaan bulchiinsa Ameerikaa bayyeenis qoricha kana fayyadamuun akka danda'amu kan eyyamu sagalee kennaniiru.

Kanaabiisii qabaachuun yeroo jalqabaatiif bara 1923 keessa ture kan akka yakkaatti fudhatame bara 2001 garuu wallaansa fayyaaf akka ooluuf garuu seera-qabeessa ta'e.

Wixneen kun torbanuma kana keessa Eyyama Mootii argata jedhamee kan eegamu yommuu ta'u, isaan booda mootummaan guyyaa seerri kun hojiirra itti ooluu danda'u filachuuf jira.

Ministirri Muummichaa Jestiin Tiruudiwuu akka tiwiiter irratti bareessanitti hanga ammaatti, "Ijoollee keenyaaf maaruwaanaa argachuudhaaf , warreen yakkamoo ta'an bu'aa itti guurrachuudhaaf baayyee salphaadha".

Abbootii siyaasaa warri mormaniifi rincicoo ta'an akkasumas gareewwan warra hundeen isaanii biyya keessaa ta'an warra seera haaraa kana mormuun yaaddoo qaban dhageessisan keessatti argamu.

Mootummaan kutaawwaniifi daangaawwan akkasumas bulchiinsawwan magaalaa dhaabii gabaa maaruwaanaa akka hundeeffataniif torbeewwan sadetii hanga 12 yeroon kennameeraaf.

Yeroon kenname kun industirriniifi humneen poolisii akkaataa seerri haaraa kun hojiirra ittiin ooluuf qophaa'uudhaaf yeroo argau.

Bara 2015 lammileen Kanaadaa maallaqa Dolaara Biliyoona 6'tti tilmaamamu kanaabiisirratti baasaniiru. Baasiin kun kan isaan wayiniirratti baasan waliin walqixa.

Maariwaanaan seera-qabeessa Kanaadaatti attamiin hojjetaa?

Gara walakkaa baatii Fulbaanaatiiin booda lammileen Kanaadaa kanaabiisiifi zayita kanaabiisii warra eyyama qabaniin omishamee gabaa bakka gara garaatti ni argatu jedhamee eegama.

Lammileen Kanaadaa guutummaa biyyattiirra jiran qoricha kana omishtoota federaalaan eyyamni kennameef irraa tooraa interneetiitiin ajajaan argachuullee ni danda'u.

O'iruu qonnaa maaruwaanaa Ontaariyoo

Madda suuraa, AFP/Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Seeronni attamitti akka kanaabiisiin itti gurguramuufi haarfamuu danda'uu danda'u kutaa biyyaa tokko irraa kan biraarratti ni dand'a

Namni umurii ga'eessa keessa jiru (al takkaatti) kanaabiisii gogaa hanga giraama 30 qaatee mullachuu ni danda'a.

Umuriin xiqqaan ittiin maaruwaanaa bitachuufi fayyadamuun itti danda'mu akka federaalaatti waggaa 18 ta'uun kan mirkanaa'e yommuu ta'u kutaaleen biyyattii tokko tokko tgaruu waggaa 19 godhachuu filataniiru.

Seera eessatti akka gurguramu, haarfamuufi hojiirra oolmaa isaa kan hordofan kutaaleen biyyattiidha.

Maaltu seeraan ala ta'aree?

Kanaabiisii giraama 30 ol qabaachuun seeraan ala, akka maatii tokkootti muka kanaabiisii afur caalaa biqilfachuun, daldaltoota warra eyyama hin qabnerraa bituun seeraan aladha.

Biqiltuu kanaabiisii

Madda suuraa, Press Association

Ibsa waa'ee suuraa, Kanaadaa keessatti fayyadama kanaabiisii ilaalchisee dhowwaan hangi tokko ni jiraata

Addabiin isaa baayyee hamaa ta'a. Namni kanaabiisii ijoolleetti ykn nama umuriifi haala of danda'e keessa hin jirretti durgure hanga waggaa 14 adabamuu danda'a.

Namoonni gariin yeroo yakkawwan akka alkoolii ijoollee ykn warra of hin dandeenyetti gurguruu waliin yeroo ilaalamu seerichi baayyee cimaadha.

Namni mormu jiraa?

Seerri haaraa kun guutummaatti kan jajame miti.

Qabxiin akka yaaddootti ka'aa jiru tokko umuriin xiqqaan kanaabiisii fayyadamuuf ta'e waggaa 18 ta'uurra waggaa 25 osoo ta'ee kan jedhanidha. Warri mornanis rakkaa fayyaa hawwaasumaarratti labsiin kun qabaachuu malu kaasu.

Kun osoo kanaan jiruu, namoonniifi abbootiin siyaasaa dhala biyyaa ta'an namoonni osoo sirriitti odeeffannoofi hubannoo ga'aa hin argatiin gara sagalee kennuutti deemame sodaa jedhus dhageesisaa jiru.

Kanaadaan maaliif amma kana taasiftee?

Labsiin kun waadaa Dursaan garee Paartii Liberaalii Tiraadiwuu bara 2015 keessa yeroo duula filannoo waadaa galan ba'anidha.

Murteen Kanaadaan maaruwaanaa bashannannaaf fayyadamuu seera-qabeessa taasifte kun akka addunyaatti ilaacha baalaa/qoricha sammuu namaa adoochu jedhamanirratti qabaatamaa ture ni jijjiira.