Harmeen mucaa konkolaataa jala dhokatee Dambidoolloodhaa Finfinnee galee maal jedhu?

Gammachuu

Madda suuraa, Amanuel

Mucaan ganna kudhanii konkolaataa Otobisii jala dhokachuun Dambidoolloorraa Finfinnee kiloomeetira 600 caalu imalee lubbuun oole miidiyaa hawaasummaa irratti tibbana dubbii ijoo ta'eera.

Mucaa xiqqaan kuni imala dheeraa booda Finfinnee galuu maaliif murteesse kan jedhu gaaffii namootni hedduun gaafatani.

Aadde Maartaa Taaddasaa harmee mucaa kanaati. Isaan dhalootaan Godina Qeellem Wallaggaa Magaala Muggii ganda Yaareriti.

Bu'aa bahii jireenya isaanii fi waa'ee mucaa isaanii hangafaa otobisii jala dhokatee Finfinnee gale kanarratti BBC waliin gaaffiif deebii taasisaniiru.

Aadde Maartaan haadha ijoollee lamaa yoo ta'an Gammachuun isaaniif mucaa hangafaati. Mucaa isaanii lammaffaa yeroo ulfa turani abbaan warraa isaanii waan boqoteef waggoota darban kanatti jireenya ulfaataa akka dabarsan himu.

"Magaala Dambidoollootti ergan galee gara waggaa saddeetii ta'a. Eelee namaarraa hunkuroo hunkureen, wayyaa namaa miicceen ittiin jiraachisaa ture. Manas hin qabu, waanan ijakoo irra kaa'adhus hin qabu. Ijoolleenkoo hagabuu hin bulin jedheeni," jedhu.

Hojiin Dambidoollootti hojjetan daran ulfaatee jennaan ijoollee isaanii qabatanii Dambidoolloorraa Anfilloo deemanii hojii humnaa hojjechuuf murteessan.

Ijoollee isaanii lamaan fudhatanii Anfilloo erga gahanii garuu waa'een mucaa isaanii hangafaa nagaa isaaniif hin kennine. Kanaaf gara Dambidoollootti deebisanii ergan.

"Ati biyya katamaa ta'e jiraadhu asii lubbuukee nagaan baafadheera beenu Dambidoolloo jiraadhu jedheen gaggeessee deebi'e. Firas naman itti kennus hin qabun ture. Waaquma wajjinan ijoolluma hiriyootasaa biratti gateen deeme," jedhan.

''Lafa ijjikoo sin argine, lafa ati nan arginen dhaqa naan jedha ture'' jedhu.

Mucaan xiqqaan waggaa kudhanii Gammachuun danqaa jiruu ijoollummaan isa mudateen jireenya daandiirraa dhandhameera. Garuu bakkichaa bahuuf sammuusaa ijoollummaatiin yaadee erga murteessee waan ture fakkaata.

"Ati maaliif sammuukoo dhiphista, bakkuma ati nan agarren dhaqa naan jedhaa ture. Atis sammuunkee dhiphachuukeerra bakka ati nan agarren dhaqa naan jedhaa ture" jedhu harmeen isaa.

Aadde Maartaa Taaddasaa

Madda suuraa, Amanuel

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aadde Maartaan mucaan isaanii hangafaa kuni Finfinnee deemuu nama kana dura Dambidoollootti hojii isaan hojjachiisaa turerraa bilbilaan dhagahan.

"Lafan hojjedhu kanatti natti bilbilanii mucaankee Finfinnee galee jira dafiitii gara Dambidoolloo koottu jedhanii naa bilbilan. Isaafan kunoo Anfiilloo irraa amma Dambidoolloo dhufe" jedhan.

Mucaan isaanii haala lubbuu isaatiif yaaddessaa ta'een imalee nagaan Finfinnee gahuusaatti guddaa akka gammadanii fi 'Finfinnee galuunsaa isaaf ''carraa gaariima ta'a jedheen yaada'' jedhu.

"Waaqayyotu lubbusaa oolche kana maal jechuun danda'a. Deemsasaa hin gaddine lubbuudhaan bahuusaan gammade. Fulduratti bakka guddaama gaha jedheen amana" jedhan.

Gammachuun erga Finfinnee gahee harmee isaatiif bilbilee dubbiseera."Hin yaadin ani nagaan Finfinnee gaheera. Gaafa na arguuf nabarbaadde ammoo buufata poolisii biratti na argatta naan jedhe" jedhu aadde Maartaan.

Akkaataa imala Mucaan waggaa kudhanii Gammachuun itti imale irratti odeeffannoowwan hin qulqulloofne lamatu jira. Kanneen kiisa Otoobisii shaanxaan keessa kaa'amu keessa dhokatee imale jedhani fi kaan ammoo Garaa Otoobisichaa jala sibiilarra dhokatee imale kan jedhu.

Akkaataa imala mucaa kanaarratti BBCn ofiin waan mirkaneeffate hin qabu.