'Sababiin areeda qabuuf akkan hin bareennetti takkaa yaadee hin beeku'

Shaayjaan namoonni areeda isheetiin yoo itti qosan hin sodaadhu jetti

Madda suuraa, SHYJA

Isin akkuma tasaa osoo maatii keessan keessaa, haatii warraa keessan ykn obbooleettii ykn intallii keessan osoo areedi dheeraan fuulasheerratti biqilee maal gootu?

Dubartii Indiyaa areeda fuulashee guddifattu tunis namootaan dinqisiifannaafi balaalleeffannaa akka irra gahu himti. Garuu isheen balaaleeffannaafi arrabsoo kamiinuu gonkumaa akka hin saalfannee (hin qaanoofne) dubbatti.

Dubartii Indiyaa yeroo keessa areeda baafte muxxannoofi mudannoo ishee akkasiin BBCtti himte.

Maqaanshee Shiyjaa jedhamti. ''Hareedakoo nan jaaladha,'' jetti dubartiin umuriin waggaa 35, Shiyjaan.

Namoonni karaa miidiyaa hawaasaatiin suuraa ishee arganiifi kanneen qaamaan argan hundi maaliif akka areeda guddiftu yeroo baayyee gaafatamti.

''Ani kanan jechu danda'u waanan jaaladhufan. Baayyeen jaaladha,'' jetti.

Dubartii maqaa tokkichaan waamamtu tunis, biyya Indiyaa aanaa Kaanuur kibba bulchiinsa Keraalaa keessa jiraatti. Akkuma dubartoota baayyee biraas, barootaaf hidhiishee gubbaatiin olitti riifeensa xiqqoo qabdi turte.

Isheenis rifeensichi gonkumaa haaduuf akka hin barbaadne dubbatti. Garuu ammoo waggoota shaniin duras, riifeensi hidhii gubbaa isheetiin olii kuni baayyachaa dhufuun ifatti mulachu eegale. Shiyjaanis akkuma jiruutti dhiisuuf murteessite.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Kanaan booda isa malee jiraachu yaaduu hin danda'u. Yeroo weerarri Covid-19n eegaleetti sababii fuulakoo haguuguuf jecha yeroo hunda maaskii kaawwachu jibbeen ture,'' jetti.

Namoonni ishee argan hedduun akka areeddashee kana haadduuf gaafatanilleen ishee hin barbaaddu.

''Sababiin areedda qabuuf jecha akkan hin bareenneetti takkaa yaadee hin beeku ykn yaaduus hin qabu.''

Yeroo baayyee dubartoonni fuularratti riifeensa qabaachuun gaarii akka hin taaneetti tiit himamuun gatii baasani haaduu.

Haata'u malee bara kana keessa dubartoonni muraasni rifeensa fuulasaanii irraa haaduu dhiisuun ilaalcha sana faallaa dhaabbataa jiru.

Bara 2016 keessas gaggeessituun duula ilaalcha gaarii qaamaa (body positivity campaigner) Haarnaam Ka'uur dubartii dardara addunyaa areeda baafte ta'uun galmee addunyaa Giinas irratti galmoofte.

Gaaffiifi deebii kana dura taasifteen, arrabsoo baayyee keessatti of jaalachuu baruun akkamitti akka riifeensa fuulasheerraa amantee fudhachuuf akka gargaare himte turte.

Harnaam Kaur

Madda suuraa, Getty Images

Shiyjaadhaaf ammoo areeddashee guddisuun qaama eenyummaa isheeti. ''Waanuman jaaladhuun hojjadha. Osoo lubbuu lama qabaadhee, tarii lubbuu tokkoon warra kaaniifiin jiraadha ture ta'a'' jetti.

Ilaalchi akkanaa kunis waggootaaf rakkina fayyaa keessa darbuurraa kan dhufeedha. Shiyjaan yeroo jahaaf wallaansa baqaqsanii yaalamu taasifte jirti.

Fakkeenyaaf, tokko harmashee keessaa dhiitoo baasuuf, tokko gadaameessa keessa dhiitoo baasuufi kkf yeroo jaha wallaanamte beekti.

''Yeroo hunda yoon wallaansa baqaqsanii yaalamu keessaa bahutti, akkan deebii'ee walllansa sana fakkaatuu hin taasifneen abdadha,'' jetti.

Rakkoolee fayyaa hedduu keessa darbuun ishees, Shiyjaan akka jireenya ishee gammachisuu jiraattuuf cimina kenneef.

Shiyjaan ijoolloommaatti ija laaftu akka turte dubbatti. Dubartoonni ollaashee sa'aatii 12n booda baayyee alatti ishee hin argan.

Bulchiinsi Keraalaa naannoolee baayyee guddataa jiran keessaa tokko taatuulleen, ammas naanncihatti olaantummaan dhiiraa ni mul'ata.

Dubartoonni qofaa jiraachuufi imaluu hin jajjabeefaman. Wayita gaa'ila dhaabbachuun gara bulchiinsa ollaa Taamiil Naaduutti dabarteetti, bilisummaa haaraa akka argattee dubbatti.

''Abbaan manaakoo hojii deemee galgala deebii'a. Kanaafu, galgala ala taa'een eega. Yeroo tokko tokkoos, yoon waa bitachu barbaade galgala keessa qofaakoo suuqii dhaquun danda'a. Eenyumti si hin xuqu. Yoon qofaakoo waan hojjachu wal jalaan baru ammoo ofitti amanamummaan koo dabalaa dhufe,'' jetti.

Shiyjaa

Madda suuraa, SHYJA

Maatiifi hirriyyooni Shiyjaa garuu hareeda ishee irratti hin mormaniin. Intalli ishees yeroo heddu akka irra bareedu itti himti.

Namoota daandii irratti itti dhufan irraa ilaalcha gosa hundaa akka dhaggeesse dubbatti.

''Namoonnis 'kan areedda biqilchu diira, garuu dubartiin attamiin biqilichitii?' jechuun natti qoosuu,'' jetti.

Dhiheenya kana keessas yeroo hedduu miidiyaalee biyya keessa irratti dhiyaatte. Odeessaalee dhimma isheerratti barraa'an irratti yaada badaa facebook irratti akka barraa'e argu himti.

Yeroo baayyees irriyoonni Shiyjaa yaadawwan kanneeniif cimsanii Facebook irratti deebii kennu. Isheen garuu yaadni badaan namootaa kunis gonkumaa akka ishe hin dhiphifne dubbatti.

''Yeroo tokko tokko ammoo isaanitti kolfuufan ilaalayyu.''