'Namoota baay'ee gabaabbatan yeroon argu bagan dheeradheen jedha'

Madda suuraa, Kuulii Araarsoo
Yaneenash Araarsoo jedhamti, Godina Horro Guduruu Aanaa Jimmaa Gannatii magaalaa Haratoo jiraatti.
Meetira1.95 kan dheerattu Yaneenash dheerachuu isheetti akka gammaddu BBCtti himteetti.
"Ani dheerina kootti yeroo hundumaa nan gammada," jette. Taatullee dheerinni ishee kun fayyaa fi jiruu isheerratti dhiibbaa uume qabaachuus hin dhoksine.
Yaneenash Araarsoo Itoophiyaatti dubartoota keessa dheerinaan sadarkaa tokkoffaa qabachuun dhiyootti dhaabbata Galmee Dinqisiisoo Afrikaa jedhamuun beekamtii argatte.
Sanan hordofuunis TV EBS irratti erga dhiyaattee booda miidiyaa hawaasaa irratti namoonni waa'ee ishee haasa'uu kan eegalan.
Obbolota waliin dhalattee keessaa isheen 6ffaa yoo taatu, isaan keessa dheerinaan kan ishee gitu hin jiru.
"Akaakayyuutti baate naan jedhu, akaakaayyuun keenya dheeraadha garuu amma koo hin gahu," jette.
Achuma Godina Horro Guduruu Aanaa Jimmaa Gannatiitti magaalaa Haratootti dhalattee guddatte.
Ijoollummaarraa kaastee qal’oo dheertuu waan turteef ijoollee umriin walgitan hunda dheerinaan ni caalti turte.
"Umriikoo fi guddinni koo akka wal hin madaalle natti himamaan guddadhe," jette.
Dheerinaafi gaa'ila
Yaneenash umriin ishee ganna 30, ''dheerinnikoo gaa’ila dhaabbachuurratti dhiibbaa natti uume'' jette.
Duraan gaa’ila dhaabbachuuf nama dheerinaan ishee gitu argatteetti, amalaan wal simu dhabuun otoo waliif hin galiin akka hafan kaafte.
"Nama dheeraa ana qiixxatu argadhuus amalli akkan barbaadu waan hin taaneef adda cita,’’ jette.
"Yeroo baayyee namoonni dheerinni dubartii dhiiraa gadi ta’uu qaba waan jedhaniif dhiibbaa natti uume jedheen yaada," jette Yaneenash.
Dheerina fi fayyaa
Mana barnoota sadarkaa lammaffaatti wayita darbiterraa kaase miilli ishee dhukkubuu jalqabe.
Rakkoon fayyaa ishee mudatullee Yaneenash kolleejjii teeknikaa fi ogummaatti sadarkaa amma ‘’level 3tti ‘’leenjiteetti.
Sana booda dhukkubbiin miilaa itti jabaannaan maatii ishee baadiyyaa jiraatan biratti deebite. Haati fi abbaan ishee yeroo kanatti du’aan boqotan.
Yaneenash amma daanteelii dhoofte galii argattuun jiraatti.
Deeggarsa maatii isheetiin mana yaalaa geeffamtee, ogeeyyiin fayyaa qaamni ishee guddaa ta’uurra kana ka’e miilli ishee akka dhukkubu itti himuu dubatte.
Kanarra kan ka’e yeroo ammaatti karaa dheeraa deemu hin dandeessu, dhukkubbiin naannoo jilbaa deemsa na dhowwa jetti. Ammas taanaan yeroo dheeraaf dhaabbatte turuu hin dandeessu.

Madda suuraa, Kuulii Araarsoo
Yaneenash miila qofaa otoo hin taane dhibee sammuu wal’aansa baqaqsanii yaaluu barbaachisuuf saaxilamuullee himti.
Waggotaa muraasan dura funyaan funuunee ishee rakkisuu hordofee dhibeen sammuu isheerratti mul’achuu ogeessa fayyaarraa mirkaneffatte.
Biyya hambaatti wal’aansa baqaqsanii yaaluutiin haala fayyaa ishee akka hordoftu itti himamullee maallaqa dhabde akka hafte himti.
Yaneenash amma biyya hambaa deemuun hafee, Haratoorra Finfinnee dhufuuf gatiin geejjibaa akka ishee dhibuu dubbatti.
Yaneenash, wal’aansa fayyaafi fuulduratti hojii dhuunfaa ishee hojjechuuf gargaarsan barbaada jetti.
Mudannoo Yaneenash
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yaneenash uffata yeroon bitachu barbaaddu harkaa isaa gabaabbatte akka ishee rakkisu dubbatte.
Sababa kanaaf uffata dheerina isheen walsimu akka garaatti argachuun na rakkisa jette.
"Suuqiidha uffata ykn kophee yeroon bitachuu deemu otoon safaradhee hin ilaaliin siif kan ta’u hin jiru naan jedhu," jettee mudannoo ishee kaafte.
Uffata qofa miti, kophee lakkoofsaan guddaa qabu argachuun dhibaa ta’uu himti.
Kophee lakkoofsi isaa 43 ykn 44 akka keewwattu kan dubbatte Yaneenash, kophee lakkoofsi isaa 40 olii suuqii ykn dukkaanarraa argachuun ‘’na rakkisa’’ jette.
Namoonni waa’ee dheerina ishee aja’iibsiifatan, nahanii fi yaada garaa garaa kennan akka jedhanillee dubbatte.
Iddoo akka gabaa fa’aa wayita deemtu waa’ee dheerina isheetii namoonni yaada kennaniif "ammam dheerattii!? Hojjaan ishii ammam gahaa! jedhanii akka dinqisiifatan jiraachuu himti.
Namoonni kaan ‘gabaa keessa bar si duwwaatu mul’ata naan jedhu,’’ jette.
Taatullee yaadni namoonni dheerina ishee ilaalachisuun kennaniif hedduun akka hin dhiphanne himti.
‘’Ani dheerina kootti yeroo hundumaa nan gammada, uumama waaqayyoottillee nan gammada, namoota baay'ee gabaabbatan yeroo argummoo bagan dheeradheen jedha,’’ jette.
















