Grand P: 'Namoonni haala qaama kootti kolfu garuu anis uumama Waaqaati'

Madda suuraa, Eudoxie Yao / Facebook
Maqaan waltajjii isaa Grand P jedhama, biyyasaa Giiniirra darbee addunyaarra hordoftoota miiliyoonaan lakkaa'aman qaba. Yeroo hedduu ijoo dubbii marsaalee hawaasummaati.
Guyyaa Wiixataa Finfinnee galeera jedhee miidiyaa hawaasaa irratti erga maxxansee boodas, waa’ee artistii fi nama siyaasaa lammii Giinii Grand P fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa wal-harkaa fuudhanii haasa’aa jiru.
Grand P’n sababa dhukkuba ‘progeria’ jedhamuun waan dhibamuuf dhaabbii qaamaa namoota kaanirraa adda tahe qaba. Kanaanis loogiin akka isa mudatuufi akka itti qoosamu miidiyaaleen hawaasaa isaa irratti ni dubbata.
Dhukkubni ‘progeria’ jedhamu kuni rakkoo qaccee sanyiin wal-qabatee dhufu yoo tahu, ijoolleen umriisaanii waggaa lamarraa qabee akka dulloomuu jalqaban godha. Kana malees hojjaan isaanii ni gabaabbata, rifeensillee irraa dhuma. Namoonni dhukkuba kanaan qabaman yeroo baayyee umriinsaanii waggaa 13 hin darbu.
Artistiin Feesbuukii irratti hordoftoota miiliyoona 5.6 qabuufi dhimma jaalallee isaatiin walqabatee namoonni hedduu waa'eesaa haasawan Grand P'n eenyu?
Grand P eenyu?
Maqaan isaa inni sirrii Moussa Sanguiana Kaba yoo tahu, nama ganna 32ti. Biyya Giinii, magaalaa Sanguiana jedhamtutti dhalate.
Sababa dhukkuba ‘progeria’ jedhamu kanaan hojjaansaa meetira tokkoofi seentmeetira 10, ulfaatinnisaa immoo kg25 hin dabarre.
Sababa qaamnisaa kan namoota kaanirraa adda taheef namoonni akka itti kolfan dubbata.
‘’Duraanis, ammas daandii magaalaa guddoo biyyattii Konaakrii irra yeroon deemu namootin akkaataa koo, hojjaa koo, haala haasaa kootti kolfu garuu anis uumama Waaqaati,’’ jechuun dubbateera.
Artiistiin bara 2019 irraa qabee beekamtiin isaa dabalaa dhufe kuni albama ‘I Khadi nan na’ jedhamu qaba, weellistoota kaan waliinis sirboota biroo hojjeteera.
Dhaaba fiilmii beekamaa Ameerikaa tokko waliinis fiilmii lama hojjechuuf bara 2020tti waliigaltee mallatteessera jechuun miidiyaaleen gabaafamaa ture.
Gareen kubbaa miilaa Giinii tapha Africa Cup of Nation bara 2019 Masriitti qophaa’e irratti hirmaachuuf yeroo deemanis Grand P’n biyyasaa bakka akka bu’uufi garee kanaaf deeggarsa akka kennu eeyyama argachuunsaa biyyasaatti caalaatti akka beekamu godheeras jedhama.
Artiistiin Giinii siyaasa keessattis hirmaatu bara 2020 keessa pireezidantii biyyattii tahuuf akka dorgomu beeksisee ture.
‘’Aangoo pireezidantummaa bara 2020f nan dorgoma. Ana dhaggeeffadhaa! Grand P dhagahaa! Jabina guddaan dhufaa jira, na deeggaruu qabdu,’’ jechuun yeroos fuula Feesbuukii isaarratti maxxansee ture.
Pireezidantii biyyatti nama ganna 82 Alfaa Kondees ‘ni morkata’ jechuun miidiyaa hawaasaa irratti waa’eensaa odeeffamaa ture.
Jaalalleen Grand P eenyu isheen?

Madda suuraa, Eudoxie Yao
Waa’een Grand P gaafa ka’uu dubbiin akka malee ho’u dhimma jaalallee nama kanaati - Eudoxie Yao.
Eudoxie Yao moodeelii, weellistuufi taatoo lammii Ayivoorii Koost yoo taatu, artist Grand P bara 2020 keessa gaaffii natti heerumtaa dhiyeessuun ishee naqateera. Jalqaba bara kanaarratti wal-fuudhuuf akka jedhanis miidiyaaleen waa’ee namoota beekamoo iyyaafatan gabaasaniiru.
Jaalallee isaa qaamaan guddoo taate Eudoxie Yao waliinis hariiroon qaban faayidaa maallaqaa irratti kan hundaa’edha jechuun fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa isaan qeeqanillee, isheen garuu Instaagiraamii hordoftoota miiliyoonaan lakkaa’aman qabdurratti, ‘’jaalalli keenyi jabaafi dhugaa irratti kan hundaa’edha. Jette jettee namaaf dhimma hin qabu,’’ jechuun barreessiteetti.
Yeroo inni pireezidantii biyyattii tahuuf akka dorgomu beeksisee turettis akka isa deeggartu miidiyaa hawaasaa irratti ibsaa turte.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa Instagram
Qabeenya Grand P
Qabeenyi nama beekamtiinsaa Afrikaa fi biyyoota hambaa waliin gahaa jiru ifatti beekamuu baatus, gurgurtaa albamasaa, haasaa sagantaawwan garaagaraa irratti taasisuufi daldala garaagaraa irratti hirmaachuun bara 2020tti galiinsaa doolaara miiliyoona 10 gaheera jechuun maddeen gabaasan jiru.

















