Manguddoon addunyaarratti umurii dheeraa jiraatan waggaa 116tti boqotan

Madda suuraa, AFP
Lammii Afriikaa Kibbaa addunyaarratti nama umurii dheeraa jiraatan jedhamanii yaadaman waggaa 116tti boqotaniiru.
Waraqaa ragaa eenyummaa Firedee Biloom akka mul'isuutti Caamsaa 8, 1904tti mandara Baha Keepii keessatti dhalatan. Kunis galmeewwan addunyaa beekamaadhaan kan mirkanaa'e miti.
Wayita dargaggeessa turanitti ture, maatiin isaanii hundi weerara Ispaanishii Filuu jedhamuun bara 1918tti kan dhuman.
Isaanis qofaa waraana addunyaa lammaffaafi appaartaayidii keessa darbanii jiraataniiru.
Mr Biloom bara 2018ti BBCtti akka himaniitti, jireenya dheeraa jiraachuuf icciitiin homaatu hinjiru jedhanii ture.
''Waan tokko qofaatu barbaachisa. Innis isa nama gubbaatti argamu (Waaqa) qofaadha. Inni dandeettii hunda qaba. Ani homaa hinqabu. Yomiyyuu kufuu danda'a, inni garuu na qabeera,'' jedhanii ture.

Madda suuraa, Fredie Blom
Mr Biloom jireenya isaanii bara dheeraa hojjataa humnaa tahuun dabarsan. Jalqaba maasaa qonnaarratti, itti aansee ammoo indaastirii ijaarsaa keessaa hojjataa turan. Soorama kan bahanis waggaa 80n isaanii keessa ture.
Baroota dheeraan dura dhugaatii dhaaban illee, maanguddoon kun tamboo xuuxaa akka turan himama.
Haata'u amlee, uggurri sababii koronaavaayirasii mootummaa Afriikaa Kibbaatiin kaa'ameen wal qabatee tamboo bitatanii marachuu akka dadhaban gabaafame.
Maatiin maanguddoo kanaa akka himanittis guyyaa Sanbataa Magaalaa Keep Taawonitti du'uma uumamaatiin boqachuu himaniiru.
''Torbaan lama dura Oupaa (akaakkayyoon) muka falxaa turan'' jedhan dubbii himaan maatii Andree Naadoo madda oduu AFPtti yoo himan. ''Nama cimaafi gammachuun kan guutaman turan.''
Garuu Mr Biloom guyyoota muraasa keessatti ''mana guddaa irraa gara xiqqootti walitti butaman,'' jedhan itti dabaluun.
Duuti isaaniis Covid-19n walitti dhufeenya qabaachu isaa maatiin hin amanu jedheera Mr Baadoon.













