Namtichi booyyee meeshaa jalaa hatterraa buufachuuf qullaa akka dhalatetti ummata dura fiige

Madda suuraa, Adele landauer
Barliinitti maanguddoon tokko osoo uffata baafatee caama qanqaammataa jiruu booyyeen daggalaa baatee borsaa isaa laaptooppiin kessa jiru jalaa fudhachuun fiiguu eegalte.
'Akkuma uumama ganamaa' sana qaaniifi saalfii tokko malee bineensi daggalaafi namni akkuma isaan uumetti waliin osoo fiiganii argaman.
Maanguddoon kunis qaanii tokko malee qullaa akkuma dhalatanitti booyyee ilmooleeshe lama waliin meeshaa jalaa hattee miliquuf turte hari'uu eegalan.
Kunis namoota akkuma isaa bakka sana aduutti bahanii caama qanqaammachaa turan hedduu ajaa'ibe.
Taatoo fiilmiifi barsiiftuu mala jireenyaa kan taate Adeele Laandaawur, yeroo namichi qullaa isaa booyyee hari'aa jiru kaastee fuula isheerratti maxxansite.
Bakki itti maanguddoon kuniifi booyyeen kun wal hari'an magaalaa Barliin keessatti iddoo namoonni qullaa isaanii qaama dhiqachuun aduutti bahanii caama qanqaammachuun hayyamamudha.
Toohufilsii jedhamti. Haroo bosonaan marfamte namoonni itti dacha'anii qaama dhiqatanii booda aduu qanqaammachuun itti dabarsan.
''Umamni kan ganamaatti deebite!'' jechuun bareessite. Itti dabaluunis, namtichi mataan isaallee kolfaa ture jette.
''Osuma waa irra hin buusiin akkuma jiruutti ifa taasisee,'' jette. ''Isaan boodas suuraalee namichattin agarsiise, innis baayyee dinqisiifannaan kolfee akkan maxxansuuf naaf hayyame,'' jechuun isbite.
'Xiyyeeffannaan isaa booyyittirra qofa ture''
Ms Laandaawur fuula Instagram isheerratti yaada kenneen akkas jechuun ibse: ''Taateen kun nama kaayyoosaa galmaan gahuuf hojjatuuf fakkeenya gaariidha.''
Wayita booyyeen daggalaa bakkicha dhuftetti namoonni qullaasaanii taa'uun aduu qanqaammataa turan hedduudha.
Osuma namtichi ciisee aduu qanaammataa jiruu booyyeen ijoollee ishee lama waliin suuta dhaquun nyaata pizaa borsaa dugdatti baatan keessaa jalaa nyaatan. Achiin booda, ''nyaata sifeessituu (dessert) sanatti dabalatan barbaaduutti kaate.''
Osoma barbaadanii borsaa bifa kelloo laaptooppiin namihaa keessa jirutti bahan. Yeroo borsaa sana argattus booyyeen kun fudhattee gugachuutti kaate.
Garuu abbaa qabeenyichaas laaptooppiin keessa jiraachu hubate.
"Kanaafuu, harkaa buufachuuf xiyyeeffannaa isaa booyyee irra taasisuun duukaa fiiguu eegale.''
Namoonni ilaalaa turan hundi, ''attamiin akka inni xiyyeeffannaan duukaa bu'aa tureef dinqiisiifatan. Wayita inni harkaa buufatee borsaasaa kelloo sana qabatee deebi'u injifannoo isaatiif hundi keenya harka walitti rukkunneef, baga gammaddee jechuun.''
Biyya Jarman keessatti aadaan tibba kana keessa namoonni paarkiiwwan keessatti uffannaa baafachuun qullaa taa'anii aduu qanqaammachuun baratamaadha.
Sochiin gara umamaatti deebi'uu 'Freikörperkultur' (aadaa qaama bilisoomsuu) ykn FKK for short jedhamuun beekamuu jira.
Taateen guyyaa Roobii darbee kun tibba gocha ajaa'ibaa sardiidoon daggalaa achuma Barliin keessatti raawwate turtee kan umameedha.
Sardiidoon magaalattii ija jaboon tokkoos mana namoota hedduu irra deemuun kophee isaan karra irratti baafatanii ol seenan hedduu funaantee kuuste waliin argamteetti.
Keessattuu tibba sababii koronaavaayirasitiif sochiin namootaa daangeeffamuun namoonni manatti galan kanatti bineensoonni carraa sochiin namootaa hirrachuu kanatti fayyadamuun waan dinqii hedduu akka raawwataan gabaafamaa jira.
Barliin naannoolee jireenyaa magaalaan ala ta'an tokko tokkootti booyyeen daggalaa qaata namootaan walitti of makan.
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook












