Dhedheeroo Itoophiyaa lamaan: Nagawoofi Biriheen yeroo jalqabaatiif qaamaan yeroo walargan maal waliin jedhan?

Madda suuraa, Feesbuukii Nagawoo Jimaa
Dargaggoo Nagawoo Jimaa dheerina isaa meetira lamaa fi seentimeetira 25 ta'een nama dheeraa jedhamuun miidiyaalerratti erga mul'aateen booda ture gama naannoo Amaaraatii namni Birihee Gaashuu jedhamu ammoo dheerinaan Itoophiyaarraa Tokkoffaan ana jechuun kan asbahe.
Yeroo sanatti Obbo Biriheen dheerinni isaanii meetira lamaa fi seentimeetira 50 akka ta'u himuunis Nagawoo Jimaa caalaa akka dheeratan amanamee ture.
Dargaggoo Nagawoo Jimaas Obbo Birihee miidiyaa irratti akka argee fi namni ana caalaa dheeratu jira jedhee amaneen ture jedha.
Nama dheerinaan nacaalu kana arguuf hedduu hawwaan ture jedha Nagawoon Turtii BBC waliin taasiseen.
Wixata darbe ammoo guyyaa hawwiin Nagawoon nama dheerinaan isa morkatu kana argachuuf carraa itti argate akka ta'es hima.
"Nama Obbo Birihee jedhamu kana namoota Yuutuubii irra hojjetantu gaaffiif deebii faana gochuuf gara Finfinneetti yaame.
''Gaafa inni dhufu anaafis naabilbilanii Biriheen Finfinnee dhufeera atis akka dhuftee walargitan barbaanna jedhanii naaf bilbilani" jedha Nagawoon.
"Ani nama hamma ammaa arge hunda asii gadin ilaalaa malee naman oljedhee ilaalu namudatee hin beeku.
''Biriheen ammoo anarra akka dheeratu waan odeeffamaa tureef dhaqeetuman nama nacaalu kana arga jedheen Finfinneetti qajeele" jechuun hima.
Finfinnee gahee wayita Obbo Birihee qaamaan argatetti nagaa erga walgaafatanii boodaa hojiin isaanii jalqabaa walcinaa dhaabbatanii dheerina isaanii walmadaaluu akka tures hima.

Madda suuraa, FIB TV
Haa ta'uutii namni dheerinni isaa meetira lamaa fi seentimeetira 50 dheerata jedhamee gabaafamaafii ture kana yeroo walcinaa dhabbannu ani isarra xiqqoo caaleeniyyuu argame jedha Nagawoon.
"Ennaa wal cinaa dhaabannee suura kaane baayyees ta'uu baatu ani xiqqoo caaletan jira. Kana dura inni meetira lamaa fi seentimeetira 50 jedhanii maalif soban jedheen xiqqoo akka aaruu wayiituu ta'eera," jedha.
Dheerinni keenya lamaanuu kennaa waaqaati kan jedhu Nagawoon, akkuma jedhame nama dheerinaan nacaalu ta'ee osoo argame nan gammadan ture garuu hin taane jedha.
Dheerina isaanii kana meetiraan akka safaramuuf anii fi warri nuwaaman fedhii qabaannulleen Obbo Biriheen waan fedhii dhabaniif garaagarummaa nugidduu jiru safaramnee hin barre jechuunis dubbata.
Kennaa waliif kennan…
Namoonni dhedheeroon Itoophiyaa lamaan jedhanii namoonni ibsan kunneen hanga wixata darbeetti miidiyaarratti kan walarganiin alatti qaamaan wal arganii hin beekan.

Madda suuraa, Awi Zone Communication
Nagawoon ammoo tibba darbe Obbo Biriheen Miidiyaa irratti yeroo dhihaatan sababa kophee argachuu dhabaniif jecha hanga umrii kanaatti Kophee osoo hin godhatin turuu isaanii gaafa argu hedduu akka gaddee ture himaa.
"Miidiyaarratti gaafan argu sababa kophee dhabeef miillisaa baayyee miidhamee jiraachuun arge.
''Achumaan kophee namoonni biyya alaatii kennaadhaan naaf fidanirraa Kophee lama kennaadhaan Obbo Bariheef ergeen ture" jedha Nagawoon.
Obbo Biriheenis gaafa gara Finfinneetti waamaman harka duwwaa Nagawoo hin argine. Gaabii uffata aadaa warra Awwii kennaadhaan Nagawoodhaaf kennaniifi.
Dhedheeroon lamaan erga yeroo jalqabaatiif Finfinneetti walarganiin booda guyyaa tokko akka wajjin oolaniif, waa'ee dheerina isaaniifi jireenya isaanii wajjiin haasa'uu hime Nagawoon.
"Inni dheerinaan nacaalee argamuu baatulleen nama dheeratee natti dhihaatu isuman arge hanga ammaatti.
''Yeroo jalqabaatiif nama dheerinaan natti dhihaatu gaateettii isaarra harka kaa'adhee innis gateettii kiyyarra harka kaa'atee wajjin deemne" jechuun dubbata Nagawoon.
Dhimmaa dheerina isaanii fi erga Nagawoo Jimaatin walarganii miira isaanitti dhagahame Obbo Birihee dubbisuuf yaalii goonus ammatti argannee yaada isaanii askeessatti dabaluu hin dandeenye.
Namoonni lamaan nuti dhedheeroodha haa jedhan malee hanga ammaa qorannoon guutuu biyyaatti taasifame dheeraan tokkoffaa abaluudha jedhu Itoophiyaa keessatti adda hin baane.















